Volkaanoo addunyaarratti guddaa ta'e keessaa dhagaan baqee akka bishaanii yaa'uu eegale

Maxxanfame

Maawuna Lohaan addunyaarratti volkaanoo socho'aa isa guddaadha- yeroo jalqabaatiif bara 1984 dhohee ture.

Laavaan ho'a digirii seelishasii 1,000 qabu dalga yaa'a, garuu ogeeyyin akka jedhanitti jiraattoota naannichaarratti dhiibbaa guddaa hin uumu.

Maawuna Lohaan hangam guddaadha?

Maawuna Lohaan maqaa masoo Hawaayitti ''tulluu dheeraa'' jedhamu qaba.

Tulluun kun volkaanoo socho'aa addunyaarratti isa guddaa ta'e qaba.

Volkaanoon kun lafa kiloometir iskuuwerii 2,035 kan haguugu yoo ta'u, tuuta volkaano shanitu walitti dabalamee odola Hawaayi guddaa uume.

Volkaanoon Maawuna Lohaa addatti gartokkee odola Hawaayi dhuunfate.

Iddoo olka'aan Maawuna Lohaa sirrii irra galaanarraa meetira 4,170 yoo ta'u, bu'uurri gaara kanaa dirra galaanaarraa eegala.

Bakki baayyee olka'aa ta'e meetira 9,170 yoo ta'u, gaara Everest ni caala.

Maawuna Lohaan maalif dho'a?

Maagimaan garmalee ho'aan Maawuna Lohaa lafa jalaa iddoo gadi fagoo fi volkaanoowwaan ollaatti argaman keessaa ol bahu.

''Namni kamiyyuu ulaa volkaanoon dho'u kun maaliif akka uumamu hin beeku,'' jedhan Poortimaawuz UKtti qorataan volkaanoo Dr Karman Solaana.

Taatullee handhuura lafaattii waantoonni ''radioactive' ta'an tortoruu isaanitiin mudachuu danda'a,'' jedhan.

''Maagimaan lafa keessaa bahu kun walitti dabalametu odola Hawaayi kana uume,''' jedhan ogeessii volkaanoo kun.

Magimaan lafa keessaa bahu iddoo dho'iinsi volkaanoo itti mudaterraa suuta tulluurra gadi yaa'a.

Dhangala'aan isaa kun laavaa jedhame beekama.

Laavaan ho'iinsa digirii seentii gireedii 1,000 ta'u qabu wayita yaa'u karaarratti waan itti bu'e hunda guba.

Volkaanoon wayita dho'u wanta caccabaa burcuqqoo fakkaatu 'Pele's Hair' ykn rifeensa Peelee jedhamee waamamu gadhiisa.

''Peelen, maqaa dubartii miidhagduu gaara Maawuna Lohaa jedhamu keessa jiraatti jedhame yaadamuti.

''Waanti rifeensa qaqal'oo fakkaatu kun bifa magaala ta'e qaba jedhan,'' Dr Karman Solaana.

Maawuna Lohaan bara 1843 irraa kaasee marroo 33'f dhoheera. Bara 1843 volkaanoon yeroo jalqabaaf kuni dhohuun isaa kan galmeeffame.

Kana jechuun waggaa shan fi ji'a 6 keessatti giddugaleessaan marroo tokko dhoha jechuudha.

Haata'u malee, volkaanoon kun yeroo xumuraaf erga dhohee waggaa 40 lakkoofsiseera.

Pirofeesarri Ji''oo-fiziksii Yuunvarsiitii Liid kan UKtti argamuu Andiriiw Hooppar, ''waggoota kurnan darban maagimaan hanga tokko dhangal'aa turuu mallattooleen agarsiisan mul'ataniiru, amma yoonaatti garuu dho'iinsi uumame hin jiru'' jedhan.

Pirofeesar Hooppar, haalli amma Maawuna Lohaarratti arginu saayintistoonni akka qorataniif karra kan banu jedhan.

Maawuna Lohaan volkaanoo yaaddeessaadha?

Volkaanoon Maawuna Lohaa akka volkaanoo kaanii dho'iinsa uume hin qabu.

Dho'iinsi otoo jiraatee dhukkee fi gaazii gadhiisu qabaata.

Volkaanoon Maawuna Lohaa kanarra garuu dhagaa baqee dhangala'u ykn laavaatu suuta jedhee karaa cinaa volkaano kanaatti yaa'a.

Pirofesar Hooppar'' laavaan yaa'uu kun lubbuu namaaf yaaddoo kan uuumuu miti, sababni isaa irraa goruu dandeessa'' jedhan.

Qabeenya namootaa naaannnichatti dhiyaatuurraan miiidhaa qaqqabsiisuuf laavaan fageenya dheeraa imaluu qabaata jedhan.

Gaaziin volkaanoo keessaa bahu saalfar daayoksaadii fi kiloorinii qilleensa jiidhatti dabalamee duumessa volkaanoo uumu danda'u fa'aati jedhan Dr Karman Solaana.