Ministirri Israa'el baqattoonni Ertiraa biyyaa akka 'ari'aman' gaafatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Israa'el magaalaa Tel Aviv keessatti baqattoonni Ertiraa deeggartootaa fi mormitoota mootummaa biyyasaanii ta'an walitti bu'uun lubbuun namoota lamaa yoo darbuu namoota shanirra miidhaan ga'eera.

Lammiileen Ertiraa hookkara Sambata kaleessaa (Hagayya 24, 2024) kaasan kanarratti dhagaa fi uleedhaan wal haleeluu poolisiin Israa'el ibseera.

Taatee kana hordofee Ministiri Nageenya Biyyaalessaa Israa'el Itamaar Beengeher baqattootni Eertiraa biyyattii keessaa akka ari'ataman gaafatan.

Ministirichi Abbaan Alangaa biyyattii fi Ministeerri dhimma biyya keessaa baqattootni kun biyyaa akka ari'ataman gaafachuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Ibsi waajira ministirichaarraa bahe ammoo gaaffii walfakkaataa waggaa tokko dura dhiyaate irratti Ministeerri Nageenya Biyyaalessaa fi Poolisiin Israa'el baqattoota kana ''ari'uurratti waliigalteerra gahameera'' jedha.

Baqattootni Ertiraa Israa'el keessaa akka ari'ataman yoo gaafatamu kun kan jalqabaa miti. Amma duras akkausam hokkora dhalatee ture hordofee MM Biniyaamiin Netaaniyaa baqattootni biyyoota Afrikaa atattamana akka bahan karoorri akka qophaa'u gaafatanii ture.

Hokkora Sambata darbeen walqabatee suuraaleen miidiyaa hawaasummaarratti maxxanfaman baqattoonni Ertiraa gartuu lamatti walqooduun wayita dhagaa walitti guuranii fi uleen wal reeban mul'isu.

Walitti bu'iinsi giddugaleessa magaalaa Tel Aviv naannawa buufata konkolaataatti dhalate kanaan namoota guddoo miidhaman shan keessaa lama lubbuun darbuun ibsameera.

Waldibdee lammiilee Israa'el gidduutti dhalate kana to'achuuf poolisiin Israa'el dhukaasa akeekkachiisaa samiitti olqabee dhukaaseera.

Hojjetaan balaa tasaa Israa'el Siimichaa Siimindooyev ''dhiironni hedduun walitti bu'aniiru gabaasi jedhu nu ga'e. Bakka walitti bu'iinsi kun itti mudate wayita geenyu hookkara hamaatu ture. Walitti bu'iinsichi cimaa ture,'' jechuun Taayimsi Oof Israa'elitti himan.

Israa'el dabalatee biyyoota lixaa kanneen akka Awurooppaa fi Ameerikaa keessatti lammiilee Ertiraa gidduutti walitti bu'iinsi dhiiga dhangalaasu irra deddeebiin mudata.

Keessattuu ji'oota darban ayyaanota aadaa Ertiraan walqabatee Israa'el keessatti waldhabdee deeggartootaa fi mormitoota mootummaa Isaayaas Afaworqii gidduutti dhalatuun lubbuun namoota hedduu darbeera.

Netaaniyaahuun amma dura ''baqattoota lootee galtoota seeraan alaa ta'an hunda'' Israa'el keessaa baasuun haala danda'amurratti karoorri akka qophaa'u gafatan.

Minsitirri Nageenya Biyyaalessaa kun Masjiida Al-Asqaa amantoota braa fudhatanii kadhataaf galuun dubbii ijoo ta'anii ture. Filsixeemonni,Faransaay,Amerikaafi Dhabbatni Biyyoota Gamtoomaniis gocha kaa momanii turan.

Minsitirichi ejjennoo adda qabaniin beekamu.

Ji'oota darban keessa Jarmanii, Siwiidin, Noorweey fi Kanaadaa keessatti walitti bu'iinsi uumamee namootni hedduun miidhamaniiru.

Waggaa tokko dura ji'a Hagayyaa tibba akkanaa koolu galtoonni Ertiraa magaalaa guddoo Israa'el Tel Aviv keessatti jeequmsa kaasuun lammiilee Ertiraa, poolisoota Israa’eel fi qabeenya irratti miidhaa guddaa geessiseera.

Haleellaa hamaa sababa walitti bu'iinsa baqattoota Ertiraa raawwate kana booda Ministirri Muummee Israa'el Beenjaaamiin Netaaniyaahuu baqattoota Afrikaa hunda 'hatattamaan' Israa'el keessaa ari'uuf karoorri akka qophaa'u ajaje.

Haaluma walfakkaatuun hookkara kaleessa Tel Aviv keessatti uumameen booda Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Israa’el Iramar Ben Gavir baqattoota Ertiraa Israa’el keessaa akka ari’aman gaafataniiru.

Ibsa Ministeerri Nageenya Biyyaalessaa baaseen; Poolisoonni olaanoo Israa’eel fi Ministeerri Nageenya Biyyaalessaa irratti mari’achuun, gaaffii baqattoota Ertiraa biyyaa ari’uu waggaa tokko dura irra ga’ame hojiirra akka oolchan Abbaan Alangaa Waliigalaa biyyattii fi Ministeerri Biyya Keessaa gaafataniiru.

Yeroo ammaa baqattoonni Ertiraa kuma 20 gadi hin taane Israa’el keessa jiraatu.

Israa’el isaan keessaa muraasa qofa akka baqattootaatti beekamtii kan kennitu yoo ta’u, kanneen hafan ammoo hirkattummaa diinagdeen akka jiraataa jiranii fi fudhachuufis dirqama seeraa akka hin qabne amanti.