Pirezidantiin Somaaliyaa daawwannaa jalqabaa isaanitiif Finfinnee galan

Maxxanfame

Hasan Sheek Mohamud kan baatiiwwan dura pirezidaantii Somaaliyaa ta’uun muudaman daawwannaa hojiitiif Finfinnee galan.

Pirezidanti Hasan Sheek Mohamuud erga aangoo qabatanii booda biyyoota gara biraa kan akka Ertiraa fa’iitti daawwannaa kan taasisan yoo ta’u, kana dura Itoophiyaa ni dhaqu jedhamuun eegamaa turan.

Pirezidaantichi Roobii har’aa Fulbaana 28, 2022 wayita Finfinnee buufata xiyyaara Idil-addunyaa Boolee gahaniitti Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad simannaa taasisaniifiru.

Somaaliyaa biyya hin tasgaboofne waliin daangaa dheeraa kan qooddattu Itoophiyaan, mootummaa biyyattii tumsuudhaan garee hidhatootaa Al-shabaab waraanuuf ergama nagaa eegsisuu Gamtaa Afriikaa jalatti erga Somaaliyaa keessatti loltoota bobbaaftee waggoonni lakkaa’amaniiru.

Pirezidanti Hasan Sheek Mohamuud turtiisaanii Finfinneetiin aanga’oota olaanoo Itoophiyaa waliin dhimmoota waloo biyyoota lameenii fi kaan biraa irratti akka mari’atan eegama.  

Gareen Al-Shabaab kan al-Qaa’idaa waliin hidhata qabaachuun himameefi Somaaliyaa keessatti bu’ureeffate, baatiiwwan muraasa dura daangaa Somaaliyaa qaxxaamuruun Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif haleellaa raawwachuunsaa ni yaadatama.

Pirezidaantii duraanii Somaaliyaa fi michuu Itoophiyaa kan turan Abdullaahii Faarmaajoo mo’achuun yeroo lammaffaaf pirezidantii Somaaliyaa ta’uuf kan injifatan Pirezidanti Hasan Sheek Mohamuud, erga Caamsaa keessa aangoo qabatanii booda Ameerikaa dabalatee biyyoota biraa daawwataniiru.

Biyyoota ollaa kan akka Jabuutiif Keeniyaas kan daawwatan yoo ta’u, Ertiraafi Masriittis imalanii turan.

Pirezidanti Hasan yeroo sanatti Itoophiyaas daawwachuuf fedhii qabaachuun isaanii ibsamee kan ture yoo ta’u sababii adda addaatiin hanga yoonaa turan.   

Mootummaan Itoophiyaa Somaaliyaatti loltoota isaa bobbaasuun alattis, qabsoo mootummaa biyyattii al shaabaab irratti gaggeessu keessatti gahee olaanaa bahuun waggoota hedduuf hojjataa tureera.