'Oppireeshinii marsaa sadiin gaggeeffameen Naannoon Amaaraa sochii idileetti deebi'aa jira'

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa hidhattoota Faannoo irratti tarkaanfii fudhataa akka jiru ibsameera

Madda suuraa, FDRE DEFENSE FORCE

Maxxanfame

Oppireeshinii waraanaa marsaa lammaffaa fi sadaffaa Naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffameen irra caalaan naannichaa gara jireenya idileetti deebi’eera jedhe Izziin Ajaja Waliigalaa Labsii Yeroo Muddamaa.

Izziin waliigalaa kun har’a gamaaggama raawwii labsichaa guyyaa 20 gaggeesseen magaalaa Baahirdaar dabalatee irra caalaan magaalota aanolee fi godinaalee humna hidhattoota Faannoo jalaa bilisa bahu ibseera.

Hidhattootni Faannoo fi milishootni naannicha keessa socho’an sirreeffamtoota seeraa mana hidhaatii humnaan gadhiisuun saamichaaf akka haalli mijatu godhaniiru jedhe.

Dabalataan bu’uuraalee misoomaa murteessoo tahan mancaasuun qawweedhaan mootummaa naannichaa fonqolchuuf yaaliin taasisan oppireeshinii gaggeeffameen fashalaa’uu ibse.

Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa kana fuula Feesbuukii isaa irratti akka maxxansetti, ‘’mootummaa Naannoo Amaaraa saamicha, mancaatii fi diigamuu irraa oolchuun danda’ameera,’’ jedhe.

Izziin Waliigalaa kun hidhattoota Faannoo naannichaa ‘’saamtota’’ jechuun ibse bakka dhokataatti gareedhaan walitti qabamuun, daandii fi suuqiiwwan cufuun saamuuf yaaliin godhan hin milkoofne jedhe.

Magaalota godinaa fi aanolee hidhattoota kana jalaa bilisa baasan keessatti namoota gochicha keessatti adda durummaan hirmaachuun shakkaman to’atamaa jiraachuus ibseera.

Dabalataan bakkeewwan dhokataa gareen kun keessatti hafe muraasaan ala bakkeewwan to’annoo humna ittisa biyyaa jala galan keessatti qonnaan bulaan hojii oomishaatti deebi’uu eereera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Labsiin yeroo muddamaa Naannoo Amaarraatti labsame ji'oota jahaaf tura.

Izziin labsicha hojiirra oolchus naannoo Amaaraa bakka sadiitti qooduun oppireeshinicha akka gaggeessu ibsi mootummaa fedraalaa kenne ni addeessa.

Walitti bu’iinsi Naannoo Amaaraatti humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti dhalate Itoophiyaa waraana wal waliinii biraatti akka hin galchine sodaatameera.

Birmannaa Naannoon Amaaraa gaafate hordofee mootummaan humnoota nageenyaa federaalaa erga bobbaase booda magaalonni gurguddoo naannichaa tasgabbii horachuun ibsame.

Haata'u malee bakkeewwan naannichaa birootti ammallee walitti bu’iinsi akka jiru gabaafama. Waamichi walitti bu’iinsi kun marii nagaan akka xumuramu taasifamus akkuma itti fufeetti jira.

Walitti bu’iinsi kun MM Abiy Ahimad xiyyeeffannoo isaanii waraana Kaaba Itoophiyaa dhiiga hedduu dhangalaaserraa gara dinagdeefi hariiroo warra Lixaa waliin tolfachuutti yeroo deebi'anitti mudate.