Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromoo addatti hundeessuun maaf barbaachise?

Loogoo Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromoo

Madda suuraa, Oromo Bible Society

Maxxanfame

Waldaan Macaafa Qulqulluu Oromoo, Waldaa Macaafa Itoophiyaa irraa addatti of danda'un waggaa lamaan dura hundeeffame.

Waldichis erga hundeeffamee qabee Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootiin maxxansiisun raabsuu eegaluti himame.

Waldaan Caamsaa 6, bara 2020tti addatti hundeeffame kunis Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa hayyama argatee ifatti hundaa'undaa'u ragaaleen ni agarsiisu.

Osoo Waldaan kun hin hundaa'in dura, Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo dabalatee afaanota biraatin maxxansiisun kan raabsaa ture, Waldaa Macaafa Qulqulluu Itoophiyaa akka ta'e Pirezidaantii Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa kan turan Luba Ittafaa Goobanaa BBC'tti himan.

Ofii Waldaa kana addatti hundeessuun maaliif barbaachise?

Luba Ittafaa Goobanaa, Wayita ammaa kanatti Walittiqabaa Boordii Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromoo ta'uun tajaajilaa jiru.

Dhimmota hundeeffama waldichaaf sababa ta'an keessaa tokko lakkoofsi Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo maxxanfamee jiruufi baay'inni amantootaa Afaanichaa waaqeffatanii gar malee kan wal hin madaalle ta'u dubbatu.

Ragaalen akka agarsiisanitti, yeroo ammaa kana amantoonni warra wangeelaa Afaan Oromootin waaqeffatan lakkoofsi isaanii miliyoona 15 ol ta'u himu duren ammantaa kun.

Haata'u malee Macaafni Qulqulluun hanga ammaa Afaan Oromootiin maxxanfamee miliyoona 4 akka hin guunne himu Lubni Ittafaan.

"Waggoota 22 keessatti macaafota miliyoona 4 ta'u qofaatu [Afaan Oromootin] maxxanfamee biyya keessa gale. Guddisneetuma yoo ilaalle malee kanumayyuu hin ta'u.

"Jalqaba Waldaa Makaana Yesuustu Macaafa Qulqulluu 200,000 ta'u maxxansiisee galche. Sana booda ammoo Waldaa Macaafa Qulqulluu Itoophiyaatu maxxansiisee gurguraa ture," jedhu hir'ina jiru yoo himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma Waldaan Macaafa Qulqulluu Oromoo mirga abbummaa Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo harka waldaa Macaafa Qulqulluu Itoophiyaa ture fudhateera.

Kanaanis waldichi yeroo jalqabaaf of danda'ee Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo maxxansiisuu akka danda'e kan dubbatan ammoo miseensa Koree Hoji raawwachiiftuu Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromoo, Paastar Amanu'eel Makonnin.

Kana sababeefachunis, Amajjii 29, 2023 galma Barkumeetti sagantaan tokko qophaa'aa jira.

Saganataa sanarrattis, namoota baroota durii irraa kaasuun Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikuu keessatti qooda fudhatan, kanneen amma lubbuun jiranii fi hin jirreef beekamtiin akka kennamuuf BBCtti himan Paastar Amaanu'eel.

"Amajjiin 29, 2023 guyyaa mataturee ayyaana 'Macaafa Qulqulluu hundumaaf' jedhun itti kabajnuudha. Gaafa kanattis Macaafa [waldichi maxxansiise] uummatatti beeksisuun Waaqaa galateeffanna," jedhu.

Luba Ittafaa Goobanaas ''Macaafa walichaan yeroo jalqabaatiif maxxanfame beeksiisuun alatti, abboota amantaa jalqabaa kaasanii wangeela saba Oromoon gahuuf dadhabaniifi kanneen biyya keessaafi biyya alaa jiraatan saganticha irratti in yaadanna," jedhan.

'Teenyee eeggachuurra waldicha hundeessine'

Macaafni Qulqulluu Afaan Oromoo yeroo dheeraaf haala gahaa ta'een dhiyaachu dhabuurraa kan ka'e, amantoonni Afaan Oromoon waaqeffatan haala barbaadaniin Macaafa Qulqulluu argataa akka hin turre himu dureewwan ammantichaa.

Lubni Ittafaa Goobanaa rakkoo kana furuuf Waldaan abbummaan dhimma kana hogganuu fi maxxansiisu hundeessun barbaachisaa fi kan yeroosaa eeggate jedhan.

"Macaafni Qulqulluun har'a warra wangeelaa Oromoo harka jira moo hin jiru kan jedhu gaaffii uume. Kanarraa ka'uunis yeroo fedhanitti maxxansiisuun hanga nu fidaniitti harka marannee eeggachurra ofii haa maxxanfanu jechuun murto kana fudhannee'' jedhan.

Gama biraanis yeroo ammoo kana ilaalchi dhala namaa bara wajjin jijjiiramaa dhufuu irraa kan ka'e, qabiyyeen Macaafa Qulqulluu keessumaa biyyoota Lixaa keessatti jijjiiramaa jiraachuu ragaaleen ni agarsiisu jedhu.

Rakkoon akkasii osoo hin uumamin dursanii Macaafa Qulqulluu ofii eeggachuuf Waldaa kanarratti hojjatu hundeessun murteessaa akka ta'e ibsu Lubni Ittafaan.

