Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni Murtii Keeniyaa koonfireensii komii filannoo pireezidantummaa ilaalu taa'uufi
Manni Murtii olaanaa Keeniyaa bu'aa filannoo pireezidantummaa torban sadi dura gaggeefame irratti iyyannoo dhiyaate ilaaluuf konfireensii gaggeessuufi.
Manni murtii kun torban darbe keessa oliyyannoowwan sagal bu'aan Wiiliyaam Ruutoo injifachuu labse akka haqamu gaafatu simateera.
Konfiransichi qabxiilee ijoo manni murtichaa adeemsa isaa Wiixata dhufu yeroo eegalu ilaaluun irra jiru adda akka baafatu gargaara.
Dura taa'aan komishini filannoo biyyattii Wafulaa Chebukaatii kophaatti Wiiliyaam Ruutoon filannicha injifachuu adeemsi itti labsan seera cabse qabaachuufi dhiisuunis dhimoota ilaalaman keessaayi.
Qoodinsa miseensota komishinii filannoo biyyattii torba keessatti dhalatee gareen tokko bu'aan filannoo akka fudhatama dhabu gaafateefi kaan ammoo sirriidha jedhu uumames ni ilaala.
Konfiransicha irratti abbootii seeraa torba kan iyyannoo bu'aa filannoo ilaalanii murtee dhumaa dabarsaniini.
Abbootiin seeraa kunniin koonfireensii adeemsa seeraa isa sirrii eegaliuun dura dhimmoota oijoo akka ilaalaman dhiyaatan irrattis murtee ni kennu.
Himannaa Rutoon miseensota komishinichaa bu'aa filannoo dura dhaabbatan akka ari'aman dhiibbaa godhan jedhamuun deeggartoota Raayilaa Odiingaan dhiyaates ni ilaalu.
Akka gareen Odiingaa himatu sagaleen irra deebiin akka lakkaawwamuufi bu'aa isaarratti qorannoon akka godhamus murteessuu malu.
Konfiransiin jalqabaa kun televizhiniiwwan biyyattiin kallattiin kan tamsa'udha. Kaayyoon isaas uummatni biyyattii addeemsa kana ifatti akka hordofuu fi baayyina uummataa mana murtiitti qaamaan argamuun hordofuu xiqqeessuufi.
Filannoo pireezidantummaa Hagayya 9 gaggeefameen pireezidantii itti aanaan ammaa Wiiliyaa Ruutoo sagalee miiliyoona 7.1 jechuunis dhiibbeentaa 50. 49% argachuun morkataa isaanii Raayilaa odingaa injifatan.
Bu'aan filannoo kun torban booda yeroo ifa godhamu miseensota komishinii filannoo torba keessaa afur bu'aan filannoo kun sirriidha jedhanii akka itti hin amannee addatti ibsa baasanii ture.
Raayilaa Odingaas bu'aa filannoo kana akka hin fudhanneefi dhimmicha akkuma bara 2017 mana murtii biyyattiitti akka geessan dubbatanii turan.