Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mala haaraa - bookee korma gurra duuchuun saal-quunnamtiirraa dhorkuun dhukkuba ittisuu
Saayintistonni haala addaafi hin eegamneen dhukkuboota bookeedhaan tamsa'aan kan akka deeng, busaa kelloo fi Zikaa fa'aa bookee kormaa gurra duuchuun saal-quunamtii raawwachuu fi wal-horuu akka rakkatan gochuun ittisuun danda'ama jechaa jiru.
Bookeen qilleensa keessa otoo balaliituuti kan saal-quunnamtii raawwattu, warri kormaa dhaltuu kan hordofan sagalee rukuttaa hawwataa baallee ishee dhagahuuni.
Dandeettii dhaggeefachuu boookee kormaa dabsuun qorattoonni yaalii dalagan. Bu'aansaas - dhaltuufi kormaan man'ee tokko keessa taa'anillee qaamaan walitti hin buune ture.
Dhukkuba kan daddabarsan bookee dhaltuu tahus dhala akka hin godhanne gochuun lakkoofsa waliigalaa hir'isuun danda'ama.
Gareen qorattootaa Yunivarsiitii Kaaliforniyaa gosa bookee Adees Ijptii jedhamu qoratan. Bookeen kunis waggaatti namoota miiliyoona 400 tahanitti vaayirasii tamsaafti.
Qorattoonni kunneen amala saal-quunnamtii ilbisoota kanaa dhiyootti hordofan - haala kanaan saal-quunnamtii sekandii muraasaa hanga daqiiqaa tokko turu akkatti haala uumamaan addaan kutuu danda'an adda baasan.
Qaama bookee kormaa keessaa pirootinii trpVa jedhamu irratti xiyyeefatan sunis waa dhaggeeffachuuf murteessaa dha.
Haala kanaan bookeewwan jijjiiraman niiwurooniin isaanii yeroo kaan sagalee adda baasu sagalee balaliifi rukuttaa baallee bookee dhaltuuf deebii kennuu hin dandeenye.
Sagaleen akkaan kormaa hawwatu gurra hin dhageenyetti bu'e.
Faallaa kanaan bookeen kormaa pirootiniin dhageettiif gargaaru jalaa hin dabsamne saal-qunnamtii raawwachuuf jarjaaraa, irra deddeebiin kan raawwatuufi dhaltuuwwan man'ee keessa turan hunda akka horan godhe.
Qorattoonni Yunivarsitii Kaaliforniyaa, Saantaa Barbaraa hojii isaanii joornaalii PNAS irratti kan maxxansan yoo tahu pirootinii kormaa irratti xiyyeeffachuun waan hojjetan ''mudaa hin qabu,'' kormaa duude saal-quunnamtii raawwachuu guutummaan guutuutti dhabamsiifameera.
Dr Joo'erg Abart Yunivarsiitii Oldeenbarg Jarman irraa dhimma saal-quunnamti bookee qoratu qorannoo miilanaa kanarratti yaada kenneera.
Miira sagalee haleeluun bookee to'achuuf waan abdii qabu tahus akkaan qoratamuufi to'annoodhaan hojiirra ooluu qaba jedhan.
''Qorannichi kallattiin sadarkaa moolakulaaraan kan yaalame yoo tahu miirri dhageettii bookeedhaaf barbaachisaa qofa osoo hin taane murtessaa tahuu agarsiiseera.
''Kormaan hin dhagahu taanaan - bookee dhaltuun hordofuun guutummaatti hafuu mala.''
Malli biraa ammoo bookee kormaa kolaafame naannoo dhukkubni bookeedhaan tamsa'utti gadhiisuu dha.
Bookeen dhukkuba haa baataniyyuu malee cancala nyaataa keessatti simbirroo, qurxummii, simabira halkaniifi fatteedhaaf nyaata. Kaani immoo poolineshinii biqilootaa keessatti faayidaa guddaa qabu.