Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US torban keessatti wantoota maalummaansaanii hin beekamne afraffaaf yeroo rukuttee buuste
Ameerikaan ji'a kana keessa yeroo afraffaaf meeshaalee maalummaan isaanii hin beekamnee fi samii isheerra marsan rukuttee buusuu ibsite.
Biyyi kun wantoota qilleensa isheef keessummaa ta'an kunneen to'achuuf oppireeshinii waraanaa gaggeessaa jiraachuu beeksisteetti.
Pireezidanti Joo Baayidan meeshaan handaara US daangaa Kanaadaatti dhihaatee qilleensarra marsaa ture kun akka rukutamee bu'e Dilbata kaleessaa ajajan.
Meeshaan ammaaf maalummaansaa adda hin baane kun olka'iinsa meetira 6,100 irratti balali'aa kan turee fi xiyyaara imalaaf yaaddoo kan uume ture.
Meeshaan kun boci isaa adda, roga saddeet kan qabuu fi meeshaan ragaa walitti qabu kan itti hidhameedha.
Taateen kun qilleensa Ameerikaa irratti yaaddoo guddaa uumeera.
Afuuffeen Chaayinaa guyyootaaf qilleensa US irra erga marsee booda Guraandhala 4, 2023 Kibba Kaaroolaayinaatti rukutamee lafatti kufe.
Qondaaltonni US meeshaan Chaayinaa kun ergama basaasaa gaggeessaa ture jechuun himatan.
Chaayinaan ammoo ergama basaasaaf osoo hin taane qorannoo haala qilleensaaf ta'uu ibsite.
Haalli kun dhibdee Waashingtan fi Beejiing irruma caalaa hammeesse.
Qondaltonni Humna Ittisaa US akka jedhanitti Dilbata kaleessaa, Guraandhala 12, 2023 qondaaltota Chaayinaa waliin mari'ataniiru.
Chaayinaan dhimma kanarratti homaa osoo hin dubbatin callistee turuun Ameerikaa shakkisiiseera.
Waa'ee marii qondaaltota waraanaa biyyoota lameenii hagas mara wanti beekamu hin jiru.
Qilleensa Ameerikaa keessa wanti keessummaa ta'e balali'uu kan eegale afuuffe Chaayinaa kanaani.
Ameerikaanis oppireeshinii waraanaa gaggeessiteen gaafa Guraandhala 4 haleeltee afuuffee kana qilleensa isheerraa buuste.
Jimaata darbe gaafa Guraandhala 10, 2023 ammoo meeshaa maalummaansaa hin beekamnee fi hanga konkolaataa ga'u Kaaba Alaaskaatti rukuttee buuste.
Kun ta'ee guyyaa itti aanu- Sambata, Guraandhala 11 ammoo xiyyaarri waraanaa Ameerikaa meeshaama afuuffee Chaayinaan walfakkaatu daangaa US fi Kanaadaa- Yukon bakka jedhamutti haleelee qilleensarraa buuse.
Dilbata kaleessaa, Guraandhala 12, 2023 ammoo meeshaan beekamtii Ameerikaan ala qilleensasheerraa balali'aa ture kan ergamnii fi maalummaansaa adda hin baane naannawa Haroo Huron jedhamuutti rukutamee bu'e.
Meeshaaleen eessaa akka dhufan hin beekamnee fi ergamni isaanii ifa hin taane yeroo dhihoo as qilleensa US keessatti heddummaachuun akka isaan yaaddesse Jenaraalli Humna Qilleensaa Kaaba Ameerikaa Glen VanHerck ibsaniiru.
Dhimma kanarratti qondaaltota US gidduu adda addummaan yaadaa ni jira.
Qondaltonni gameeyyiin US afuuffeen Chaayinaa meeshaa basaasaa kan hin fakkaannee fi haala qilleensaa qo'achuuf kan oolu ta'uu ABC'tti himan.
Qondaaltonni Paartii Rippaabilikaan mootummaan Baayidan waa'ee afuuffee Chaayinaa irratti qixa sirrii ta'een tarkaanfii hin fudhanne jechuun qeequ.