Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi miilli naafate meeshaa elektiroonikii sammuusaa keessa kaa'ameen deemuu danda'e
Namichi miillisaa naafatee ture waa'ee dhaabatanii deemuu yaaduun qofa ijaajjee adeemuu danda'eera.
Galata meeshaa elektiroonikii sammuusaa keessa kaa'ameef haa tahuutii.
Gart-Jaan Oskaam nama ganna 40 lammii Daach yoo tahu balaa bishkiliitiin ture waggaa 12 dura miillisaa kan naafate.
Meeshaa elektiroonikii sammuusaa keessaafi dugugguruu isaarratti kaa'ame fayyadamuun yaada gara miilasaatti dabarsa.
Sirni wal'aansaa kuni reefu sadarkaa yaalii irratti kan jiru tahus dhaabbanni tola oolaa miidhama dugugguruu UK ''waan nama jajjabeessu dha,'' jedheera.
''Lammata tarkaanfachuu danda'uu kootti, waanin daa'ima tahe natti fakkaate,'' jechuun Oksaam BBCtti hime.
Amma dhaabachuufi gulantaa yaabbachuu danda'a.
''Karaa dheeraa dha, amma garuu dhaabachuufi hiryyoota koo waliin biiraa dhuguu danda'a. Gammachuu namni baayyee hin hubanne dha,'' jedhe.
Wal'aansi yaalii kuni joornaalii Nature jedhamu irratti maxxanfame. Kan qorannoo kana hoggane immoo qorattoota Siwiizii dha.
Piroofeesar Joosliin Boosh, Yunivarsiitii Lusaanitti niiwuroosarjiinii yoo taatu, meeshaa elektiroonikii kana qaama nama kanaa keessa kaa'uuf wal'aansa baqaqsanii hodhuu kan raawwate ishee dha.
Sirni wal'aansaa kuni sadarkaa qorannoo irra waan jiruuf dhukkubsattootaaf dhiyaachuuf waggoota dheeraan fagoo jiraachuusaa irratti xiyyeeffannoon akka kennamuu qabu himti.
Tahus kaayyoon garee qorannoo kanaa sirni wal'aansaa kuni kiliinikootaaf akka qaqqabu gochuu dha jette.
''Dhumarratti namoota dugugguruun dugdaa isaanii miidhamee hakiimotaan kana booda socho'uu hin dandeessan jedhamaniif wal'aansa kennuu dha,'' jette.
Gart-Jaan deebi'ee socho'uu akka danda'uuf oppireeshiniin kan taasifame Adoolessa 2021 ture.
Buqqee mataa nama kanaarratti roga lamaan baqaqsuun qaawwa geengoo daayaameetiraan sm5 bal'atu bante hakiimni kuni, irra keessa kutaa sammuu sochii to'aturratti taasifame.
Sana booda meeshaalee elektiroonikii boca geengoo qaban kan funyoo malee dambalii sammuu dabarsuu danda'an galchite.
Meeshaaleen yaada nama miilli dhukkubsatuu- Gart-Jaan miireeffachuu danda'an immoo mataasaaarra kaa'amaniiru.
Gareen Siwiizii kuni algoorizimii( qajeelfama kompitaraa) dambalii ergaa mataarraa fuudhuun, hiika itti kennuun booda meeshaa elektiroonikii fiixee narvii dugugguruu irratti kaa'me fayydamuun miilli akka socho'u ajaja dabarsus tolchaniiru.
Qorattoonni kunneen Gart-Jaan shaakala torbeewwan booda dhaabachuufi adeemuu akka danda'e hubatan.
Sochiinsaa suuta haa tahuyyuu malee qixaan ture jedhan hogganaan piroojektii kanaa Piroofeesar Giriigoorii Koortiin
''Yeroonni adeemu arguun baayyee waan namatti tolu dha,'' jedhan. Hojiin kunis waan kanaan dura turerrraa jijjiirama guddaa dha jedhan.
Gart Jaan jalqaba meeshaa isa dugugguruusaatu kaa'ameefi ture, amma inni sammuusaa erga kaa'ameen booda to'annoo fooyya'aa tahe akka qabu hima.
''Kanaan dura akka sirni kuni na to'ataa jirutti natti dhagahama, amma anatu to'ata. Sirni kuni dhaabbataadhaan faayidaarra ooluu hin danda'u sababiinsaas reef sadarkaa yaaliirra waan jiruufi meeshaan mataarra jiranis gurguddaa waan tahaniifi.
Dhukkubsattoonni torban keessatti guyyoota muraasaaf sa'aatii tokkoof fayyadamu.
Gochi socho'uu kuni maashaa isaanii leenjisa, achiin sochii murtaa'e kuusa, yeroo sirni kuni dhaamu ykan dhaabbatu, narviin miidhame akka deebi'ee biqiluuf ergaa dabarsa.
Kaayyoon inni dhumaa teekinolojii kana xiqqeessuu dha. Dhaabbanni Piroofeessar Koortiinis kanarratti hojjechuun waan namoonni guyyuu itti fyyadamuu danda'an gochuuf yaalaa jira.