Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Karoorri waraana Gaazaa dhaabuu US dhiyeessite maalidha, danqaawwan jiran hoo maal fa'i?
Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan gara Baha Giddu Galeessaa erga imalanii booda Waraanni Gaazaa guyyoota gidduutti akka dhaabatu dubbatan.
Biliinkan kana kan jedhan Israa'el karoora waraana dhaabuu US qopheessite fudhachuu erga beeksisanii boodadha.
Karoorri waraana Israa'elifi Hamaas gidduutti gaggeeffamu dhaabuuf US qopheessite kun waraana Gaazatti gaggeeffamu guutummaatti akka dhaabatu kan godhuufi lammiilee Israa'el butamanii harka Hamaasifi michootasaa harka jiran akka deebi'an kan godhuudha.
US waraanni Gaazaa akka dhaabatuuf akkasumas Israa'elifi Hamaas waraana akka hin dhaabnef wantoota danqaa ta'an hambisuuf hojjataa turte.
Qabxiilen ijoo karoora nagaa US dhiyeessite maal fa'i?
Karoorri waraana dhaabuu pirezidaantin US Joo Baayidan dhiyeessan ji'a Caamsaa keessa kan ifa ta'e yoo ta'u gareewwan lachuu akkaataa karoota kanaan mariirra gahuu hin dandeenye.
Ministiirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan torbee kana gara Israa'el deemun karoorri waraana dhaabuu kun akka hojiitti hiikamuuf mootummaa Israa'el waliin dubbataniiru.
Karoorri waraana dhaabuu US qopheessite kun gulantaa sadiin kan hojiirra ooludha.
Gulantaan jalqabaa "dhukaasa guutummaan dhaabuu" yoo ta'u ji'a jahaaf kan turu ta'ee bakkeewwan namoonni itti heddummatan keessaa waraanni Israa'el akka bahu kan godhuudha.
Gulantaa jalqabaa kana keessatti Hamaas namoota bute muraasa: dubartoota, namoota umuriin dulloomaniifi dhukkubsatan dabalatee gadi lakkisa. Israa'elis hidhamtoota Filisxeem hamma tokko gadi lakkifti.
Gulantaa lammataa irratti namoonni butamanii harka Hamaas jiran kan lubbuun jiran kan gadi lakkifaman yoo ta'u, "waraanni guutummaan akka goolabamu" godhama.
Israa'el akka jettutti namoonni butaman 100 harka Hamaas kan jiran yoo ta'u isaan keessaa namoonni 71 lubbuun jiru jettee amanti.
Osoo Hamaas gaafa Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti haleellaa hin banin dura lammiilen Israa'el afur butamanii Gaazaa keessa turan. Isaan keessaa lama akka du'antu himama.
Ji'a Sadaasaa keessaa Hamaasifi Israa'el yeroo gabaabaf dhukaasa dhaabuf walii galanii namoonni Hamaas bute 105 gadi lakkifamuunsaanii ni yaadatama.
Gulantaa sadaffaan karoora waraana dhaabuu US kun kan of keessatti hammatu Gaazaa deebisanii ijaaruu eegaluufi lammiilee Israa'el butamanii Gaazaa keessatti du'an reeffasaanii deebisuudha.
Mootummaan Israa'el Hagayya 19, 2024 ibsa baasen biyyattiin karoora waraana dhaabuu US dhiyeessite kana akka fudhatu beekse.
Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu karoorri US dhiyeessite lammiilee butaman kan deebisuufi nageenya Israa'el yaada keessa kan galchu taanan akka fudhatan ibsi mootummaa Israa'el kuni ifa godhe.
Karoora waraana dhaabuu kana wantoonni danquu danda'an maal fa'i?
Israa'elifi Hamaas karoora waraana dhaabuu US dhiyeessite kana akka fudhatan beeksisanis, ammayyuu garaa garummaa guddaatu gidduusaanii jira.
Wantoota marii kana danquu danda'an keessaa tokko waraanni Israa'el itti fufiinsan Gaazaa keessa turuu kan jedhuudha.
Hamaas deebi'ee akka hin gurmoofneefi meeshaa waraanaa alaa dhoksaan hin galchineef gocjhuuf Israa'el humni waraanashee Gaazaa keessa akka turu feeti.
Hamaas gamasaan waraanni erga dhaabatee booda waraanni Israa'el Gaazaa keessaa turuu akka hin qabne barbaada.
Lammiilee Israa'el butamanii harkasaa jjiran gadi lakkisuuf lammiilee Filisxeem manneen hidhaa Israa'el keessaa gadi lakkifamuun Gaazatti deebi'uu qabu jedhurratti Israa'el wajjin garaa garummaa qaba.
Qaamoleen lamaan waliigalteerra gahuuf carraa hagamiitu jira?
Qondaalli US Antoonii Biliinkan dhukaasni hatattamaan dhaabbachuu qaba jedhan daawwannaa Israa'elitti taasisaniin.
"Kuni yeroo murteessadha, namoota butaman deebisuuf, dhukaasa dhaabuf, nagaafi tasgabbii waaraa fiduuf garee hundumaa fayyadamaa taasisuuf kuni carraa dhumaa ta'uu danda'a," jechuun gama lachuu akeekkachiisan.
Biliinkan karoora waraana dhaabuurratti mootummaa Israa'el wajjin erga walii galanii booda, jaarsolii araaraa Masiriifi Kaatar waliin dubbachuuf gara Kaayiroo imalaniiru.
Masiriifi Kaatar biyyoota Hamaas wajjin qunnamtii qaban keessaa tokkoodha.
Hamaas garuu mariidhaf bakka bu'oota akka hin ergine beeksise.
Qodaalli Hamaas Kaatar jiru Baasim Naa'im akkas jechuun dubbate: Gaafa Adoolessa 2 karaa [jaarsolii araaraa] karooricha akka fudhannu ibsineerra. Kanaaf, marii marii marsaa biraa ykn," jedhe.
Dabaluunis, " fedhii haaraa Beeniyaamin Netaaniyaahuu gaafatu irratti mariyachuu hin barnaannu" jedhe.
Ammas taanan Hamaas nagaan mariyachuu fedhii qabaachuu ibsuun, garuummoo "Ijannoo keenya laaffisnee waan dandeenyu hunda goonerra, qaamni biraa [Israa'el] garuu kana akka dadhabinaatti fudhachuun humna fayyadamuu barbaade," jechuun ibse.
Mootummaan Israa'el ammoo waliigalteerra akka hin gahamneef guutummaatti Hamaastu "danqaa ta'e" jechuun garicharratti dhiibbaa gochuun barbaachisaa akka ta'e ibse.
Haleellaa Hamaas ji'a sagal dura Israa'el irratti raawwate hordofee Israa'el "Hamaasin dhabamsiisa" jechuun Gaazatti duulte.
Ragaan Ministeera Fayyaa Gaazaa akka agarsiisutti, erga waraanni Gaazatti eegalee lammiilen Filisxeem 40,130 du'aniiru.
Ammas Israa'el haleellaa Gaazatti gaggeessitu ittuma jirti. Guyyoota darban keessa buufataalee Hamaas dhimma waraanaf itti fayyadamuufi ulaawwan lafa jalaa Hamaas rokkeettii dhukaasuf itti fayyadamu heddu macaansuu Israa'el beeksifte.
Antoonii Biliinkan imala Baha Giddu Galeessatti taasisaniin yeroo dhiyootti dhukaasni dhaabbatee waliigalteerra akka gahamu himanis gama Israa'eliis ta'ee gama Hamaasii maddeen BBCn dubbise hamma kana abdii hin qaban.