Aanaa Saxxammaatti miidhaan amantoota Waldaa Makaana Yesuusii Gaattiraarratti raawwatame maali?

Godina Jimmaa Aanaa Saxxammaa magaalaa Gaattiraatti miseensonni Waldaa Makaana Yesuusii waldaatti kadhatarra osoo jiranii haleellaa meeshaalee qara qabuun irratti raawwatameen miidhaan namaa fi qabeenyarra gahuu gaggeesan waldichaa BBCtti himan.
Waldichatti barsiisaa amantaa ta'uu kan himan Lubni Abdataa Lammeessaa BBCtti akka himanitti, Kamisa halkan amantoonni sagantaa kadhannaa osoo gaggeessaa jiranii haleellaan irratti baname.
"ALI Bitootessa 4 bara 2017 halkan naannoo sa'aatii sagaliitti amantoonni osoo waldaa keessatti waaqeffachaa jiraniiti kan haleellaan kun irratti raawwatame," jedhan barsiisaan waldittii BBCn dubbise.
"Namoonni hedduun gara waldichaa dhufanii amantoota cuubee fi gajaraadhaan miidhaa irraan geessisan. Yeroo sanatti ibsaan balleeffamee waan tureef eenyummaa namoota kanneenii abaluudha jennee adda baasuu hin dandeenyu," jechuudhaan haalaa taateen kun itti mudate himan.
Haleellaa 'garaagartee amantaa irraa maddedha' kan jedhan Lubni kun, namoonni saddeet haleellaa meeshaa qara qabuun kan miidhaman akka ta'ee fi qabeenyi hedduunis manca'uu dabaluun dubbatan.
"Namoonni miidhaan qaamaa irra gahe saddeeti. Isaan keessaa miidhaa cimaan kan irra gahe namoota sadiidha. Waldaanis, qabeenyi waldaa keessa jiru hundis ibiddaan barbadeeffameera," jechuun badiifi miidhaan amantoota irra qaqabe ibsan.
Kana malees, manni amantootaa naannawa mana waaqeffannaa kanatti argamu adda baafamuudhaan manneen maatii 14 ibiddaan gubachuus himan.
Waldaan Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuusii Itoophiyaa dhimma kana ilaalchisuun ibsa baaseen, "Amantoota miseensota keenya ta'an sagal irratti gochi sukaneessaan gajaraa, albee fi meeshaaalee garagaraatiin deeggarameen miidhaa guddaan gaheera," jedhe.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti dabaluunis, gochi akkasii kun yeroo kanatti raawwatamuun waan nama gaddisiisu akka ta'ee fi amantoota irrattis miidhaa xiin- sammuu kan geessise ta'uu ibse.
Rakkoon kun erga amntootaafi waldittii irratti mudateen booda bulchiinsi Godina Jimmaa tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa jiraachuusaafis waldattiin galateeffatteetti.
Lubni Abdataan gamasaanitiin rakkinni kun mudachuun booda qaamoleen nageenyaa Aanaa Saxxammaa fi Godina Jimmaa rakkinichi akka hin babal'anneef tattaaffiin taasisan kan jajjabeeffamu ta'uu himaniiru.
"Qaamni mootummaa nu dursee bakka sana qaqqabe. Nama ka'umsa jeequmsa kanaati jedhamee shakkames to'annoo jala oolchaniiru. Kaanis sakatta'aa jiru," jechuun tarkaanfii qaamooleen mootummaa haalicha to'achuuf taasisan ibsan.
"Dhugaa dubbachuuf waan kana tasgabbeessuuf qaamni mootummaa tattaaffii guddaa godhee jira. Karaa mootummaa wanti jiru waan gaaridha," jedhan.
Akka Lubni kun jedhanitti, haleellaan hordoftoota amantichaa irratti raawwatamu kan miilanaa kun kan jalqabaa miti.
Ji'oota muraasaan duras barsiisaa amantaa waldichaa tokko dhagaan rukutamee miidhaan irra gahuu fi namni gocha sana raawwate seeratti dhihaatee adabamuu yaadatu.
Walitti qabaan Waldaa Makaana Yesuusii Gaattiraa Obbo Rattaa Shuree gamasaaniin, rakkoo mudate kana tasgabbeessuuf qaamoleen mootummaa abbootii amantaa Islaamaa fi waldaa keenyaa walitti fiduun marii taasifamee jedhan.
Marii kanarraas wal hubannaa gaariin uumamuu fi waldaan isaanii yaaddoo fi sodaa malee waaqeffannaa isaanii akka itti fufanii fi miidhaa gahe irratti itti fufiinsan akka mari'atamu himan.
Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Saxxammaa gamasaatiin ibsa taatee kana ilaalchisuun fuula miidiyaa hawaasummaa irratti baaseen, "Gochi diinni Maaliyaa amantaa uffachuun uummata keenya walitti buusuuf yaale fashalaa'era," jedhe.
Haleellaa Kamisa darbe waldaa amantoota Makaana Yesuusii Gaattiraatti raawwatame kanaan boodas, miseensonni waldattii bakka waldaan gubatetti kana dirree irratti waaqeffannaa yeroo gaggeessan suuraalee miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa ture.
Dhimma kana irratti qaamolee mootummaa Godina Jimmaa irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin taasifne ammatti hin milkoofne.












