Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa’imman Harargee dallaalotaan walharkaa fuudhamanii hanga qarqara galaanaatti geeffaman
Dubartoonni miidhamtoonni nageenyasaaniif jecha maqaan isaanii hin eeramne sadeen umriinsaanii waggaa 18 hin guunne; sadeenuu barattoota.
Daa’imummaan isaaniifi barattoota ta’uunsaaniis dhimma dallaalota karaa seeraan alaan namoota daddabarsaniif haala mijataa uumedha.
Haaluma kanaan jiraataan godina Harargee Bahaa Aanaa Dadar, Mahaammad Hasan Mahaammad jedhamu (kan himatamee irratti murtaa’e) daa’imman umriinsaanii waggaa 15-17 ta’e sadeen kanatti siiquun carraan jireenyasaaniis ta’e kan maatiisaanii jijjiiru akka jiru, carraa kanattis akka fayyadaman itti hima.
“Barumsi bu’aa hin qabu, biyya Saawud Arabiyaa deemtanii dalagattanii ofis maatii keessanis jijjiirtan. Yeroo gabaabaa keessattis ni duroomtu” kan jedhu immoo mala qalbii daa’imman kunneen hawwachuuf itti fayyadamedha.
Daa’imman kun biyya hambaa deemanii ofis ta’e maatii isaanii jiruu qananii akka argamsiisan irra deddeebiin itti himes amansiisa.
“Wantoota abdii keessatti uuman jala qabee, sossobee kakaase” jedhu Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaatti Abbaa Seeraa kan ta’an Ayyuub Hajjii.
Imala halkaniif guyyaa…
Mahaammad Hasan Mahaammad daa’imman umriinsaanii hojiifis ta’e ofii isaaniitif waa murteefachuuf hingeenye sadeen hawwii jireenya qananiin erga sossobee booda ALI Adoolessa 14, 2015 sadeenuu bakka tokkotti walitti qabee imala eegalchiise.
Buufanni isaanii jalqabaas mana faddaalaa Magaalaa Harar keessatti argamu ture. Mana kanas guyyaa tokkoof bulan.
Guyyaa itti aanuttis “miidhamtoota kana buufata konkolaataa Magaalaa Harar geessuun gara Naannoo Somaaleetti yaabbachiise. Naannoo Somaalee keessa magaalaa Adaw jedhamtu geessee faddaaltota achi jiranitti dabarse” jedhan Abbaan Seeraa Ayyuub Hajjii.
Himatamaa Mahaammad, daa’imman sadeen faddaalaa magaalaa Adaw jirutti dabarsee erga kennee booda maallaqa hangisaa hinbaramne isarraa fudhatee miidhamtootaan “nyaata isiniif bitee deebi’a” jechuun biraa deeme.
Haa ta’u malee himatamaan kun akka jedhetti nyaata bitee hindeebine, achumaan gara iddoo jireenyasaa magaalaa Dadaritti deebi’e.
“Miidhamtoonni bilbilanii ‘garam deemte? Nuyillee ni deemna’ yemmuu jedhaniin ‘achii kaatanii hanga asii kan ittiin dhuftan kan geejibaafii nyaataa hundi kan namaati waan ta’eef deemuu hindandeessan, lubbuu keessaniin hin taphatinaa’ jechuun waan akka doorsisaa itti hime” jedhu Abban Seeraa.
Sana boodas faddaalaan magaalaa Adawitti isaan simate daa’imman sadeen guyyoota lamaaf halkaniifii guyyaa erga imalchiisee booda Somaalilaand magaalaa Las Anod jedhamtu akka geesse galmeen mana murtii hima.
“Erga achi geessee booda ‘maatii keessanitti bilbiladhaatii mata mataan qarshii 27,000 ergisiisaa’ jechuun faddaaltonii miidhamtoota kunneen doorsisan, gariin isaaniis ni reeban” jedhu Abbaan Seeraa.
Maatiin miidhamtootaas maallaqa jedhame erga kanfalanii booda daa’imman sadeen gara baha giddugaleessaatti ceesifamuuf qarqara galaanaa geeffaman.
