Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waraqaa eenyummaa fi sareekoo qofa baraare': Israa'el manneen baqattootaa West Baankii diiguu itti fufte
Halkan humnoonni Israa'el gara kaampii baqattootaa Jenin kan West Baankiin dhuunfatame keessatti argamu seenanii jiraattonni Filisxeem 20,000 ta'an mana isaanii akka gadhiisan ajajuu jalqaban, manguddoon ganna 66 Jumaa Zaaweeydaa akka didu dubbata.
"Maatiin koo hundi gadhisanii bahan, ani garuu turuu akkan qabu itti hime, humnoonni Israa'el mana keenya diiguuf yoo dhufan, dura dhaabbadhee dhorkuu barbaada."
Achiin booda guyyaa sadiif naannichi weerara hamaa keessa ture. Yeroo hunda dhukaasni qawwee, dhohinsaa fi diroonii ollaa keessatti sodaa uume. Jumaan mana keessaa bahuu dadhabe.
Sana booda bishaanii fi ibsaan addaan cite, baatiriin bilbila isaa dhumnaan akka achi keessa turuu hin dandeenye.
Amma, ji'a sadii booda, Jumaan tulluu tokkorra dhaabbatee, magaalaa isaanii kan akka itti hin deebine waraana Israa'eliin dhorkaman ilaalaa jira.
Manneen humnoonni Israa'el barbaddeessan keessaa kan isaa tokko ta'uu ilaaluuf yaalaa jira.
Sagalee dhohinsa ammallee ni dhaga'ama.
Osoo waraanni Onkololeessa bara 2023 Gaazaa keessatti hin ka'iin dura, Israa'el duraanuu West Baankii keessatti duula waraanaa garee hidhatan irratti gaggessaa turte.
Namoonni naannoo kana jiraatan Filisxeemota waraana bara 1948 yeroo Israa'el uumamu baqatan ykn ari'amaniiru. Kaampii isaanii keessatti gareen hidhatan hundaa'aniiru.
Gareewwan ijoo Kaampii Jeniin keessa jiran jihaada Islaamaa Filisxeem fi Hamaas waliin hidhata qabu.
Loltoonni isaanii humnoota waraanaa Israa'el irratti duulaniiru, yeroo adda addaa qubsiistota Israa'el West Baankii keessa jiran irratti haleellaa raawwataniiru.
Lakkoofsi hidhattoota kanaa hin beekamu garuu gaazexeessitoonni biyya keessaa kaampii Jeniin keessatti kanneen 150 ta'an akka turan tilmaamaniiru .
Ministirri Ittisaa Israa'el kaampii kun ''mandhee shororkeessummaa'' jechuun, Amajjii keessa tarkaanfii waraanaa fudhachuu eegalan. Jiraattonni akka bahan ajajee gamoo diiguu jalqabe.
Garuu Israa'el amma guutummaatti kaampii kana uggurtee waan jirtuuf Filisxeemonni hedduun maneen isaanitti deebi'uu akka danda'an hin beekan.
Akka tilmaama ejensiin baqattootaa Filisxeem UNRWA'tti Israa'el yoo xiqqaate gamoo 260 kan mana jireenyaa 800 of keessaa qabu diigdetti. Akkasumas ji'a Amajjii irraa kaasee namoonni 42,000 ta'an kaampii keessaa buqqa'aniiru.
Ji'a Guraandhalaa keessa waraanni Israa'el hidhattoota 60 ajjeesuu fi namoota 280 to'annoo jala oolchuu beeksise.
Gama kaanin ammoo qondaaltonni fayyaa Filismeem akka jedhanitti, Amajjii irraa kaasee namoonni 100 humnoota Isra'eelin West Baankii keessatti ajjeefamaniiru.
Caamsaa 1, Israa'el kaartaa haaraa gamoowwan 106 kan "kaayyoo waraanaaf" sa'aatii 24 keessatti diiguu qabdu argisiisu qondaaltota Filisxeem West Baankii jiraniif kennite.
Duulli Israa'el waggoota kurnan lamaan darban geggesaa jirtu lammilee Filisxeemonni West Baankii dirqiin akka buqqa'an taasiseera jedhu dhaabbileen gargaarsaa.
"Wanti ta'aa jiru waan kanaan dura hin argamnedha," jedha West Bankiitti daayreektarri UNRWA kan ta'e Roolaand Friidriich.
"Lakkoofsa fi badiin amma argaa jiru kan bara 1967 yeroo Israa'el Weest Bank qabachuu ishee eegalte kan caaludha."jedha
Yeroo gaaffii fi deebii kantiibaa magaalaa Jeniin waliin taasisan, humnoonni israa'el filisxeemota hedduu akka hidhan BBCn argee ture.
"Kaayyoon israa'el kaampiiwwan kunneen guutummaatti akka jireenyaf hin mijanne gochuudhaaf." jedha kantiibaan magaalaa Jeniin Mohammad Jarrar.
Jumaan namoota meeshaa isaanii akka fudhatan Israa'el hayyamteef keessa tokko. Kunis daqiiqaa muraasa qofaaf. Jumaan waraqaa eenyummaa fi sareesaa qofa fudhachuu danda'e.
Baatii Bitootessa keessa Israa'el kaartaa gamoo 90 ol kanneen Jeniin keessatti diiguuf deemu baaste. Manni Jumaa isaan keessaa tokko ture.
Waraanni Israa'el "bilisummaa sochii" humnoota isaa fooyyessuuf gamoolee kana diiguun barbaachisaa ta'uu BBC'tti himeera.
BBCn, hanga Amajjii 27tti, yoo xiqqaate gamoo 33 tarree kana keessa turan, kan Jumaa dabalatee, akka barbadaa'an mirkaneessuu danda'eera.
Mana koo maaliif diigan? Beekuu barbaada. Waraanni Israa'el sababa akka naaf kennu nan barbaada. Hidhattootaan hidhannoo hin qabu ture. Ani nama nagaadha" jedha Jumaan.
"Mana koo ijaaruuf waggoota 50f hoji hedduu hojjedheera."
Manni isaa diigamus, Jumaan gara olla isaatti deebi'u fedha.
"Ani kaampii keessaa hin bahu. Yoo mana koo deebisee ijaaruun naaf hin hayyamne, bakka isaa dunkaana dhaabee jiraadha," jedhe.
"Maatiin koo bara 1948 buqqa'uun gahaa mitii? Yeroo hunda buqqa'iinsi nu mudachuu qaba?"