Pilaastikii xixiqqoon somba namaa keessatti argame - Qorannoo

Somba namaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Pilaastikiiwwan xixiqqoon (microplastics) naannoo keenyatti argamu. Ijaan hin arginuun malee yeroo hunda isaaniif saaxilamoo dha.

Bara 1950tti oomishni pilaastikiiwwan shifii kanaa toonii ziiroo jedhamurra ture, bara 2019tti garuu toonii 500 gaheera. Kana jechuun oomishni isaanii akkaan dabaleeraa jechuu dha.

Biyyoofi qaamolee bishaanii keessa pilaastikiwwan shifii kuni akka jiran odeeffannoon baayyeen jira.

Nyaataafi dhugaatiidhaan pilaastikiiwwan shifii kana akka gara qaama keenyaatti galchinu ni beekama, qilleensaa gara somba keenyaatti akka fudhannu garuu hin beeknu ture.

Pilaastikii shifii qilleensaan galchinu fayyaaf balaa qabaa?

Akka qorannoowwan garagaraa agarsiisanitti dhalli namaa torbee torbeetti pilaastikii shifii hamma kaardii ATM gahuu gara sombasaatti galcha.

UK Mana Barumsaa Fayyaa Haal Yoork jedhamutti kan hojjetan Dr Laawuraa Saadoofiskii, ''yeroo hargantu pilaastikiin shifii gara keessaatti galchitu iddoo jirtutti murtaa'aa - magaala moo baadiyyaa,'' jedhan.

Dr Saayiduul Islaam Yuniavarsiitii Teekinolojii Siidniirraa moodeelii kompiitaraa dhimma kana qo'atu akka qopheessan himu.

''Moodeeliin akkatti pilaastikiin shifii kana akkatti qilleensa wajjiin gara keessaatti galchinuufi daandii qilleensaa qaama keessatti geejibamu xiinxala,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jalqaba afaanii hanga qoonqoo adeemsa jiru qo'achuu akka yaalanis himu.

''Kunneen pilaastikiiwwan shifii akkaan xiqqoo hin taane rifeensa funyaan keessa jiru irratti maxxananiitu argaman. Rifeensi funyaanii akka seeccaattii gargaara.''

Rifeensi daandii qilleensaa qaama keenya keessa jiru baqqaana jalqabaa akka ittisaatti gargaaru dha.

Sarara qulleesaa kanaan pilaastikiin shifii muraasni qaama keenya keessaa ni bahu.

''Kanneen akka malee xixiqqoo tahan garuu sarara qilleensaa qaama keenyaa keessatti suuqamanii hafuu maluu, '' jedhan Dr Saayiduul.

Qorannichi sadarkaa hargansuu garaagaraas wal-dorgomsiiseera.

Yeroo sochii qaamaa jabaa taasifnutti hammi pilaastikii shifii gara sarara hargansuu qaama keenya isa gad-aanaatti deemu xiqqoo dha.

''Sababiinsaas hafuura daddafnee waan fudhannuuf pilaastikiin shifiin kuni qaawwa funyaan keenyaa tuqee deebi'a, yaa'iin qilleensaas waan jeeqamuuf gadi otoo hin darbiin deebi'a, caasaan keessoo funyaanis akkaan wal-caalaa dha'' jedhan.

Gaafa boqonnu, rafnuu fi suuta hargannu garuu pilaastikiin shifiin gara tujuba sarara qilleensaa qaama keenyaatti galu jedhu.

''Somba namaa keessa qoranne''

Dr Laawuraan pilaastikiin shifiin kuni somba namaa keessa jiru yoo taheef qoranne.

''Tishuu somba dhukkubsataa idileerraa fudhachuun mala pilaastikiin shifii kana adda baasuufi gosa isaanii xiinxalu fayyadamne,'' jedhan.

Gosti pilaastikii ijoo argamanis pooliipiroopaaliin, reeziin fa'itu warreen jedhamani dha jedhu.

Dr Laawuraan ''pilaastikiin shifiin kutaa sombaa isa goodaa keessatti argamuun waan hin eegamne nutti taheera,'' jedhu.

Somba keessa hamma kana fagaatani galuu hin yaadnee, ''hammi pilaastikiiwwan kanaas isa yaadneen caalaa guddaa ture,'' jechuun ibsu.

Pilaastikiiwwan kunneeniif kan saaxilamnu naannoo magaalaafi alatti qofa mitii jedhe hayyuun kuni.

Manneen namoota gargaraa keessaa samuuda awwaaraa fudhachuun qorannoo akka irraatti adeemsisanillee ni himu.

UK bulchiinsa Haalitti yeroo ja'i jaha keessatti manneen 20 irraa saamuuda awwaaraa qilleensaa keessaa fudhatan.

Qorannoo kanaanis pilaastikiin shifiin mana hundumaa keessatti argameera.

Saamuuda qoratame harka 98 keessatti hammi pilaastikii shifii qorannoowwan manaa alatti dalagamanirraa harka 45'nin caala.

Dr Laawuraan naannoo jireenya keenyaa yoo ilaalle kompiitara, soofaa, afaa lafaa fi kaan pilaastikii dha ykn pilaastikii of keessaa qabu.

Garuu saaxilamni keenya kuni hangam nurratti miidhaa qaba waan jedhu qorannoo dabalataa barbaada.

Kanneen somba keenya galan,''achi turuu, ni bahuu yoo keessa turan miidhaa nurraan gahuu waan jedhamu,'' dhimma sirriitti beekamu akka hin taane himu.

Malli maali?

Of eeguudhaaf waantota goonu keessaa dalagaawwan pilaastikii shifii gadhiisanirraa of eeguu dha.

Dr Saayiduul mootummaan oomisha gosa pilaastikii kanaarratti imaammata haaraa yaaduu qaba.

''Wayyaa uffnnurraa jalqabee kanneen oomisha isaanii keessatti pilaastikii shifii hin qabne bitachuun murtoo dhuunfaa qabaachuun saaxilama keenya hir'isuu dandeenyaa,'' jedhu Dr Laawuraan.