Afrikaa Kibbaatti lukkuun miil. torba ajjeefamnaan gatiin killee qaala'e

Afrikaa Kibbaatti killeen baay'ee qaalii ta'ee jira. Sababa qufaa allaattiwwaniitin biyyattiin lukkuuwwan miliyeena hedduu dhabdee jirti.
Kanarraa kan ka'e buufanni gabaalee biyyattii keessa jiran dhiyeessii foon lukkuufi killee argachuu hin dandeenye.
Hanqinni lukkuu ammoo gatiin killee akka malee akka qaala'u taasiseera. Hanqaaquun biyyattii keessatti nyaata namoonni harka qalleeyyin bitachuu dandaan ture; amma garuu namoonni kun bitachuuf baay'ee rakkataa jiru.
Afrikaa Kibbaa keessa dhaabbileen horsiisa lukkuurratti bobba'an gurguddoo heddutu jira.
Dhibeen biyyattiitti ka'ee ture lukkuuwwan miliyeenaan lakkaa'aman fixuurraa kan ka'e foonifi killeen lukkuu qaala'uu bira darbee dhaabbileen kunillee diinagdeensaanii akka malee miidhameera.
Dhibeen lukkuu ka'e guutummaatti akka hin babal'anneef dhaabbileen horsiisa lukkuurratti bobba'an lukkuuwwan hanqaaqan miliyeena torba fixan.
Akka Dhaabbanni Horsiisa Lukkuu Afrikaa Kibbaa jedhetti, lukkuuleen dhuman kun kan biyyattiin qabdu keessaa 20-30% kan ta'anidha.
Hanqina kanaaan wiirtuleen gabaa keessatti bakki killeen taa'u duwwaa ta'ee suurri agarsiisu miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodamaa ture.
Namoonni akka jedhanitti buufataalen gabaa hanqaaquu gurguran qaban ammoo lakkoofsa hammamii akka bittu murteessanii akka himan dubbatu.
Karaa onlaayinii bituufis gaafa baraadan, "dhumeera" ykn "xiqqootu jira" deebii jedhu argatu.
Akka durii killee gatii salphaan bituun hin jiru
Hojjattuu mana keessaa kan taate Nomalaangaa Mooyoo waan ijoolleesheetif laattu torbaniin hanqaaquu bitti.
Amma garuu suuqiiwwan gurguddaarraa gatii olaanan yoo ta'e malee akka hin arganne himti.
Ragaaleen akka agarsiisanitti lammiilen Afrikaa Kibbaa galii argatan keessaa dhibbeentaa 35 nyaata irratti baasu. Amma immoo killeen dabaluurran kan ka'e hangi baasii baay'ee akka ol ka'utu himama.
Dhibeen lukkuu ka'e diinagdee dhaabbileerratti dhiibbaa guddaa uumera. Dhaabbanni Afrikaa Kibbaatti horsiisa lukkuun beekamu Astral Foods jedhamu dhibeen lukkuu kun baasii dolaara miliyeena 11.5 akka baasise ibse.
Bakka daldalaa tokko tokko keessatti "hanqaaquu 6 caala bituun hin hayyamamu" kan jedhu fa'aa barreeffamee jira.
Dhaabbileen horsiisa lukkuu kaan dhibichaan gaafa miidhaman kaanif ammoo gabaatu baname.
Dhaabbanni horsiisa lukkuu Ukulinga jedhamu dhibeen lukkuu ka'uu odeeffannoo gaafa dhagahu to'annoo baayomeetirikii cimaa akka taasisuun dhaabbatasaa baraare beeksise.
Hoji gaggeessaa dhabbata kanaa kan ta'e Nkululeko Ngidi of-eeggannoo taasisan irraa kan ka'e amma dhaabbanni isanii barbaadamaa ta'uu hime.
"Dhaabbilee horsiisa lukkuu dhibee lukkuurraa bilisa ta'an keessaa keenya tokko. Amma maamiloonni baay'ee nu iyyaafataa jiru. Torbanitti killee 130,000 maamiltootaaf dhiyeessina," jedhe.
Dhaabbileen horsiisa lukkuu akka jedhanitti lukkuu hanqaaquu dandeessu kan dhibeen fixe bakka buusuuf ji'a jaha akka itti fudhatu ibsan.
Hanqinni dhiyeessii bu'aalee lukkuu kun hanga jalqaba bara 2024tti itti fufuu danda'as jedhame.












