Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barsiisota Yuikreen dirree lolaa taa’anii karaa oonlayinii barsiisan
Fediir Shaandor pirofeesara yuunivarsiitii ture, amma gruu loltuudh. Wiixata yeroo hundumaa dirree lolaa taa’ee karaa onlaayinii barattoota isaa barsiisa.
Pirofeesarri kun erga weerara Koronaatii kaasee mana taa’ee karaa onlaayinii bartoota isaa barsiisaa ture, amma immoo dirree lolaa taa’ee barsiisaa jira.
Feedir Shaandor nama umuriin isaa ganna 47 ta'edha. Erga Raashiyaan biyya isaa Yukireen weerartee booda hidhannoo fudhatee dirree lolaatti bahe.
Raashiyaa wajjin wal loluun hojii jaalatu irraa isa hin dhaabne. Amma torbanitti guyyaa lama dahannoo keessa ta’ee karaa onlaayinii barsiisa.
"Waggaa 27 barsiisan ture. Hojiin jaaladhu kana dhaabuu hin danda’u,” jechuun BBC tti hime.
Erga Raashiyaan Yukireen weerartee booda Shaandor adda waraanaa taa’ee bartoota isaa barsiisaa jira. Waraanatti makamuu kan barbaade biyya isaa, ijjoolleefi haadha manaa isaa ittisuuf akka ta’e dubbata.
"Osoo Raashiyaan mana koo hin seenin ittisuun qaba,” jedha Shaandor.
Piroofessarri kun hojii jaalatu itti fufuun isaa barattoonni isaa akka baruumsa argatan isaan gargaarera.
Barattoota isaa keessaa tokko kan ta’e Iriynan, “Barattoonni baruumsa isaanii addaan kutuuf dirqaman erga inni barsiisuu eegalee deebi’anii galmaa’aa jiru. Yeroo hundumaa akka cimnuu fi biyya keenyaf ishee gaarii taatef lolaa akka jirru nutti hima,” jedha.
Dahannoo adda waraanaa keessa taa’anii barsiisun salphaa akka hin taane barattoonni yeroo heddu sagalee dhukaasaa gurguddaa akka dhagahan hima barsiisan kun.
“Guyyaa tokko osoon barsiisaa jiruu dhugaasni guddaan dhagahame. Anis fiigee dahannoo keessa lixeen barsiisuu koo itti fufe,” jedhee dubbata.
Yeroo tokko tokko ammoo caccabaa misaa’elii naannoo isaa jiru fuudhun gosoota misaa’elii garaa garaa barattoota isaatti agarsiisee barsiisa.
Loltoonni Shaandor wajjin jiranis yeroo inni barsiisu ni dhaggeeffatu, yeroo inni barsiisus suura kaasu.
Suura osoo inni barsiisuu loltoonni kaasanii miidiyaa hawaasummaa irratti gadi lakkisan keessaa tokko, osoo inni bilbila isaa qabatee dahannoo keessaa taa’ee barsiisuu kan agarsiisudha. Suurichi erga gadi lakkifamee booda Yukreen keessatti mata duree haasaa ta’e. Namoonni heddu suura Shaandor kana harkaa fi kaartuunidhaan fakkii isaa kaasuu eegalan.
Barsiisonni Yukreen meeshaa kaasanii adda waraanatti bobba’uun Raashiyaa wajjin lolaa jiran Shaandor qofa miti.
Ministeerii Barnootaa Yukreen akka ibsetti, barsiisonni Yukreen 900 ta’an waraana Yukreenitti makamuun Raashiyaadhan falmaa jiru.
“Baay’ee isaanitti boonna. Ministeera barnootaa keessaa namoota akka isaanii waraana Yukreenitti makaman qabna,” jechuun Ministeerri Barnootaa kan ta’an Seerhiy Shikarlet dubbata.
Anton Selovaalik ammoo barsiisaa biraa waraana Yukreenitti makameedha. Qorrii fi waraanni osoo hin daangessin ijoolee barsiisa.
“Ijoollen dura guyyaa guyyaan mana baruumsaa deeman tasa yoo baruumsi addaan citu waanti isaan mudatu timaamun nama hin dhibu,” jedha Anton Selovaalik.
Barattoota isaa keessaa shamarreen ganna 17 Veronika Volkoovaan akka jettutti Selovaalik barsiisaa qoosadhaan barsiisudha. “Kuni ammoo akka nuti waraana dagannuuf nu gargaara,” jetti barattuun kun.
Barsiisonni biroo kanneen akka Maaksim Kozhemika ammoo ogummaa waldhaansaa qabaniin waraana waldhaanu.
Maaksim Kozhemika nama ganna 41 yoo ta’u ‘Zaporizhzhia State University’ tti pirofeesara ‘tiraawuma meedisiinii’ ti.
“Yeroo weerara koronaa muuxannoo kara onlaayinii barsiisuu waan qabnuuf, ammas bartoota keenya karaa onlaayinii gargaarra jennee murteessine,” jedha pirofeessarri waldhaansa fayyaa kun.