Somaaliyaa waliin waliigaltee waraanaa kan mallatteessite Tarkiin doonii waraanaashee Moqadishootti ergite

Maxxanfame

Somaaliyaa fi Tarkiin nageenya humna galaanaa irratti qindoominaan waliin hojjechuuf waliigaltee tibbana mallatteessan hojiirra oolchuu akka eegalan ibsan.

Biyyoonni lameen sagantaa doonii waraanaa Tarkii buufata handaara galaanaa magaalaa Moqadishootti qophaa'erratti waliigaltee kana hojiitti hiikuu eegaluusaanii ibsan.

Waliigalteen kun Guraandhala darbe, yeroo waliigalteen Somaalilaand fi Itoophiyaa ijoo dubbii ta'ee turetti mallattaa'e.

Waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand kan carraa handaara galaanaa biyya buufata galaanaa hin qabne, Itoophiyaaf banu kana Somaaliyaan balaaleffatteetti.

Sagantaa simannaa doonii waraanaa Tarkii Mogaadishootti qophaa'erratti Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud dabalatee qondaaltonni olaanoon biyyattii argamaniiru.

Sirna simannaa doonii waraanaa Tarkii kanarratti Pirezidant Hasan Sheek Mohamud yeroo gabaabaa keessatti olaantummaan galaanasaaniirratti qaban akka mirkanaa'u dubbatan.

"Humni galaanaa Somaaliyaa yeroo gabaabaa keessatti galaana Somaaliyaa to'ata. Uummata Somaaliyaaf kana mirkaneessuu barbaadu kun yeroo gabaabaa keessatti akka raawwatudha. Kanaafidha kan nuti gargaarsa obbolummaa Tarkii gaafanneef. Waliigalteen tibbana mallatteessines kanumaafi,'' jedhan.

Sagantaa kanarratti Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Alper Aktas, dooniin waraanaa Somaaliyaa galuun qaama waliigaltee tibbana biyyoota lameen gidduutti mallattaa'eeti jedhan.

"Dooniin waraanaa kun Moqaadishoo galuunshee hojiirra oolmaa waliigaltee humna ittisaa fi diinagdee tibbana mallatteessinee kan agarsiisuudha. Hariiroo obbolummaa fi ul'ata walfakkaataa Somaaliyaa waliin qabaachuu keenya mul'isa,'' jedhan.

Qondaalli Tarkii kun biyyisaanii birmadummaa fi eegumsa daangaa Somaaliyaa mirkaneessuuf waan irraa eegamu hunda akka raawwattu waadaa galan.

''Birmadummaa Somaaliyaa eeguuf tumsa nurraa eegamu taasisuu ittuma fufna. Nageenyi Somaaliyaa jedhuun nageenya Tarkii jechuudha.''

Miseensonni humna waraanaa fi qondaaltonni Tarkii doonii kana dabaaluun Somaaliyaadhaan gahanis magaalaa Moqadishoo bulan.

Ministirri Muummee Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Somaaliyaa Hamse Abdi Barre fi miseensonni Mana Maree Ministeerotaa isaanii qondaaltota doonii kana fidan kabajaan simataniiru, affeeraniirus.

Dooniin waraanaa Tarkii magaalaa Somaaliyaa, Moqaadishoo ga'uun taatee seena qabeessa, kan hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuudha jedhan Ministirri Muummee Hamse Abdi Barre.

Dureewwan biyyoota lameenii [Tarkii fi Somaaliyaa] dooniin waraanaa kun Moqadishoo kan ga'e bu'uura waliigaltee tibbana mallattaa'eeni jedhan.

Kun waliigaltechi qabatamaan hojiitti hiikamuu agarsiisas jedhan.

Dooniin waraanaa Tarkii Moqaadishoo galuun maaliif akka barbaachise ifa miti, garuu waliigaltee nageenya galaanaa tibbana biyyoonni lameen waliif mallatteessan keessatti Tarkiin nageenya galaana Somaaliyaaf akka tumsitu eerameera.

Somaaliyaa fi Turkiin dameewwan waraanaa garagaraa irratti wal-tumsuuf waliigaltee mallatteessuu hordofee, waliigaltee kana jalalaan hatattamaan hojiitti hiikaa jiraachuu wantoonni akeekan jiru.

Qabiyyeen waliigaltee biyyoota lamaanii kuni ibsamuu baatus, ministiroonni ittisaa isaanii iddoo argamanitti mallatteefamuu Tajaajilli Oduu Biyyaalessaa Somaaliyaa fi Ministeerri Ittisaa Turkii ibsaniiru.

Tajaajilli Oduu Biyyaalessaa Somaaliyaa waliigaltee ''seena qabeessa'' jedhe.

Biyyootiin lamaan waliigaltee kana kan mallatteesan Somaaliyaan Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf Somaalilaand waliin waliigaltee taasisteen booda yeroo muddama keessa jirtutti dha.

Waliigaltee kuni magaalaa guddoo Turkii Ankaaraa waajira ministira ittisaa keessatti yeroo mallatteefamu, Ministirri Ittisaa Turkii Yaasaar Gular ''Somaaliyaan Afrikaatti michuu keenyaa ijoo dha,'' jedhaniiru.

Tarkiin biyya amma Somaaliyaa waliin muddama keessa galte Itoophiyaa waliin waggaa lama dura waliigaltee waraanaa dabalatee dameewwan kaaniinis waliigaltee mallatteessitee ture.