Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Rakkoo teeknikaa' xiyyaara gara Niw Ziilaand balali'aa ture mudateen 50 miidhaman
Xiyyaarri Awustiraaliyaarraa gara Niwu Ziiland balali'aa ture osoo qilleensarra jiruu battala imaltoonni baaxii xiyyaarichaatti ol darbatamuu eegalan namoonni argan haala ture ibsaniiru.
Xiyyaara daandii qilleensa Latam ta'e kana rakkoon teeknikaa erga isa mudatee booda tasa olka'insasaa hir'isuun gadi bu'e.
Imaltootasaa keessaa tokko kan ta'e Biraayaan Jookaat namoonni hedduun mataansaanii buruquu hime.
Namoonni hedduun teessoo isaaniirraa darbataman.
Imaltoonni 50 miidhamaniiru, 12 akkaan miidhamuun iddoo xiyyaarichi qubate magaalaa Ooklaand keessatti hospitaala seenan.
Tajaajilli balaa tasaa namni tokko fayyummaansaa haala yaaddessaa keessa jira jedhe.
Tajaajilli ambuulaansii biyya Niwu Ziiland- St John ambulance service, namoota xiyyaara Boeing 787 Dreamliner jedhamuun Siidnii irraa imalaa turan keessaa namoota 50 ta'an wal'aanuu ibse.
Aab Jookaat wayita taateen kun mudatetti namoonni hanga baaxii xiyyaarichaa caccabsuutti mataadhaan itti bu'aa turan jedhan.
Kaan ammoo teessoorraa daddarbatamanii bakka bakkatti faffaca'an jedhe.
Namni cinaasaa taa'aa ture ol darbatamee hanga baaxii xiyyaarichaatti maxxanfamuutti ga'e jedhe namni kun.
''Namni hunduu mataan ni dhiiga. Hunduu gadoodee boo'a. Wacaa fi jeequmsatu ture,'' jechuun battala balaan kun mudate yaadata Jookaat.
Imalaan kan biraan namoonni xiyyaaricha keessa turan asii ol darbatamuun hanga mallattoon dhiigasaanii qaama xiyyaarichaarratti hafuutti ga'aniiru jechuun Raadiyoo Niwu Ziilanditti hime.
Imaltoonni gariin bakka teessoo isaaniitti qabattoo hidhatanii hin turre, jechuun imaltoota keessaa tokko wabeeffachuun Raadiyoo Niwu Ziiland gabaaseera.
Waa'ee rakkoo teeknikaa xiyyaara kana mudatee wanti bal'inaan beekame hin jiru.
Jaarmiyaan imala xiyyaaraa hordofu- FlightAware akka ibsetti xiyyaarichi balalii sa'aatii sadi fudhatu keessaa sa'aatii lamaaf olka'iinsa isaarraa maqee ture.
Daandiin qilleensaa kan Chiilii fi Biraaziil ta'e- Latam taatee mudateen guddoo gadduu ibse.
Rakkoo teeknikaati jechuun alatti garuu odeeffannoo dabalataa hin kennine.
''Xiyyaarichi akkaataama sagantaa qabameen Buufata Xiyyaaraa Ooklaand qubateera,'' jedhe.