Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp kaampaaniiwwan boba'aa gurguddoo Raashiyaa irratti qoqqobbii kaa'an
Ameerikaan kaampaaniiwwan boba'aa Raashiyaa gurguddoo lama Roosneeftiifi Luukooyil jedhaman irratti qoqqobbii kaa'uu himte. Kunis Raashiyaa irratti dhimma waliigaltee nagaa Yukireen irratti dhiibbaa taasisuufi.
''Vilaadmiir wajjin yeroo hunda haasaa gaarii taasifna garuu isaan homaa jijjiirama hin fidan. Hin socho'an,'' jechuun dubbatan Pireezidant Tiraamp dhimma waliigaltee nagaa kanarrtti hogganaa Nato Maark Ruuta waliin yeroo haasa'anitti.
Qoqqobbiin kuni kan dhagahame walgahiin Pireezidant Vilaadmiir Puutiiniifi Tiraamp Buudaapeestitti karoorfamee ture yeroo hin murtoofneef geeddaramuun himamuun guyyaa tokko booda dha.
Gaafa Roobii haleellaa Raashiyaan akka haaraatti Yukireen irratti jalqabdeen daa'imman dabalatee namoonni torba ajjeefamaniiru.
Ministarri, Ministeera Maallaqaa Ameerikaa Iskoot Beseent qoqqobbiin kuni kan barbaachise ''Puutiin waraana hiika hin qabne dhaabuu diduusaatiin,'' jedhan.
Kaampaanoti boba'aa kunneenis ''waraana Kireemliin'' maallaqaan deeggarus jedhaniiru.
''Amma yeroon yerootti namoota ajjeesuun dhaabbatuufi dhukaasni hatattamaan dhaabbatu dha,'' jedhan.
Tiraamp waajira Ovaalitti hogganaa olaanaa Nato Maark Ruutta waliin yeroo dubbatanitti Puutiniin waliigaltee nagaaf dhimmamuu dhiisuun kan komatan yoo tahu qoqqobbiin kun waliigaltee kana raawwachuuf dhiibbaa godha jedhanii akka yaadanis himaniiru.
''Yeroo dheeraaf eegneerra, amma yeroon gaheera jedheen yaada,'' jedhan Tiraamp.
Qoqqobbiin kuni ''akkaan guddaa dha'' kan jedhan yoo tahu Raashiyaan yoo waliigaltee nagaaf yoo tole jette saffisaan akka kaasanis himaniiru.
Maark Ruutanis akkasuma tarkaanfii kana kan jajatan yoo tahau ''dhiibbaa dabalataa Puutiin irra kaa'uufi,'' jedhan.
Tarkaanfiin kuni dhimma waliigaltee nagaa irratti Ameerikaafi US garaagarummaa qabaachuu ifatti agarsiiseera. Tiraamp dhimmi murtoo kanaaf sababa tahe Moskoon adda waraanaa amma jiru irratti dhukaasa dhaabuu diduusheeti jedhan.
Minisitarri Hajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo US ammallee Raashiyaa wajjin wal arguu barbaaddi jedhan.
Torbee darbe UK'nis akkasuma kaampaaniiwwan boba'aa Roosneeftiifi Luukoyii irratti qoqqobbii wal fakkaataa keesseetti.
''Boba'aa Raashiyaaf gabaa addunyaa irratti iddoon hin jiru,'' jedhan Chaansilariin UK Reechel Riivis.
Embaasiin Raashiyaan UK jiru, deebii kenneen kaampaaniiwwan boba'aa biyyattii irratti qoqqobbii kaa'uun dhiyeessii boba'aa addunyaa jeequun gatii boba'aa addunyaa dabalu dha jedhe.
Dabaluunis qoqqobbiin kuni ''wabii annisaa biyyoota guddataa jiranis ni miidhaa, kanamalees dhiibbaan kuni marii nagaa wal-xaxaa gochuurraan darbee dhibdee hammeessa,'' jedhe ibsichi.
Kaampaanoti boba'aa lameen guyyaatti boba'aa barmeela miiliyoona 3.1 oomishu. Roosneefti dhiyeessii boba'aa Raashiyaa walakkaa ol qabata, dhiyeessi boba'aa addunyaa keessaa ammoo %6 qabata jedha tilmaamni mootummaa UK.
Raashiyaaf boba'aan al ergii isa gudaaa yoo tahu, maamilooti ishee gurguddoon Chaayinaa, Hindii fi Turkii dha. Tiraamp biyyooti kunneenillee Raashiyaa irraa boba'aa bituu akka dhaaban gorsaniiru.
Tarkaanfii Tiraamp fudhatan kana Ministarri Hajaa Alaa UK Iveet Kuuppar dinqisiifataniiru, ''qoqqobbiin kaa'ame ija gaariin ilaallaa,'' jedhan.