Maatii Gaazaa du'a warrasaanii daa'imman haleellaa misaa'ela Israa'elirraa hafanitti himuuf siqiqan

Haleellaa haaraa Israa'el Wiixata kaleessaa gaggeessiteen namoonni miidhaman hedduun hsopitala Deir al Balah keessatti argamu

Madda suuraa, ANADOLU

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa haaraa Israa'el Wiixata kaleessaa gaggeessiteen namoonni miidhaman hedduun hsopitala Deir al Balah keessatti argamu
Maxxanfame

Ijoolleen ofiifuu haleellaa qilleensaa baayyee miidhamanii ciisan, maatiinsaanii eessa akka jiran gaafatu.

''Yoo inni waa'ee maatii na gaafatu an hin deebisuuf. Callisee afuura dheeraa baafadheen jalaa dida. Mata durecha gara haasaa daa'immaniitti jijjiireen bira darbuuf yaala.''

Moein Abu Rezk eessuma Omaar, maatii daa'ima umrii waggaa afurii kana keessaa isa qofatu hafe.

Omar haleellaa qilleensaa Israa'el Wiixata kaleessaa raawwatteen qaamni isaa akka malee miidhameera. Amma Hospitaala Wareegamtoota Al-Aqsaa kan giddugala ulaa Gaazaa, Deir al-Balah keessatti argamu keessa ciisee jira.

Harka bitaa Omar irraa citeera, miilli isaa mirgaa madoo guddaa qaba. Qomaa fi fuula irraas madaa qaba.

Haleellaa qilleensaa kanaan miseensota maatii 35 dhabuu Moein hime. Haadha, abbaa fi akkawoon Omar kanneen du'an keessaati.

Moein hanga ammaatti maatiinsaanii dhumuu daa'ima kanatti himuurraa of eeggataa jira. Hanga inni wayyaa'ee hospitaalaa ba'utti itti hin himu jedhe.

Sababni isaa haala amma keessa jiru irratti maatiinsaa dhumuu yoo itti hime balaa keessa seenuu danda'a.

''Haala tasgabbaa'aa fi adda ta'e keessatti itti himamuu qaba. Haala hin taane keessatti itti himee hamma to'annoo kiyyaan ala ta'u yeroo inni tasgabbaa'u eegee itti himuu naaf wayya,'' jedhe Moein.

Daa'imi kun akka maatiinsaa naannawa isaa hin jirre hubateera. ''Meerre haati koo? Meerre akkoon? Eessa deeman?'' jedhee gaafata.

Omar fi namoonni Gaazaa kaan gargaarsa Yunaayitid Arab Imirteetis (UAE)n gara Masirii geeffamuuf jiru.

Garuu haleellaan Israa'el kibba Gaazaa keessatti hammaatee waan jiruuf karaan Ambuulaansiin seenee baasuyyuu hin jiru.

Israa'el erga waraanni kun Onkoloolessa darbe eegalee da'oowwan ''garee shororkeessitootaa'' 22,000 haleeluu himte

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el erga waraanni kun Onkoloolessa darbe eegalee da'oowwan ''garee shororkeessitootaa'' 22,000 haleeluu himte

Yeroo ammaa waraanni lafoo Israa'el Gaazaa iddoo lamatti hiree jira, waraana ji'a lamaa keessatti garee Hamaas, kan Israa'el, UK fi biyyoonni lixaa kaan shororkeessaa ittiin jedhan marsuu ibsa waraanni kun.

Loltoonni lafoo taankiin dabaalamuun magaalaa kibba Gaazaa, Kaan Yuunis dhuunfataniiru.

Daandii guddichi Deir al-Balah irraa ka'u ''dirree waraanaa'' jedhamuun labsameera. Uummanni Kibba Gaazaatti hafan bakka sana gadhiisuuf carraa tokkittii qabu, innis karaa handaara mediteraaniyaanii qofadha.

Waraanni haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwateen eegale amma ji'a lama caaleera, qe'een Gaazaa barbadaa'eera.

Waraanni kanaan lammiileen Filisxeem 18,200 caaln du'aniiru, kuma 50 kan ta'an ammoo madaa'aniiru.

Israa'el erga waraanni kun Onkoloolessa darbe eegalee da'oowwan ''garee shororkeessitootaa'' 22,000 haleeluu himte.

Moein Abu Rezk durbiinsaa Omar bakka kana keessaa baafamuun gara biraatti erga dabarfamee booda wal'aansa fooyya'aa ni argata jedhee abdata

Madda suuraa, MOEIN ABU REZK

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Moein Abu Rezk akka BBC Afaan Arabaatti himetti Omar fi maatiinsaa isaa kaaba Deir al-Balah mooraa Nuseirat keessatti osoo mana akkoo isaa jiranii boombiin Israa'el akeekkachiisa tokko malee irratti dhuka'e.

''Misaa'ela akkanaa arginee hin beeknu. Haleellaan kun qe'ee sanaa fi ollaa naannawa sana jiru hunda barbadeesse,'' jedha.

''Akka carraa ta'ee manni sun karaa duubaan ulaa banaa qaba ture. Omar karaa sana alatti darbatamee kufe. Garuu harki isaa bitaa haleellaa boombii kanaan citeera.''

Hospitaalichi baayyina namaa fi haleellaa guyyuu irratti raawwatuun rakkoo keessa jiraachuurraa kan ka'e doktaroonni bakka Omar ciisullee kennuufii hin dandeenye jedha Moein.

Daa'ima misaa'elaan haleelamee, qaamni irraa cite baatee waan godhu walaale.

''Daa'ima haala kanaan miidhame wal'aanuun qormaata guddaadha. Dhukkubbii hamaatu itti jira. Lilmeen dhukkubbii yeroof dandamachiisu hin jiru. Kanaaf hanga ogeeyyiin wal'aananitti taphachiisnee kofalchiisuu, dhukkubbii dagachiisuuf ifaajaa turre,'' jechuun haala hospitaalicha keessa jiru ibsa.

Moein malli kun yeroo hunda akka hin hojjenne hime, garuu ''Filannoo biraa hin qabnu,'' jedha.

Yeroo ammaa dhukkubbii hamaa keessa kan jiru daa'imni umrii ganna afurii Omar Kamisa dhufu gara iddoo daangaa Masirii ta'ee fi ammaaf haga tokko nagaa qabu- Rafaa geeffama.

Achitti yaala fooyya'aa argata jedhee abdata Moein.