US fi UK’n haleellaa haaraa Huutii Yamaniirratti raawwatan

Maxxanfame

Xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa fi UK Yaman keessatti maadheewwan qiyyaafannoo Huutii 18 haleeluu Peentaagan beeksise.

Haleellaan tumsa waloo biyyootaa kun yeroo afraffaaf raawwatame.

US akka ibsitetti, haleellaan Sambataa kun bakkeewwan kuusaa meeshaalee, diroonii, sirna qolannaa haleellaa qilleensaa, raadaarii fi helikooptara hidhattootaa Huutiirratti xiyyeeffate.

UK’n akka jettutti, biyyoonni michoonni haleellaa kanaa kan raawwatan dandeettii Huutii ''caalaatti laaffisuufidha.’’

Ulaa daldalaa Galaana Diimaa baayyee barbaadamurratti haleellaa hidhattoonni Iraaniin deeggaraman qaqqabsiisan yeroo itti fufe kanatti haleellaan kun raawwatame.

Huutiin - finciltoota magaalaa guddoo Yaman Sana’aa dabalatee kutaalee Yaman irra caalaa to'atan yoo ta’an, waraana Israa'el-Gaazaatti adeemaa jiruun walqabsiisuun dooniiwwan Israa'elii fi biyyoota Lixaatti hidhata qabu jedhan haleelurratti xiyyeeffatan.

Amma dhiyeessiin meeshaalee daldalaa addunyaa garmalee jeeqameera.

Kanarraa kan ka’e dhaabbileen doonii gurguddoon muraasni imala Galaana Diimaa, sochiin dooniiwwaan itti baayyaturraa fagaachuun gatiin meeshaalee dabale.

Ibsa waloo Peentaagan kenneen, haleellaan Sambataa kun “barbaachisaa fi madaalawaadha. Maadheewwan xiyyeeffannoo Huutii 18 bakkeewan saddeet Yamanitti argaman kuusaa meeshaa waraanaa lafa jalaa Huutii, kuusaa misaa’elaa, sirna ittisa qilleensaa, helikooptara fi raadarii haleelurratti xiyyeeffate” jedhe.

"Haleellichi dandeettii Huutiin ulaa daldala addunyaa ittiin jeequ, dooniiwwan humna galaanaarraa fi lubbuu namoota galaanicharra imalaniif yaaddoo ittin uumuu jeequufi laaffisuurratti xiyyeeffate," jedha.

Ibsichi ''walakkeessa Sadaasarraa eegalee amma yoonaatti haleellaa 45 ol Huutiin doonii daldalaa fi humna galaanaarratti raawwate dinagdee addunyaa, akkasumas nageenyaafi tasgabbii naannichaaf balaa ta'uu fi deebii sadarkaa idil-addunyaa barbaada,'' jedhe.

Haleellaan kun ''deeggarsa Awustiraaliyaa, Baahireen, Kaanaadaa, Deenmaark, Nezerlaand fi Niw Zilaandiin’’kan raawwatame ta'uu ibsichi eere.

Yeroo muraasa booda, Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyid Oostiin Ameerikaan "akka barbaachisummaa isaatti tarkaafii fudhachurra of duubatti hin deebitu. Daandii galaanarraa addunyaarratti murteessaa ta'e kanarratti lubbuu namaa fi ulaa daldalaa bilisaa eeguuf tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti hin deebinu," jechuun cimsanii dubbatan.

Addatti ammoo Ministirri Ittisaa UK Giraant Shaaps ''dirqamni keenya lubbuu namoota galaanaan imalanii eeguu fi bilisummaa imala galaanarraa tiksuudha," jedhan.

"Humni Qilleensaa UK sababa kanaaf haleellaa si’a afraffaa maadheewwan waraanaa Huutii Yamanitti argamurratti qiyyaafate," jedhan.