Weerara dhibee busaa 'Lixarraa Jimmattis haalaan babal'ataa jiru'

Madda suuraa, Getty Images
Sababoota garagaraan dhibeen busaa Itoophiyaa bakkeewwan adda addaatti ittiin babal’ataa jiruuniifi lakkoofsa namoota du’aniin yaadda’uu Dhaabbanni Biyyiita Gamtiiman (UN) kana dura beeksisee ture.
Bara 2024 qofa Itoophiyaa keessatti namoonni miiliyoona 6.1 dhibee busaan qabamanii 1,038 du’uu gabaasi miidiyaa mul’iseera.
''Saffisaan duubatti deebi’aa jirra, waggaa kudhan duubatti deebine,’’ jechuun saayintistiin Inistitiyuutii Qorannoo Armoor Hansan Finfinnee jirutti sagantaa busaa hordofan Niiw Yoork Taayimsitti hime.
Waqtiin gannaa bahuu hordofee weerarri busaa dabalaa jiraachuu tibbana Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksisee ture.
Kanaaf qindoominaan hojjechuun akka barbaachisuu Ministirri Fayyaa Dr Maqdas Dhaabaa dhiheenya kana himan.
Dhibeen busaan akka addunyaattu babal’atus Itoophiyaa keessa naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayiifi kaanittis dabaluu gabaasonni mul’isaniiru.
Naannoo Amaaraatti ALI Bara 2017 namoota miiliyoona 1.5 qoratamanii 600,000 kan ta’anirratti busaan argamuu Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa naannichaa ibseera.
Keessumaa Naannoo Oromiyaatti sababoota rakkoo nageenyaafi kaaniin keessumaa godinoota Wallaggaatti hammaatee ture.
Booda kanammoo Jimmattis babal’ataa akka jiru Hogganaan Itti-aanaa Biiroon Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa BBC’tti himaniiru.
''Akka biyyaalessatti dabalee jira akka Oromiyaattis dabalee jira. …Booda kana Wallaggarraa gara Jimmaatti bal’inaan kan mul’ataa jiru.
''Qeellam fi Wallagga Lixaa keeziin baay’ee jira. Garuu yeroo ammaa kana guddatee kan dhufaa jiru Jimmadha. Wallagga bahaas,’’ jedhan.
'Deebi'ee dabale'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannoo Oromiyaa keessa busaan sadarkaa weeraraarra erga gahee bubbuluus booda kana ittuu hammaate jedhu.
Haala amma jiru kan gaafataman Obbo Darajjeen '’Ji’oota darbanirraa xiqqaataadha,’’ jedhan.
''Akka waliigalaattimmoo yoo ilaaltu ammallee weerarumatu kan jiru. Ji’oota darban keessumaa torbee torbeedhaan keeziin 150,000 galaa ture. Eegasii 100,000 – 130,000 xiqqaatee ture,’’ jedhan.
Haa ta’u malee, ''deebi’ee Fulbaana gara dhumaa fi torban jalqabaa Onkololeessa keessa dabalee jira,’’ jechuun BBC’tti himani.
Akka Obbo Darajjeen jedhanitti, Oromiyaa keessatti torbanitti yerootti namoonni 15 dhibee busaan du’anis ture. Eegasii xiqqaate ture.
''Torbanitti 10, 12’tu du’aa ture. Amma gara 10 jira,’’ jedhan.
Talaalliin busaa haaraa akka biyya seenu ministeerri fayyaa yaalaa akka jiru qondaalli kuni himaniiru.
Yeroo ammaa talaalliin jiraachuus baatu hubannoo hawaasaa cimsuufi kanneen mallattoo qaban yeroon gara mana yaalaa akka deeman gochuurratti xiyyeeffachuu himan.
Bakkeewwan busaan namoota itti miidhe keessaa tokko Godina Wallagga Bahaadha.
Aanaa Giddaatti hanqina qorichaafi dhiigaa jiraachuu kan gaafataman Obbo Darajjeen hanqinni dhiigaa jiraachuu akka malu himu.
Ammoo ji’oota darbanirra dhiheessiin dhiigaa fooyyee akka qabu dubbatan.
Jimmatti maaliif babal'ate?
Biyyoota Afrikaa baay’ee keessattis dhibeen busaa babal'ateera.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii hanqinni itti fayyadama saaphana siree sababa tokko akka ta’u eera.
Akkasumas, hanqinni eegumsa naannoo hormaata bookee to’achuu dandeesisu akkasumas hanqinni itti fayyadama qoricha farra busaa ittisaafi to’annoo dhibee kanaaf gufuu ta’u ibsa.

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Darajjeen sababoota Jimmatti babal’ateef yoo deebisan sababoota garagaraa eeran.
''Haala jijjiirama qilleensaan walqabata. Inni biraanimmoo keessumaa hojiiwwan kana dura hojjetaman sababi rakkoo nageenyaatin haa ta’u sababii rakkoo adda addaatiin adda ciccituun tureera.
''Inni biraanimmoo kanaan dura busaan sadarkaa rakkoo fayyaa hawaasaa ta’e bifa weeraraatti ka’uu hin dandeenyerra gahee ture. Kanaanis sochiin gaggeeffamaa ture dhaabatee tuee.
''Akkasumas saaphana bookee buusaa ittisu raabsuun gad xiqqaatee tureera. Isaan kun jijjiirama qilleensaa waliin walqabatee bifa kanaan akka rakkoon kuni babal’atu’’ taasisuu himan.
Weerara kana to’achuuf ''bifa adda ta’en’’ aanaalee rakkoon kuni itti bal’ate ministeera fayyaa waliin garee erguun dalagamaa akka jiru ibsan.
Waa'ee busaa kana beektuu?
Yeroo baayyee dhibeen busaa kan daddarbu wayita bookeen busaa dhaltuun 'Anopheles mosquitoe' jedhamtu nama hiddituudha.
Bookeen busaa dhaltuun gosoota 400 caalantu jiru. Kanneen keessaa 30 kan ta'an haalaan kan dhibee busaa daddabarsaniidha.
Bookeen busaa dhaltuun jalqaba hanqaaquu ishee bakka bishaan qabutti buusti, isa booda hanqaaquushee keessaa ilmaan yaasuun gar laarvaatti guddisti, sanaan booda bookee busaa ta'anii ba'uun hojii eegalu.
Bookeen busaa dhaltuun daa'immanshee guddisuuf dhiiga xuuxxee fiduu qabdi, wayita kana dhibee busaa nama qabsiisti jechuudha.
Malli ittiin dhibee busaa ofirraa ittisan beekamoon lamaan - saaphana siree fi dawaa farra dhibee busaa - isaan yeroo baayyee itti dhimma baanuudha.
Akkaataa ragaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti dhibeen busaa baayyinaan biyyoota Sahaaraan gadii miidha.
Akkasumallee Kibba Baha Eeshiyaa, Baha Meediteraaniyaanii, Paasfik gara lixaa fi kutaalee Ameerkaa ni miidha.












