Bulchiinsi Tiraamp viizaa barattootaa ilaalchisee ajaja haaraa dabarse

Madda suuraa, Reuters
Bulchiinsi Donaaldi Tiraamp embaasiiwwan biyyattii biyyoota garaa garaa keessatti argaman barattoota gara Ameerikaa imaluun barachu barbaadaniif beellama viizaa kennuu akka dhaaban ajaje.
Kanas miidiyaa hawaasaa iyyattoota viizaa barattootaa bal'inaan sakatta'uuf qophii irraa waan jiruuf tahuu ibse.
Ergaa waajiraalee dippiloomaatotaatti dhaamameen Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon tarkaanfiin kuni hamma ''qajeelfamni dabalataa bahutti,'' itti fufuu mala jedhan.
Ergaan kun viizaa barattootaa irratti sakatta'insa miidiyaa hawaasaa jabeessuun embaasii fi waajiraalee qontsilaa irratti dhiibbaa qabaachuu danda'a jedha.
Tarkaanfiin kuni yeroo Tiraamp yunivarsiitiiwwan Ameerikaa beekamoo ilaalcha akka-male tarkaanfata adeemsisu jedhe waliin wal dhibdee keessa jirutti dhagahame.
Gariin yunivarsiitiiwwan kanaa ilaalcha farraa warra seemii jabeessaniiru, imaammatni ittin barattoota gara kaampaasii isaanii ittiin eeyyamanis loogii qaba jedhan.
Ergaa Kibxata kaleessaa embaasiiwwaniif dhaamame kana michuun BBC miidiyaan CBS News kan arge yoo tahu beellamni viizaa barattootaa hin guutamne hunda akka haqaniifi warreen kanaan dura beellama qabatan qofti adeemsa isaanii akka itti fufan jedha.
Kana malees ministeerichi ''qorannoofi sakatta'insa miidiyaa hawaasaa dabalataaf qophaa'aa jira,'' kunis viizaa barattoota hundaa hammata jedheera.
Barattoonni biyyaa alaa Ameerikaatti barnoota dabalataa argachuu barbaadan embaasii Ameerikaa biyya isaanii jirutti af-gaaffiidhaaf dhiyaachuun booda viizaa isaaniif mirkana kan argatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaaboti barnootaa baayyeen qarshii kan argatanis sababa barattoota biyya alaa kanaanidha.
Dubbii himaan ministira haajaa alaa Taamii Biruus viizaa barattootaa kanaa irratti yoo gaafataman: ''dhimma miidiyaa hawaasaa sakatta'uu kana cimsinee waan itti adeemnu dha, eenyutu gara Ameerikaa dhufa isa jedhu baruu qabna, kana immoo gochuu itti fufna jedhan.
Bulchiinsi Tiraamp maallaqa yunivarsiitiiwwanii doolaara miiliyoona dhibbaan lakkaa'amu akka hin sochoone gochuun, barattoota biyyaa baasuu dabalatee viizaawwan kumaatamaan lakkaa'aman haqaa jira. Tahus tarkaanfiiwwan kunneen mana murtiin dhaabsifamaniiru.
Waayit Haawus yunivarsiitiiwwan gariin sochiiwwan dhimma Filisxeem deeggaran ilaalcha farra warra seemiitti akka geeddaramu itti dhiisaniiru jedhan.
Yunivarsiitiiwwan bulchiinsi Tiraamp mirga bilisummaa yaada ofii ibsachuu sarbaa jira jechuun himatan.
Tarkaanfii bulchiinsi Tiraamp adeemsisaa jiruun Yunivarsiitiin Haarvaard kanneen irratti xiyyeefatame keessaati.
Torbee darbe bulchiinsichi mirga yunivarsiitichi barattootaafi qorattoota biyya alaa affeeruu jalaa haqeera.
Tarkaanfiin kuni yoo seeraan eeyyamame yunivarsiiti baay'inaan barattoota biyya alaa keessummeessuuf akka kufaatiitti lakkaa'amu danda'a.