"Dubbii sagalee Waaqayyoo kana akka biyya lafaatii ta'utti gegeeddaruunis jira. Inni kun ammoo amantii nu harkaa gata waan ta'eef amantoonni Oromoo Macaafa isaanii eeggachuu qabu. Beektonnis kanarratti hojjachuun qabu kan jedhuun waldichi dhaabbate. Akeekni isaa kan walumaagalatti," jedhu.

'Amma sabni Oromoo qabeenya jalaa fudhatamuu hin dandeenye argateera'

Seenaan hog-barruu Oromoo gaafa ka'u namni maqaan isaanii dursaan ka'u Abbaa Gammachiis- Onesmoos Nasiibiifi Asteer Gannoo fa'i.

Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikuu bira darbee hog-barruu Oromoo keessatti Onesmoos Nasiib nama gahee guddaa qabu akka ta'an ragaalen ni mul'isu.

Onesmoos Nasiib Oromiyaarraa garbummaan bitamun boodarra bilisa bahuun mishinaroota irraa baruumsa ammayyaa argatee hog-barruu Oromotiif nama karaa saaqan.

Keessumaa Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikuu isaatif amantoota warra wangeelaa biratti maqaa guddaa qabu.

Biyya Siwiidin, Kiroshiinaatti Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikee gaafa raawwatu dubbii dhaloonni yeroo hunda yaadatuu akka dubbatan himu Lubi Ittafaan:

"'Amma sabni Oromoo qabeenya guddaa eenyuyyuu jalaa fudhachuu hin dandeenye argateera' jechuun haala sabni Oromoo yeroo sana keessa ture ibsuuf dubbate."

Bara Onesmoos Nasiib Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiik,e Oromoon qabeenyi inni qabu jalaa fudhatame ture, akkasumas bakkee hundatti daldalli garbaa finiinee ture.

Onesmoos ofii isaa daldala garbaatif maatii isaa jalaa humnaan waan fudhatameef roorroo sabni isaa keessa jiran ni beeka ture jedhu.

"Bara sana Oromoon mirga isaa, qabeenya isaa caalatti dhabee ture waan ta'eef, namni kun [Onesmoos Nasiib] haalli sun itti dhagahame. Dubbii Waaqayyoo ammoo eenyu illee irraa fudhachuu hin danda'u kan jedhu dubbate," jedhu.

Miishinaroota jaarraa 19ffaa keessa gara daangaa Oromoo dhufuun Afaan Oromoo baratanii Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikuu yaalan keessaa tokko nama Joohn Luudwik Kiraaft jedhamuudha.

Bara 1839-1843 karaa Mombaasaan Itoophiyaa seenuun Afaan Oromoo baratee Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikuf yaalii guddaa godhee ture.

Sagantaa Amajjii 29, 2023 qophaa'u irratti namoota akka Joohn Luudwik fa'iif beekamtii fi yaadannoon akka taasifamuuf dubbatu Lubni Ittafaan.

Macaafa Qulqulluu Onesmoos Nasiib qubee Saabatiin Afaan Oromootti hiikanii turan gara qubee Afaan Oromootti deebisuu keessatti gahee guddaa kan tapahate ammoo Luba Dr. Tasgaraa Hirphooti.

"Lubi Tasgaraan namoota kaan wajjin ta'un waggaa afur keessatti Macaafa Qulqulluu amma harkaa qabnu qubee Afaan Oromoo [Laatiinii]tti jijjiiran," jedhu.

Onesmos Nasibfi Luba Dr. Tasgaraa Hirphoo

Madda suuraa, Oromo Bible Soceity

'Waldaan Macaafa Qulqulluu Oromoo gara fuulduraatti maal hojjata?

Waldaan kun hojiisaa jalqabaatin Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo abbummaan maxxansiisu fi raabsuu eegalee jira.

Gara fuulduraatti ammoo Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo qofaan osoo hin taane, afaan sabaafi sab-lammoota birootin illee qopheessee raabsuu akka barbaadu BBCtti himan miseensa koree giddu galeessaa boordii waldichaa fi tajaajila Waldaa Guutuu Wangeelaa, Pastar Amaanu'el Makonnin.

Akkasumas mana maxxansaa ammayyaa qabaachun Macaafa Qulqulluu dabalatee kitaabota hafuuraa maxxansiisuu fi raabsuf karoora akka qabu himu.

"Gara fuulduraatti Macaafa Qulqulluu afaan waltawaa namoota hundumaaf mijataa ta'een dhiyeessuf hojjataa jirra," jedhu Paastar Amaanu'eel.

Kanaaf ammoo namoota waldaalee warra wangeelaa Oromoo garaa garaafi naannoo loqoda Oromoo addaa addaarraa hirmaachisuun akka hojjatan ibsu.

Dhiyeenya kana Waldaan Macaafa Qulqulluu Itoophiyaa, Mcaafa Qulqulluu Afaan Oromoo loqoda Arsiitiin qopheessee dhiyeessuu beeksisuu hordofee yaanni mormiifi deeggarsaa miidiyaa hawaasaa gubbaatti deemaa ture.

Dhimma kanarratti Waldaan Macaafa Qulqulluu Itoophiyaa Waldaa isa kan Ormomiyaa akka hin hirmaachisin dubbatu Paastar Amaanu'eel.

"Nuti hojii namni biraa hojjate keessa gallee sana kana waan jennu hin qabnu. Macaafa Qulqulluu waan ta'eef afaan kamiiniyyuu haa ta'uu in kabajna," jedhan.