Faransaay manneen barnootaa mootummaatti 'abaayaa' uffachuu dhorkuufi

Madda suuraa, AFP
Faransaay manneen barnootaa hundatti uffata shamarran Musliimaa uffatan abaayaa (wandaboo dheeraa) akka hin uffatamne dhorkuuf ta’uu Ministeerri Barnoota biyyattii beeksiise.
Seerri kunis Fulbaana dhufaa gaafa 4 yeroo manni barnootaa deebii’ee eegalurraa qabee hojiirra kan oola jedhame.
Faransaay manneen barnootaafi gamoowwan mootummaa keessatti mallattoolee amantaa kamuu cimsitee kan dhorkitu yoo ta’u, kanaafis sababii seerawwan amantaan ala ta’an cabsa jetti.
Manneen barnootaa mootummaa keessatti hijaaba uffachu kan dhorkite bara 2014 irraa kaaftee turte.
‘‘Daree wayita seentutti barattoota ilaaluudhaan amantaan isaanii kam akka ta’e adda baasuu hin qabdu,’’ jedhan Ministirri Barnootaa Gaabri’eel Ataal wayita TV biyyattii TF1 jedhamuutti himaniitti.
Itti dabaluunis, ‘‘Kanaan booda manneen barnootaa keessatti abaayaa uffachuu akka hin dandeenye murteesseera,’’ jedhan.
Murteen kunis kan darbe manneen barnootaa keessatti abaayaa uffachuurratti baatiiwwaniif mariin gaggeeffamaa erga tureen booda.
Uffannaan kunis maneen barnootaa keessatti baayyinaan uffatamaa kan dhufe yoo ta’u, dhimma kanarrattis paartiiwwan 'Raayiti Wingi' kanneen abaayaa uffachuun akka dhorkamu jedhaniifi warra 'Leefti Wiingi' kanneen waa’ee mirga dubartootaafi shamarran Islaamaatiif sagalee dhageessiisan jidduutti qoodiinsi siyaasaa akka umamuu taasiseera.
‘‘Amantaarraa walaba (secularism) jechuun bilisummaa karaa manneen barnootaatiin agarsiifamuudha,’’ jedhan Aab Ataal. ‘‘Uffannii amantaa abaayaan kunis dudhaa bilisummaa manneen barnootaa qabachuu qabaniin kan wal faalleessuudha,’’ jechuun mormu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti dabalunis osoo manneen barnootaa boqannaarraa deebi'anii hin eegalin dura qajeelfama ifaa akka kennan dubbatan.
Bara 2010 keessa Faransaayi uffannaa fuula dhoksuu bakkeewwan ummanni waliitti qabamutti akka hin uffatamne dhorkite kan turte yoo ta’u, hawaasa Islaamaa miliyoona shan ta’u biratti dheekkamsa kaasee ture.
Faransaayi jaarraa 19ffaa irraa kaafteeti ture, mallattoolee kiristiyaanaa kan akka fannoo gurguddaa dabalatee, manneen barnootaa mootummaa keessatti mallattootlee amantaa cimsitee kan dhorkite. Kunis dhiibbaan amantaa Kaatooliikii kamuu barnoota hawaasaa irratti akka hin jiraanneef dhorkuuf kan taasifameedha.
Amma ammo waggootaan booda haala jijjirama baayyina ummata biyyattii hubannoo keessa galchuudhaan, hijaaba Musliimotaa fi kippaa waraa Yihudootaa dabalatee ture. Hanga ammaatti abaayaan hin dhorkamne ture.
Erga baqataan Chiichin barsiisaa Saamu’eel Paatii kan fakkii ergamaa Mohaammad barattootatti agarsiisuun, bara 2020 keessa mana barnootaa isaa biratti ajjeeffameen booda mallattooleen Islaamaa biyyattii keessatti mormii kaasaa jiru.
Tarkaanfiin ammaa kunis murtee imaammataa isa olaanaa Aab Ataal, kan pirezidanti biyyattii Emaanu’eL Maakrooniin Ministira Barnootaa taasifamanii muudamaniin fudhatameedha jedhameera.
Waldaaleen Musliimota heddu bakka bu’u CFCM garuu dhimmi uffataa qofaan isaa ‘mallattoo amantaa’ hin ta’u jedhan.












