US misaa'ela fageenyaa dheeraa daangaa adda waraanaa darbee Raashiyaa rukutu Yukireeniif kennuuf

Maxxanfame

Miidiyaaleen US akka gabaasanitti bulchiinsi Joo Baayidan misaa'ela fageenya dheeraa deemuun daangaa Raashiyaa keessatti loltootashee haleelu Yukireeniif kennuuf jira.

Miidiyaan Ameerikaa beekamaan NBC fi Gaazexaan Wall Street jedhamu qondaala olaanaa US kan maqaan hin eeramne wabeeffachuun akka gabaasanitti, Pireezidant Baayidan misaa'ela ATCMS jedhamu Yukireeniif kennuuf gitasaanii Volodmiir Zeleniskii waliin dubbataniiru.

Daawwannaaf kaaba Ameerikaa kan jiran Zeleniskii Waayit Haawusitti goruun waa'ee misaa'ela ATACMS (Army Tactical Missile System) dubbataniiru.

Gabaasi Wall Street Journal akka ibsutti meeshaaleen waraanaa kunneen torbanoota ittaanan keessatti Yukireeniif ergamu.

Qondaalonni marii kana quba qaban kaanis, meeshaan ergamu misaa'ela tokkicha osoo hin taane, kan gosa gosaan boombiiwwan hedduu fe'ate jechuu Washington Post gabaaseera.

Ameerikaas ta'e Yukireen gabaasa miidiyaalee kunneenii hin mirkaneessine.

Washington Post akka gabaasetti Baayidan erga Zeleniskii waliin mari'atanii booda deeggarsa humna waraanaa doolaara miiliyoona 325 ta'u gochuuf waadaa galaniiru.

Deeggarsi kun meeshaalee waraanaa gurguddoo rasaasa waliin dabalata. Gama kaaniin deeggarsi taankii Ameerikaan Yukireeniif waadaa seente Abrams tanks torbee dhufu akka Kiiv galu miidiyaaleen kunneen gabaasaniiru.

Haata'u malee dhimma misaa'ela ATACMS irratti pireezidantonni lameenuu iccitii baay'isu.

Jimaata kaleessaa ganama wayita daawwannaaf Kanaadaa turanitti akkas jedhan Zeleniskiin.

''Wantoonni nuti kaleessa Joo Baayidan waliin dubbanne, hundarrattiyyuu waliigalla jennee abdanna.''

Garuu maal akka mari'atanii fi maal akka waliif galan himuurraa of qusatan qondaalli waraanatti jiran kun.

Yukireen duula haleellaa Raashiyaa ofirraa qolachuuf gaggeessaa jirtu jabeessuuf misaa'ela ATACMS irra deddeebiin gaafachaa turte.

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Guraandhala 2022 weerara guutuu Yukireen irratti kan jalqaban yoo ta’u, bulchiinsi Baayidan jalqaba irratti Yukireeniif meeshaa waraanaa ammayyaa kennuu irraa duubatti jedhee ture.

Garuu ergasii ejjennoon US haalaan jijjiirameera, Kiiv sirna rookkeettii fageenya dheeraa Himars fi misaa'ela ittisa qilleensaa Paatriyaat sirriitti argatteetti.

Ammas, prezidaant Baayidan misa'ela ATACMS ilaalchisee duubatti jedhaa turaniiru.

Misaa’eloonni akkasii Raashiyaa hidhattuu niwukilaraa taate waliin kallattiin walitti bu’iinsa uumuu danda’a jechuun of qusataa turan.