Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imbasii Israa’eel, Ameerikaa jiru fulduratti mormiitoota keessa tokko ibidda ofitti qabsiise
Imbaasii Israa’el bulchiinsa Ameerikaa, Joorjiyaa jiru fulduratti haala poolisiin “mala mormii siyaasa isa cimaa” jedhuun mormiitota keessaa namni ibidda ofitti qabsiisan haala yaaddessa keessa jiru.
Poolisiin akka jedhutti namni kun imbaasii Atlaanta jiru fulduratti boba’aa fayyadamuun ibidda kan ofitti qabsiisan yoo ta’u, alaabaan Filisxeemis bakichatti argameera.
Umuriifi korniyaan nama kanaa ifa hin taasifamne.
Qondaalli eegumsa balaa kana olchuuf yaales miidhameera.
Akka poolisiin ibsetti, namni mormiirra ture kun bakka sana kan ga’e akka sa’aatii biyyatiitti guyyaa sa’aatii 6:17 irratti ture.
“Gamoon kun ammallee nageenya akka qabu amanna, yaaddoo homaa hin agarru,” jechuun hogganaan Poolisii Daarin Shiirboom ibseera. “Kun gocha mormii siyaasaadha jenne ammanna”
Qondaalli eegumsaa jidduu seenee ture harkaafi miilarra miidhamuu, hoogganaan tajaajila ittisa ibiddaa Atlaantaa Roodrik Ismiiz gazexeessitootatti himaniiru.
Namni mormirra tureefi qondaalli eegumsa lamaanuu hospitaala naanichaatti geeffamaniiru.
Kibba-baha UStti qondaala dippiloomaasii Israae’l kan taate Anat Sultaan Dadoon, ibsa baasteen, ergamni dippiloomaasii isaanii “gocha ibiddaan of gubuu gamoo wajjiricha duratti raawwateen gadduu” himteetti.
“Jibbaafi aariin Israa’eeliif jiru haala sukkaneessaa kanaan yemmu ibsamu arguun nama gaddisiisa,” jette.
“Eegumsi lubbuu kaayyoo keenya isa ijoodha. Qondaala nageenya gocha kana olchuu utuu yaaluu miidhameef gadda keenya ibsina.”
Walii galtee yeroof dhukaasaa dhaabuu Hamaasiifi Israa’el gidduu guyyaa torba ture booda, Jimaata ganama lolli deebi’ee eegaleera.
Haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 Israae’l irratti gaggeesseen namootni 1,200 ajjeefamanii, namootni 240 ta’an ammo butamanii turani.
Israa’el kana hordofuun haleellaa Gaazaa irratti gaggeessiteen ammoo namootni 15,000 ta’an ajjeefamaniiru.
Waaranni kun Ameerikaa keessatti hiriira mormii guddaa uumeera – gariin Filisxeemoota, kaan ammoo Israa’el deeggaruun hiriira mormiitti ba’an.
Erga waraanni kun eegalee as haasaan jibbummaa jibba islaamummaafi jibba semeetik irratti xiyyeefate dabalaa akka dhufe qondaaltonni US akeekkachiisaniiru.
Sadaasa 16 irrati, hokkora mormii Israa’el deeggaraniifi Filisxeemiin deeggaran giddutti uumameen lubbuun nama Yihuudaa tokko darbuu hordofee poolisiin shakkamaa to’ateera.
Manguddoon uumurii ganna 69, Maartin Keeslar, yeroo hokkorri kun uumamee kufee, guyyaa itti aanuu lubbuun isaa darbe.
Onkololeessa keessa ammoo, namichi Ilenooyisitti daa’ima umurii ganna ja’aa Musliima sababa ta’eef jecha waraanee ajjeese, to’annoo jala olfamuun ajjeechaafi yakka jibbaan himatameera.