Dhohiinsa buufataa doonii Iraanitti namoota 28 galaafatee 800 ol madeessee duuba maaltu jira?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhohinsa guddaa buufata doonii guddaa Iraanitti mudateen yoo xiqqaate namoonni 28 yoo du'an, kanneen 800 ta'an ammoo madaa'uu qondaaltonni himan.

Dhohinsi kun Sambata ganama naannoo magaalaa Baandaar Abbaas, buufata doonii daldalaa guddicha biyyattii Shahid Rajahee jedhamutti muudate

Dhohinsichi manneenii fi gamoowwaan naannawa sanaa akkasumas konkolattota irrattii miidhaa geessiseera..

Jiraattonni akka jedhanitti, dhohinsi kun hanga km 50 (Maayila 30) fagaatee dhaga'ameera.

Viidiyoowwaan BBC'n mirkaneessee akka agarsiisutti dhohinsa guddaa kanaan dura ibiddi ka'ee aarri mula'chuu agarsiisa

Viidiyichis namoonni lubbuu isaanii baraaruuf wayita fiigan akkasumas kanneen miidhaman kufanii lafa ciisan agarsiisa.

''Mani kuusaa guutummaatti aara, ddhukkee fi daaraan guutamee ture, ani minjaala tokko jala ciiseen of argadhe. Minjaala jala anumatu seenii fi dhoyiinsa seenatu dhahee achi jala na buusee koo hin yaadadhu" jechuun namni lubbuun hafe tokko buufata televijiinii biyyaalessaa biyyattiitti himeera.

Viidiyoon waraabame akka mul'isutti yoo xiqqaate bakka adda addaa sadiitti ibiddi akka babal'ate kan agarsiisu yoo ta'u, Ministeerri Biyya Keessaa Iraan ibiddi kun konteenara irraa gara konteenara biraatti babal'achaa akka ture boodarra mirkaneessera

Manneen barnootaa fi waajjiraaleen naannoo sana jiran Dilbatarra akka cufaman ajajni kennameera.

Dhaabbanni dhuunfaa galaanaarraa tokko, konteenaroonni ibidda kanaan miidhaman boba'aa misaa'ela balistikii oomishuuf oolu fe'uu hin oolanii jedhe.

Dhaabbanni nageenyaa Ambrey jedhamus ibiddi kun kan ka'e ''boba'aa misaa'ela balistikii Iraan fayyadamtu of eeggannoo malee qabuuni'' jedheera.

Ambrey akka jedhetti dooniin alaabaa Iraan ofirraa qabdu tokko ''Bitootessa bara 2025 boba'aa rookkeettii soodiyeem perkilooreet jedhamu buusiteetti.''

Kanaan dura gaazexaan Faayinaanshiyaal Taayims dooniiwwan fe'umsaa lama Chaayinaa irraa gara Iraanitti boba'aa geejjibsiisuu gabaasera.

Miidiyaaleen biyyaalessaa biyyattii namoota ijaan argan wabeeffachuun akka gabaasetti dhohinsi kun kan uumame erga ibiddi ka'ee gara konteenara hin haguugamne kan ''meeshaalee gubachuu danda'an'' of keessaa qabutti babal'atee booda ta'uu ibsaniiru.

Qondaaltonni dhaabbata gumurukaa biyyattii ibsa televijiinii biyyaalessaa irratti kennaniin akka jedhanitti, dhohinsi kun bakka kuufama keemikaalota balaafamaa keessatti ibiddi erga ka'ee booda kan muudtaeedha.

Ambrey qondaaltota Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Balaa Biyyaalessaa biyyattii wabeeffachuun akka jibsetti, keemikaalonni buufata doonii Shahid Rajahee keessatti of eeggannoon akka kuufaman akeekkachiisa kennaniiru.

Buufata doonii Shahid Rajahee buufata daldalaa ammayyaa fi guddaa Iraan keessaa isa tokko.

Buufatni doonii kun qarqara galaanaa daandii doonii boba'aa guddaa ta'e 'Strait of Hormuz' jedhamu irratti kan argamu yoo ta'u, waajjira muummee humna galaanaa Iraan Bandar Abbaas irraa gara dhihaatti km 20 fagaatee argama.

Dhaabbanni Boba'aa Biyyaalessaa Iraan dhohinsi kun warshaalee boba'aa biyyattii, bakka kuufama boba'aa fi sarara dabarsoo biyyattii waliin ''walitti dhufeenya hin qabu'' jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Pirezdaantiin Iraan Masuud Pahlaviin balaa mudate kanaan ''gadda guddaan itti dhaga'amuu'' ibsaniiru.

Biyyattiin dhohinsa kana ni qoratti kan jedhan preezdaantichi, qorannoo kana akka dursaniif ministeera biyya keessaa gara bakka balaan kun itti dhaqqabetti erganiiru.

Dhohinsi Sanbata darbe mudate kun marii biyyattiin sagantaa niwukilaraa ishee ilaalchisee Ameerikaa waliin taasifte waliin kan wal qabatuudha.

Ameerikaan marii Teehiraan meeshaa niwukilaraa akka hin oomishne ittisuuf kaayyeffate eegaltetti.

Biyyoonni lachuu mariin karaa jiddu-galeessitootaa Omaan keessatti gaggeeffamaa jiru haala gaariin deemaa jira jedhanii yoo dubbatan, ergamaan olaanaa Iraan garuu garaagarummaa dhiphisuuf wantoota hojjetamuu qaban akka jiran akeekeera.

Mariin kun torbee dhufu itti fufas jedhameera.

Iraan qoqqobbiin irra kaa'ame yoo salphate sagantaa niwukilaraa ishee dhiisuuf qophii ta'uu fi garuu oomishaa yuuraaniyeemii kan itti fuftu ta'uu ibsiteetti.

Iraan sagantaa niwukilaraa ishee waraanaaf utuu hin taane faayidaa lammiileef ta'uu himti.

Kun ammoo erga walga'ii gamtaa Awurooppaa bara 2018 gaggeeffamee booda marii sadarkaa olaanaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamu isa jalqabaati.