Bineensa ilmaan ishee kunuunsuuf umurii guutuu aarsaa kanfaltu- Orkaa

Maxxanfame

Orkas sanyii bineensa Weelsi ilkaan qabanii fi bifa burree qaban garba guddaa kan akka Paasifik keessa jiraatan.

Bineensi kun adamoon waan jiraataniif 'killers whales' jedhamanii beekamu.

Qorannoon sanyii bineensa weelsi kanarratti gaggeeffame akka agarsiisutti, haadholiin isaanii ‘’ilmaan ofii kunuunsuuf umrii guutuu aarsaa kanfalu.

Bineensi dhaltuun kun ilmoo isaa kormaa kunuunsuuf jecha ilmaan biraallee otoo hin dhaliin yeroo heddu hafa.

Annisaan weelsi dhaltuun ilmaan ishee kormaa kunuunsuuf baastu guddaa waan ta’eef akka ilmoo biraa dhaltee hin guddisne ishee taasisa.

Pirofeesarri Yunvarsiitii Eksiter Darrin Kirooft ‘’haadholiin isaanii soorataafi anniisaa isaaniillee ilmoof laatu,’’jedhan.

Orkas umriisaanii guutuu maatii isaaniirraa hin fagaatan.

Haa ta’u malee, ilmaan Orkas dhaltuun umrii ga’eessummaatti maatii isaaniirra adda bahu.

Warri kormaan garuu haadha isaaniirratti hirkatu. Yoo haatii waanta nyaatamu adamsite qabdellee irraa qooddatu.

Pirofesar Kirooft, haala jireenya bineensa kanaa’’hariiroo maatii walxaxaa fi hawaasummaa bineensotata kanaarratti hubannoo haaraa kan uumudha,’’ jedhan.

Qorannoon waggoota kudhan fudhate kun barruu ‘Current Biology’ jedhamurratti maxxafame.

Qor’annoo kun qaama ergama jireenya maatii weelsi, kanneen adamoon jiraatan adda baasuf gaggeeffamuti.

Qorannoon kun akka gaggeeffamu kan taasise Giddugaleessa Qorannoo Weelsi kan sadarkaa idil addunyaa(CWR) jedhamu. Jaarmiyaan kun haala jireenya weelsi kanneen adamoon jiraatanii ganna 40’n darban hordofaa ture.

Bara 1976 irraa kaasee giddugaleessi qorannoo kun sanyii weelsi kanneen adamoon jiraatan tokko tokkoon lakkaa’e raga kennaa ture. Ragaaan giddugaleesi qo’annoo kun kennuu sanyiin bineensa kana dhabamuurraa hambiseera.

Qorannoo amma gaggeeffame kanarratti ammo saayintistoonni bara 1982-2021 giddutti saayintistoonni haala jireenya weelsii dhaltuu 40 qorataa turan.