“Miidhamtuun isheen tokko bahaara erga geessee booda bishaan arginaan ni gaggabde. Yeroo kanas (faddaaltonni) viidiyoo ishee waraabanii maatiitti ergan. ‘Ammas qarshii 10,000 yoo ergitan malee bishaan kanatti darbina’ jechuun qarshii jedhame dabalchiisan” jedhan.
Maatiin miiidhamtoota hafan lamaanis maallaqa dabalataa kanfaluun faddaltonni daa’imman isaanii akka deebisanif kadhatan.
“Qarshiin erga ergamee booda kaan maatiin itti watwaatee, faddaaltota kadhatanii ofduuba deebisan. Kuun immoo jalaa badanii ofduuba deebi’an” jedhan.
Himatamaan ni haale…
Himatamaan eeruu maatiin miidhamtootaa qaamolee seeraaf kennaniin to’annoo jala erga oolee booda Abbaan Alangaa Godina Harargee Bahaa ALI Bitootessa 12, 2016 Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaatti himata irratti bane.
Himanni irratti banames Labsii Yakkoota Namaan Daldaluufii Seeraan Ala Nama Daangaa Ceesisuu Dhorkuufii To’achuuf bahe 1178/2012 Keewwata 8/2 A darbuuni.
Keewwatni 8 kun namni kamiyyuu kallattiiniis ta’e alkallattiin faayidaa maallaqaas ta’e meeshaa ofiif argachuuf yookiin namaaf argamsiisuuf jecha namni karaa seeraan ala gara Itoophiyaa akka seenu, Itoophiyaadhaa akka bahu akkasumas Itoophiyaa keessa akka darbu yoo taasise akka adabamu kan labsudha.
Kana malees namni gochaalee kunnneen dalaguuf qophii taasise, adeemsarra osoo jiruu argame yookiin nama daddabarfamaa jiru simates akka adabamu eerameera.
Keewwata 8 kana jalatti lakkoofsa 2 A jalatti akka eeramettimmoo gochichi daa’imman, namoota dhukkuba sammuu qaban yookiin qaama miidhammtoota irratti kan raawwatame yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa 7-15 fi adabbii birrii 20,000- 150,000 gahu akka adabsiisu kaa’ameera.
Haa ta’u malee himatamaa Mahaammad Hasan Mahaammad Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaatti dhiyaachuun yakka ittiin himatame kana “hin raawwanne” jechuun haale.
Abbaan Alangaas ragooliisaa dhiyeeffatee jecha ragummaa akka kennan taasise. Himatamaanis ragaa ittisaa akka dhiyeeffatu ajajame. Haa ta’u malee ragaaleen ittisaa himatamaan dhiyeeffate himata irratti baname irraa ittisuu hindandeenye.
Manni murtichaas kanuma bu’ureeffachuun himatamaarratti murtee balleessummaa mure.
Dhaddacha ALI Waxabajjii 4, 2016 ooleenis ‘ni barsiisa’ jechuun himatamaa Mahaammad Hasan Mahaammad irratti hidhaa cimaa waggaa 15 fi adabbii maallaqaa birrii 10,000 irratti murteesse.
Rakkoo lubbuu lammiilee galaafachaa tureefi itti fufe…
Itoophiyaa keessatti godaansi seeraan alaa gama dallaalota raawwatamu lammiilee heddu sarbama mirga namoomaafi dararamaaf, akkasumas du’aaf saaxilaa tureera, ammas saaxilaa jira.
Godinni Harargee Bahaammoo lammiilee karaa seeraan alaatiin gara biyyoota baha giddugaleessaatti daddabarsuuf bal’inaan faayidaarra oola.
“Keessattuu godinni Harargee Bahaa naannoo Somaaleetiin wal daangessa. Gara daangaa biiyyattiitti aana waan ta’eef namoonni godinaalee biroorraa dhufanii karaa kana keessa warri darban jiru” jedhu Abbaan Seeraa Ayyuub Hajjii.
Godinicha keessa saaxilamummaan jiraachuu kan eeran Abbaan Seeraa kun, “sababa kanaan faddaaltonnis ni baay’atu. Namoonni yakka kanaaf saaxilamoo ta’an immoo ijoollee barattoota umriinsaanii waggaa 18 hintaane, heddunsaanii shamarrani” jechuun himaniiru.