Walitti bu'iinsa naannoo daangaa Affaariifi Somaaleen yaaddahuu KMNI ibse

Maxxanfame

Walitti bu'iinsi meeshaa waraanaan deeggaramee daangaa naannolee Affaariifi Somaaleetti gaggeeffamu yaachisaa ta'uu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise.

Daangaa naannolee lamaaniitti jiraattota akkasumas qamoolee nageenyaa naannolee lamaanii gidduutti walitti bu'iinsi irra deddeebiin ka'u lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa guddaa geessisaa ture. Ji'oota dura rakkoo kana karaa nagaa furuunis danda'amee ture.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa Jimaata galgala baaseen garuu daangaa naannolee lamaaniitti walitti bu'iinsa meeshaa waraanaan godhamuun, namoota nagaarra miidhaa qaqqabuufi buqqaatii mudatu ilaalchisee gabaasni yaachisaan isa qaqqabaa jiraachuu ibse.

Torban dhumaa ji'a Caamsaarraa eegalee walitti bu'iinsa eegaleen qabeenya uummataa fi dhuunfaarra miidhaan gahaa jiraachuu komiin isa qaqqabaa akka ture himeera.

Aanga'oonni bulchiinsaa fi nageenyaa naannolee lamaanii yeroo jedhame keessa dhukaasa qaamolee nageenyaa naannolee lamaanii gidduutti darbee darbee banameen namoota nagaarra miidhaan gahuu, buqqaatiinis mudachuu komishinichaaf mirkaneessaniiru.

Daangaa Affaariifi Somaaleerratti yeroo dheeraaf bulchiinsi lafaa naaf mala gaaffii jedhuurratti hundaa'uun walitti bu'iinsi irra deddeebiin dhalata. Walitti bu'iinsa kanaaf naannoleen lamaan quba walitti qabu.

Walitti bu'iinsa irra deddeebiin dhalatu kana haala waaraa ta'een xumuruuf jaarsolii biyyaa fi hawaasa naannolee lamaanii walitti fiduun ji'oota dura araarri godhame abdii guddaa horee turus walitti bu'iinsi deebi'eera.

Walitti bu'iinsi torban dhumaa ji'a Caamsaa eegale jiraattota naannolee lameenii bara darbuun qaamolee nageenyaa naannolee lameenii kan hirmaachise ture jedhu jiraattootni BBCn dubbise.

Akka jiraattootni jedhanitti naannolee lamaan irraayyuu lakkoofsi isaa gargar ta'uus lubbuun namaa darbeera.

Jaarsa biyyaa naannoo Somaalee kan ta'an Haji Alii Hasaan yaada BBCf kennaniin walitti bu'iinsa meeshaa waraanaan deeggaramee guyyootaaf gaggeeffameen ''guyyaa tokkotti namootni 15 ajjeefamuu nan beeka'' jedhan.

Jiraataa naannoo Affaar kan ta'an Yaasiin Ahimad gama isaaniin qaamoleen naannoolee lamaan irraayyuu hidhatan guyyootaaf walitti dhukaasaa akka turan himan. Lola kana keessa lakkoofsa namoota du'anii mirkanatti akka hin beekne dubbatan.

Maddi walitti bu'iinsa tibba kanaas gaaffii bulchiinsa lafaa naaf mala jedhuufi barootaaf ture akka ta'e jiraattotni dubbifne kun himaniiru. Naannoon inni tokko naannoo isa kan biraa seenuun lafa kiyya jedhu humnaan to'achuuf yaaluu ykn to'achuutu rakkoo uume.

BBC'n Wiixata darbe irraa eegalee dhimma kana hordofaa kan ture ta'us walitti bu'iinsa kanana lubuu namaa darbe ilaalchisee ragaa qabatamaa argachuu hin dandeenye.

Aanga'oonni kominikeeshinii naannolee lameeniis gaaffii BBCrraa dhiyaateef dhagahanii deebii kennuuf fedha osoo hin qabaatiin hafaniiru.

Komishiniin Mirgoota namoomaa Itoophiyaa walitti bu'iinsa kana keessa lubbuu namaa darbeera jedhamu lakkoofsaan hin ibsine.

Rakkoo kana saffisaan furuuf mootummaa Federaalaarraa deeggarsi dabalataa akka barbaaachisu eeruun walitti bu'iinsi akka hin hamamanne Komishinichi waamicha godheera.