Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattoonni aanaa Gooroo Doolaa waggaa tokkoof barnoota malee dabarsan baranaaf galmaa’aa jiru
Caaseffama bulchiinsa haaraa mootummaan naannoo Oromiyaa Godinaalee irratti Gurraandhala ALI bara 2015 keessa taasiseen, Aanaan Gooroo Doolaa Godina akka haaraatti hundeeffame, Boorana Bahaa, jalatti akka bulu kan jedhu ture.
Jiraattonni aanichaa garuu caaseffamni kun fedhii fi marii hawaasaa malee Gujii jalaa nu baasuun Boorana jala nu galche jechuun karaa adda addaatin mormii saanii dhageessisaa ture.
Qaama mormii kanaa keessaa tokko kan ture ammoo maatiin ijoolleen saanii barataa turan manneen barnootaa irraa hambisuudha.
Kanaanis aanaa Gooroo Doolaatti bara barnootaa 2016tti manneen barnootaa 81 keessatti tajaajilli baruu fi barsiisuu osoo hin kennamne barattoonni aanichaa waggaa tokko daree barnootaatiin alatti dabarsan.
Jiraataa aanichaa kan tahan Obbo Abdulqaadir Mollichaa bara 2016 keessa mormii caaseeffamaa kanaaf ijoollee mana barumsaarraa kan hambise maatii barattootaatii jedhan.
Waggaa tokkoof barattoonni aanichaa dirree barnootaatiin ala bahanii, dareewwan barnootaas ona turuus, garuu dhimmi hawaasichi komate ilaalichisuun mootummaadhaan deebi’e kenname akka hin jirre kaasu.
Bara barnootaa 2017 kanatti marii abbootii Gadaa waliin taasisaniin barattoonni gara dirree barnootaatti deebi’uu akka qaban waan waliigalameef, yeroo ammaa kana ijoollee isaanii mana barumsaatti galmeessisaa jiraachuus himu.
“Ijoolleen waggaa tokkoof barumsa dhabuun rakkoo hamaa nutti ta’ee jira. Ammoo mootummaalleen gaaffii keenya nu dhagahuutti waan hin jirreef barnoota barataatuma gaaffii keenya gaafanna yaada jedhurratti waliigalle,” jedhan.
Ijoollee sagal akka barsiisan kan himan jiraataan aanichaa biraa yaada BBCf kennaniin ammoo, ijoolleen isaanii waggaa tokko barnoota malee bahuun akka isaan gaddisiisuu fi bara kana garuu mana barumsaatti galmeessisanii akka jiran himu.
“Qabsoon keenya qabsoo sirriidha. Bakke eenyummaan sirraa mulqametti jalatti hin kuftu. Karaa maleen qolatta. Barri darbe bara seenaati. Amma kan baranaa barumsatti akka deebi’an galmeessaa jirra,” jedhan.
Gaaffiin caasefamarratti kaasan akka itti fufuu fi barnoonni garuu itti fufee akka baratamuu qabu himu jiraattonni.
Itti gaafatamaan Waajjira Barnoota aanaa Gooroo Doolaa Obbo Nugusee Waaqoo akka jedhanitti, manneen barnootaa aanicha keessatti argamu 81 keessatti barattoonni dhibbeentaa 50 caalaan barnoota baranaatiif galmaa’uu himan.
Haata’u malee, waggaa tokkoof manneen barnootaa hedduu keessatti tajaajilli baruu fi barsiisuu kennamaa waan hin turreef manneen barnootaa hedduun sababoota adda addaatin manca’uun adeemsa baruu fi barsiisuu kanaaf yaaddoo ta’uu akeekan.
“Manneen barnootaa hedduun sababa adda addaatin manca’ee barana bakka itti barsiisnu guddoo rakkataa jirra. Qaama adda addaa deeggarsa gaafachuutti jirra,” jedhan.
Bara darbe yeroo hawaasni ijoollee isaanii barumsarraa hambisuu murteessan ijoolleen barachuu akka qabdu lallabaa turre kan jedhan qondaalli aanichaa kun, barana uummanni ijoolleesaa gara mana barumsaatti deebisaa jiraachuun waan gammachiisadha jedhu.
“Uummanni keenya ijoolleesaa barsiifachuu qaba. Manneen barnootaa manca’an kana suphatee ijoolleesaa barsiifachuu qaba. Hawaasni biyya keessaa fi alaas rakkoo uummata horsiisee bulaa kana hubatee barnootarratti uummata kanaaf deeggarsa akka godhun gaafadha,” jedhan.