Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ijoolleen nu harkatti dhukkubsatte, manni yaalaa hin jiru'
Baqattoonni Itoophiyaa Sudaan jiran erga waraanni humna ittisaa biyyichaa fi RFS gidduutti ka'ee rakkoo keessa jiraachuu himatu.
Keessattuu haadholiin ijoollee qabatanii waan nyaachisan dhabanii rakkachaa jiraachuu himan.
Kaan ammoo ijoolleen harkatti dhukkubsachuun mana yaalaa dhabuun rakkoo hamaa keessa jiraachuu himan.
Waraanni Sudaan torbanoota shaniif gaggeeffame kumaatama biyya ollaatti buqqisee kuma dhibbaan ammoo biyyuma keessati qe'ee isaanii irraa buqqiseera.
Biyyoonni tokko tokko lammiilee isaanii biyyichaa baasanis baqattoonni Itoophiyaa hedduun waraana kana gidduutti danqamuun rakkoo keessa jiraachuu himatu.