Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kirkirri lafaa Ameerikaa Kaalifoorniyaatti mudate jiraattotatti yaaddoo ta'e
Kirkirri lafaa cimaan humna 7.0 ta'e qarqara galaanaa kaaba Kaalifoorniyaatti akka mudate qorannoon Ji'ooloojii Ameerikaa kan mul'isu
Akeekkachiisni sagalee yeroo balaa ykn sunaamii jalqaba qarqara galaanaa kaaba Kaalifoorniyaa fi kibba Oregon keessatti kennameera. Naannoon kun namoota gara miliyoona 4.7 of keessaa qaba
Kirkirri lafaa kun magaalaa Ferndale, naannawa Kaaliforniyaa, magaalaa xiqqoo Humboldit keessa jirtutti dhihoo taate fi kaaba San Francisco irraa gara maayilii 260 (418km) fagaattee argamtutti kan mudate.
Qondaaltonni biyya keessaa akka jedhanitti, kirkira lafaa kana booda lubbuun namaa ykn miidhaa guddaan ga'uun hin gabaafamne. Garuu kirkirri lafaa kun kana bara kana akka addunyaatti mudate sagal keessaa isa tokkodha.
Gamoowwan ykn bu'uuraalee misoomaa irratti gaaga'amni balaa guddaa ga'uu baatus, garuu manneen tokko tokko miidhaa xiqqaa akka irra gahe gabaasaalen kan himan.
Kirkira lafaa sana hordofees naannawa Humboldit keessatti namoonni 10,000 ol humna ibsaa dhabaniiru.
Jiraataan magaalaa Fernedale tokko kan kirkira lafaa hordofee daqiiqaawwan muraasa booda BBC waliin dubbate gamoowwan naannawa sanaa irratti raafamni guddan mudachuu himan.
Kirkira lafaa jalqabaa naannoo sa'aatii 10:44 (18:44 GMT) mudateen booda kirkirri lafaa dachaa ta'uun gabaafameera.
Kaaba Kaalifoorniyaa magaalaa Berkeley dabalatee naannoleen tokko tokko sababa sagalee yeroo balaa ykn sunaamiin iyyuuf of eeggannoon akka taasifamu ajajni darbeera
Akeekkachiisa sana booda namootni hedduun mana jireenyaa gadhiisuun gara lafa olka'aa akka deeman ta'eera.
Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaavin Newsom waa'ee kirkira lafaa kanaa irratti ibsa kan kennan yoo ta'u, qondaaltota balaa tasaa kutaa biyyattii waliin wal arganii deebii balaa kanaan ga'uuf maluuf kennuuf qindeessuu himan
Daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo irratti sagantaa qabeenya kirkira lafaa kanaan miidhame deebii kennuuf gargaaruu hojiirra oolchuuf labsii yeroo muddamaa mallatteessuu isaaniis beeksisaniiru.
"Naannoowwan sagaleen sunaamii itti dhaga'ame kamiyyuu irratti hordoffiin akka taasifamukan mallatteessan yoo ta'u, yeroo baayyee namootni naannoo kirkirri lafaa itti muudachuu mala jedhamee sodaatamutti daandiin gara lafa olka'aa ta'etti jiraattota geessu akeeku akka qophaa'u taasifameera.
Namoonni naannoo sagalee yeroo balaa kun itti dhaga'ame keessa jiraatan karaa itti baqatan akka beekanii fi saffisaan baqachuuf akka of qopheessan akeekkachiifni darbeera.
Weebsaayitiin tajaajila balaa tasaa Kaalifoorniyaa akka hubachiisutti sunaamiin kirkira lafaa guddaa erga mudatee booda daqiiqaa 5 hanga 10 keessatti mudachuu kan danda'u ta'uu ibse
Naannoon qarqarri galaanaa dhihaa Ameerikaa raafama xixiqoof haaraa ta'uu baatuus, garuu kirkirri lafaa cimaan magnitude 7 qabu garuu yeroo baayyee mul'atee hin beeku.
Bara kana akka addunyaatti kirkirri lafaa biroo saddeet kan guddina magnitude 7 qabu akka mudate ragaan qorannoo ji'ooloojii Ameerikaa irraa argame ni mul'isa .
Naannoon sanatti kirkirri lafaa gurguddaa mudatera. Bara 1994 naannoo Los Angeles keessatti Northridge keessatti namoota kudhanootaan lakkaa'aman ajjeesuu fi kumaatamaan lakkaa'aman miidhera.
Kana malees manneen jireenyaa fi bu'uuraalee misoomaa irratti miidhaa doolaara biliyoonaan lakkaa'amu geessiseera.