Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Garee biyyaalessaa keessaa kanan bahe warra kaaniif hiree kennuufidha’-Shimallis Baqqalaa
Shimallis garee kubbaa miilaa Itoophiyaatiif waggoota 15 taphateera.
Itoophiyaan waggoota 31 booda yeroo jalqabaatiif Waancaa Afrikaatti yeroo hirmaattes miseensa garee biyyaalessaa ture.
Waggoota saddeti boodas yeroo Itoophiyaan Waancaa Afrikaatti hirmaatte Shimmallis garee biyaalessaa waliin tureera.
Itoophiyaarra darbee kilaboota biyya Masirii keessatti waggoota baayyeeef kan taphate Shimallis, gooliin Masiriirratti lakkoofsise gammachuu inni seenaasaa kubbaa miilaa keessatti hin daganedha.
Shimmallis walumaaagalatti Itoophiyaaf goolii meeqa lakkoofsiseera?
Amma kilaba maalii keessa taphata?
Daawwadhaa