Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan hanga yoonaatti lammiileeshee kuma 40 caalan Sa’uudiirraa deebisuu ibsite
Lakkoofsi namootaa Itoophiyaan Sa’uudii Arabiyaarraa deebiste hanga yoonaatti kuma 40 ol ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.
Torbee kana keessa erga mari’atee booda lakkoofsa kana kan ibse Koree lammiilee Itoophiyaa Sa’uudii Arabiyaa jiran biyyatti deebisuu fi dandamachiisuuf hundaa’edha.
Koreen dhaabbilee mootummaa 16 irraa hundaa’e kun Bitootessa 30-Waxabajjii 22, 2022tti namoota 40,794 gara biyyaa deebisuu Ministeerri Dhimma Alaa ergaa kaleessa (Wabajjii 25, 2022) miidiyaa hawaasummaasaarratti barreesseen beeksiseera.
Mootummaan Itoophiyaa hojii lammiilee isaa Sa’uudii irraa deebisuu Bitootessa 30 kan eegale yoo ta’u, lammiilee Itoophiyaa kuma 100 caalan ji’oota 7 hanga 11 gidduutti deebisee xumuruuf karoora qabateera.
Lammiileen hanga ammaa deebi’an kunneen balaliinsa yeroo 111 taasifameeni.
Koreen biyyaalessaa kun karoora qabate keessaa dhibbeentaa 40 xumuruu ibse.
Koreen hojiiwwan hojjetamanii fi hudhaawwan hojii keessatti isa mudatan irratti kan mari’ate yoo ta’u, kanneen keessaa bakka namoonni turanii fi meeshaan namootaa boodatti harkifachuun rakkoowwan ijoo turan jedhe.
Akkaataa lammiilee Itoophiyaa biyyoota Afrikaa keessa jiran deebisuun danda’amurrattis koreen kun mari’ateera.
Biyyi qabeenya boba’aan badhaate Sa’uudii Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa jiruu fooyya’aaf jecha godaan kumaan lakkaa’amaniif da’oo taatee jirti.
Haata’u malee mootummaan biyyattii yeroo garaagaraatti eeyyama jireenyaa hin qabdan jechuun lammiilee Itoophiyaa hedduu maneen hidhaa haalaan rakkisoo fi dhiphina qaban keessatti hidhaa jira.
Kanarraa kan ka’e lammiilee hedduu rakkoo fayyaa hamaaf saaxilamuu namoonni achirraa BBCtti himaa turaniiru.
Hidhamtoonni yoo dhibaman wal’aansa fayyaa kan hin argannee fi nyaataa fi dhugaatii malee haala lubbuusaaniif daran yaaddessaa ta’e keessatti argamu.