Raashiyaa caala Yukireen waliin marii gaggeessutu ulfaatadha- Tiraamp

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidaantin US Doonald Tiraamp Raashiyaa caalaa Yukireen waliin dubbatanii marii gaggeessuun akka itti ulfaatu hime.

"US Raashiyaa waliin haala gaarirra jirti" jechuun "dhuguma dubbachuuf Mooskoo waliin dubbachuu caala Kiiv waliin mariyatanii dubbii furuutu ulfaataa ta'ee natti mul'ate" jedhe kaleessa turtii gaazexeessitoota waliin taasiseen.

Kaleessuma, Jimaata, osoo kana hin dubbatin sa'aatii muraasa dura Raashiyaarra qoqqobbii diinagdee cimaa kaa'uf akka karoorse fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaasa kan ta'e Truth irratti barreessee ture Tiraamp.

Tiraamp torban kana Yukireenirraa deeggarsa waraanaa addaan kutuu qofa osoo hin taane, odeeffannoon tikaas akka hin qoodamneef ugguree jira.

Kuni kan ta'e torban darbe pirezidaantiin Yukireen Waayit Haawus deemee Tiraamp waliin walii galuu dadhabee erga deebi'ee boodadha.

Tiraamp deeggarsa waraanaafi odeeffannoo tikaa Yukireenirraa dhaabuu hordofee Raashiyaan Yukireenirratti haleellaa misaa'elaa guddaa gaggeessiteetti.

Haleellaa misaa'elaa Raashiyaan Kamisa halkan raawwatteen miidhaan guddaan Yukireenirra ga'eera. Kanuma hordogee Jimaata kaleessaa, Tiraamp Raashiyaan haleellaa cimaa raawwachuusheef qoqqobbii akka irra kaa'u itti dhaadatee ture.

Sa'aatii muraasa booda ammoo "Raashiyaa caala Yukireen waliin mariyachuutu ulfaata" jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessites "Puutin waanuma namni tokko gochuu qabu godhe" jechuun dubbate.

"Akka natti fakkaatutti [Puutin] kana kana duraa caala isaan [Yukireen] haleelaa jira," jedhe.

"Isaaan [Yukireen] waraana kana xumuruuf fedhii qabaachuusanin baruu barbaada, waraanicha xumuruu barbaaduu isaanii hin beeku," jechuun waa'ee Yukireen shakkiin dubbate.

Ameerikaan kan barbaaddu Yukireeen albuudashee harka walakkaa akka kennituufidha. Yukireen ammoo waraanni erga xumuramee booda wabii nageenyaa US irraa barbaaddi.

Tiraamp garuu waa'en wabii nageenyaa booddee waan irratti mariyatamuufi "waan salphaa ta'eedha" jechuun kaleessa dubbate.

Torbee qondaalonni US olaanon gara Saawudii deemun bakka bu'oota Yukireen waliin wal-arganii waa'ee walii galtee Tiraamp barbaaduu irratti dubbatu jedhanii jedhamee eegama.

Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin biyyisaa nagaa buusuf akka barbaaddu ibseera.

Raashiyaan waraana akka dhaabduuf dhiibban akka irratti gaggeeffamus hime.

Torbee darbe Waayit Haawus deemee Tiraamp wajjin wal-dhabuusaatti akka gaabbefi walitti dhufeenya US waliin qabu sirreessuu akka barbaadus ibseera.

Kamisa darbe xalayaa Tiraamp dhiifama gaafachuun US galateeffatee xalayaa Tiraampif erguu qondaalonni US ibsaniiru.