Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dulluma keessa meeshaalee muuziqaa taphachuun fayyaa sammuuf gaariidha-Qorannoo
Namoonni dullumaa wayita adeeman meeshaa muuziqaa taphachuun ykn sirbuun sammuun isaanii fayyaa akka ta’u gargaaruu danda'a jedha qorannoon UKtti gaggeeffame tokko.
Muuziqaa shaakaluu fi dubbisuun dandeettii yaadachuu fi dandeettii hojii walxaxaa furuu itti fufinsaan akka qabaatan gargaaruu mala jedha qorannoon kun.
Akka barruu 'International Journal of Geriatric Psychiatry' jedhamurratti maxxanfametti namoonni dulluma keessa jiran muuziqaa akka mala jireenyaa fayyaa sammuu eeguuf gargaarutti fudhachuu qabu jedha.
Namoota umriin isaanii 40 olii 1,100 ol ta'an, kanneen umriin isaanii giddu-galeessaan 68 ta'an irratti qorannoon kun gaggeeffame.
Saayintistoonni Yunivarsiitii Eksiter ragaa sammuun akkaataa itti dalagu, akkamitti akka dulloomu, fi namoonni maaliif dhibee waa dagachuun akka qabaman qoratan.
Meeshaa muuziqaa taphachuu, sirbuu, muuziqaa dubbisuufi dhaggeeffachuun, akkasumas dandeettiin muuziqaa dhiibbaa sammuurratti qabu qorataniiru.
Qorattoonni kunneen daataa dammaqina sammuu namoota qorannoo kana keessatti hirmaatanii, kanneen jireenya isaanii keessatti hanga tokko muuziqaa keessatti qooda qabanii fi kanneen tasumaa hirmaatanii hin beekne waliin wal bira qabanii ilaalan.
Firiin qorannichaa akka agarsiisutti, namoonni meeshaalee muuziqaa taphatan baay'ee fayyadamoo ta'aniiru, kunis gochi kun sababa "dammaqinsa sammuu danuu barbaachisuuf ta’uu danda’a '' jedhan.
Keessattuu piyaanoo ykn kiiboordii taphachuun faayidaa kan qabu fakkaata, meeshaa hafuufamu ‘woodwind’ jedhamu fi biraasii taphachuunilllee wanta fayyaa sammuuf gaarii ta'uutu himame.
Muuziqaa dhaggeeffachuun qofti dammaqinsa sammuuf waan gargaaru hin fakkaatu jedhan.
Faayidaan sirbaa gartokkoon bu’aa hawaasummaa wajjin hidhata qaba.
"Qorannoo kanaaf akkatti sammuun nama dhuunfaa hojjatu, kan akka yaadannoo yeroo gabaabaa, yaadannoo yeroo dheeraa, fi dandeetti rakkoo hiikuu fi muuziqaan akkatti dhiibbaa isaanirratti uumu ilaaluu dandeenye," jedhan dursituun qorannoo kana barreessan Pirofesar Anii Korbeet BBC'tti wayita himan.
"Kun waan faayidaa muuziqaa duraan beeknu sadarkaa baay'ee guddaa ta'een kan mirkaneessu fi cimsu ta'a" jedhan.
"Addatti meeshaa taphachuun bu'aa guddaa qaba, namoonni hanga umuriin dullomaanitti taphachuu ittifufan faayidaa dabalataa argatanii," jetti.
Dhaamsa fayyaa hawaasaaf
Qorannoon kun akka akeekutti, namoonni yeroo hunda muuziqaa dubbisan ykn shaakalan lakkoofsa yaadachuurratti namoota kaan caalu.
Prof Korbeet akkas jedhan: "Sammuun keenya maashaa waan ta'eef shaakala barbaada, muuziqaa dubbisuu, barachuunis afaan haaraa barachuu wajjin wal fakkaata,rakkisaadha"jedhan.
Qorattoonni dulluma keessa yeroo jalqabaaf muuziqaa taphachuun faayidaa qabaachuu danda'usaa hin qoratne, garuu ragaa amma jirurratti hundaa'uun ''baay'ee faayidaa qaba'' jettee akka amantu Pirofesar Korbeet dubbatteetti.
Pirofeesar Korbeet akka jedhanitti, qorannoon dabalataa barbaachisaa ta'us, barnoota muuziqaa guddisuun qaama ergaa fayyaa hawaasaa "gatii guddaa qabu" ta'uu danda'a, ga’eeyyiin jireenyasaanii gara boodaatti muuziqaatti akka deebi'an jajjabeessa jedhan.
Qorannoon kun muuziqaan tooftaa jireenyaa baay'ee bal'aa bara dullumaatti fayyaa sammuu fooyyessuuf gargaaru keeesaa tokko ta’uu danda’a jedhan.
Haata'u malee, "Meeshaalee muuziqaa taphachuu jechuun dhibee waa dagachuutiin tasuma hin qabamtu jechuu mitii jedhan.
Akkas waanta salphaa miti" jette Pirofeesar Korbeet.
Jaarmiyaan gargaarsaa ‘Dementia UK’ jedhamu bu'aan qorannoo kanaa ''waan gaariidha' jechuun ibse.
"Dandeettiin muuziqaa taphachuu - sirbuunis ta'e meeshaa muuziqaa taphachuudhaan - namoonni dhibee waa dagachuu qaban dandeettii fi mala namoota biroo wajjin walii galan yeroo dhabanillee dandeettiin muuziqaa taphachuu itti fufuu danda'a," jetti dhaabbata tola ooltummaa kana keessa kan hojjatti Kaarooliin Iskeetis.