Ujummoon boba'aa gara biyyoota Awurooppaa dabarsu akkuma cufametti tura - Raashiyaa

Maxxanfame

Kubbaaniyyaan boba'aa guddichi Raashiyaa Gazprom, ujummoowwan boba'aa gara Jarmanii fulla'an banuuf har'atti karoorfatee ture.

Garuu ujummoon boba'aa guddichi Nord Stream 1 jedhamuun beekamu cabuun zayita dhangalaasaa waan jiruuf, isa suphuuf jecha karoorri kun yeroo hin beekneef dheerateera jetti Raashiyaan.

Kubbaaniyyaan Gazprom ujummoo boba'aa cabe jedhame kana suphuuf maqaa jedhuun guyyoota sadan darbaniif cufee ture.

Boba'aa Raashiyaa irraa biyyoota Awurooppaaf galu adda cituun ammoo waqtii gannaa qorra hamaa fidee dhufaa jiruuf yaaddoo uumeera.

Biyyoota Awurooppaatti waqtiin gannaa akkaan qorruun kan baratame yoo ta'u, namoonni gaazii fayyadamuun manasaanii ho'ifatanii dandamatu.

Erga waraanni Raashiyaa fi Yukireen eegalee boba'aan akka duriitti dhiyaachaa waan hin jirreef gatiinis akkaan dabaleera.

Boba'aan Raashiyaarraa argamu adda cinnaan ammoo gatiin boba'aa addunyaarratti daranuu dabaluuf deema.

Biyyoonni Awurrooppaa hirkattummaa boba'aa Raashiyaa jalaa of baasuuf waa hedduu falan, Raashiyaan waraana gaggeessaa jirtu irratti humna maallaqaa akka dhabduufis guddoo yaalan, kun hunduu isaaniif hin milkoofne.

Raashiyaan isa biyyoonni lixaa Yukireen tumsan haaloo ba'uuf boba'aa adda kutuu akka meeshaa waraanaatti fayyadamteetti kan jedhamtee himatamtuuf, kun oduu sobaati jechuun deebifte.

Akka Raashiyaan jettutti qoqqobbiin biyyoonni lixaa irra kaa'an ujummoon boba'aa saffisaan akka hin suphamne gochuun hanqina boba'aa addunyaarratti uumeera.

Biyyoonni Awurooppaa garuu kun sababa ga'aadha jedhanii hin fudhatan.

Qondaaltonni mootummaa Jarmanii Raashiyaan boba'aashee guutummaatti yoo kuttes biyyisaanii qophii ta'uu himan. Garuu lammiilee fi kubbaaniyyaawwan biyyattii keessa jiran fayyadama boba'aa akka hir'isan akeekkachiisaniiru.

Gazprom ujummoon boba'aa adda cituu kan ibse, erga biyyoonni G7 Yukireen tumsuuf jecha gatii boba'aa Raashiyaa daangessuurratti waliigalanii boodadha.

Murteen biyyoota G7 (UK, Ameerikaa, Kanaadaa, Firaansi, Jarmanii, Italii fi Jaappaan) hojiirra oollaan biyyoota kunneen dabalatee kanneen yaada kana deeggaran hundinuu boba'aa Raashiyaa wayita bitan gatii kaa'ameen yookiin isaa gadiin fudhatu.

Raashiyaan garuu inumaa biyyoota yaada akkanaa qabanitti boba'aashee akka hin gurgurre ibsiteetti.