Ilmi mootii Andiriiw hariiroo nama basaasaa Chaayinaa jedhame waliin qaban adda kutuu ibsan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ilmi Mootii Andiriiwu nama daldalaa basaasaa Chaayinaati jedhamuun himatame waliin haaluma gorsa mootummaatiin ''walitti dhufeenya'' qaban adda kutuu ibsan.

Ibsa waajjirrisaanii baaseen, Ilmi mootii Andriiwu nama kana waliin karaa ''ifa ta'een wal argaa turuufi odeeffannoo motummaa balaarra buusuu danda'u irratti akka hin mari'annee'' beeksiiseera.

Namni Mootummaa Chaayinaatiif akka basaasu shakkame kunis dhaddacha Nageenya Biyyaaleessaatiin UK akka hin seennee murtaa'eera.

Lammiin Chaayinaa mallattoo H6 jedhuun adda baafame kunis, mana murtichaatiin ''waahillan dhiyoo Ilma mootii Andiriiwu'' jedhamuun kan ibsame yoo ta'u, isa waliin haala ''hin baramneen jaalallee amanamaa '' akka ture ibsame.

Abbootiin seeraas daldalaan kunis dhiibbaa Ilam mootii kanatti fayyadamuuf yaalaa akka ture himan.

Waajjiirri Ilma Mootii dhimmichaan wal qabatee gaaffii dhiyaateef ''dhimmoota nageenya biyyaaleessaatiin wal qabatan irratti yaada dabalataa kennuu hin danda'u'' jedheera.

Ilmi Mootii kunis ibsa isaaniirratti walitti dhufeenya nama basaasaan shakkame kana waliin qaban yoom akka adda cite fi yeroo hangamiif wal argaa akka turan ilaalchisee hin ibsine.

Beekiinghaam gamasaatiin amma Masaraa bakka bu'uudhaan nama ammatti hojiirra hin jirree ilaalchisee odeeffannoo kennuu akka hin dandeenyee ibsuudhaan yaada kennuurraa of qusateera.

Namni H6 jedhamuun adda baafame kunis bara 2023tti dhorkaa irra kaa'ameerratti ol iyyannoo kan galfatan ta'ulleen, murteen mana mutichaa akka cimu ta'eera.

Imbaasiin Chaayinaa UKtti argamu ''namoonni Yunaayitid Kingidam keessatti argaman tokko tokkoos oduu 'basaasaa' Chaayinaa irratti kiyyaafate bu'ura maleessa uumuuf yeroo hunda qophiidha'' jechuun himannicha waakkateera.

''Kaayyoonsaanii maqaa Chaayinaa balleessuu fi walitti dhufeenya idilee Chaayinaafi Inglizii jidduu jiru gufachiisuudha'' jechuun dubbatan dubbii himaan Imbaasichaa.

Ministirri dhimma biyya keessaa duraanii, Suu'elaa Biraavrimaan, H6n UK akka hin galle kan dhorkan Bitooteessaa 2023 akka ture himan.

Namni kunis dhimmasaa komishinii addaa ol iyyannoo Immigireshinii ilaaluudhaaf hundeeffame irratti murtee nageenya biyyaaleessaa ykn sababii wal fakkaatuun biyya akka hin gallee dhorkaman biyyaa baasuuf dabarfame irratti ol iyyannoo dhiyeeffate ture.

Haata'u malee dhaddachichi murteeduraan kennamme ragaasiseera.

Mana muritchaatiif namni H6 jedhame kun bara 2020tti kabaja guyyaa dhaloota Ilma mootii Andiriiwu irratti akka afeeramee fi yeroo abbootii qabeenyaa Chaayinaa keessatti argamaniin wal arganiitti bakka isaanii bu'uun hojjachuu akka danda'u dubbachuu kaaseera.

Namni kunis Ilma mootii waliin akkamiin akka walitti siqab irratti ifa ta'u baatulleen, Sadaasa 2021 poolisiin daangaa Unaayitid Kiingidam irratti lammii biyya gara biraa waliin ''sochii shakkisiisaa'' qulleessuuf jedhamuun to'atame gaaffiileen dhiyaataniif ture.

Yeroo sanattis namni kun bilbila harkasaa dabalatee meeshaaleen elektirooniksii hedduun harkatti qabameera.

Sababii wanti poolisoonni daangaarra turan argatan waajjira nageenya M15 yaaddeesseef, waajirichi aangoo addaa kennameefiitti fayydamauun namni kun biyya keessa akka hin galleef dhorkeesa.

Manni murtichaa H6 ''aanga'oota olaanoo CHaayinaa fi namoota Kindgidam beekkammoo jidduutti walitti dhufeneya uumuuf'' socha'aa turuusaa eeruudhaan, adeemsa keessas walitti dhufeenyii kunneen ''kaayyoo jidduu seenuu siyaasaa'' ta'u malu jedhuun xumura kenne.

Ilmi mootii Andiriiwu bara 2019 irraa kaasee witti dhufeenya abbaa qabeenyaa Jeefirii Epistaayiin waliin qabaachaa turan kan ka'e hordoffiin irratti taasifamaa ture.

Ilm Mootii Andiriiwu Sadaasa bara 2019 irraa kasee ofiisaanii itti gaafatamummaa mootii irraa kana fageessan yoo ta'u, yeroo sanattis murteewwan taasisaniifi waa'ee madda maallaqa saanii irratti gaaffiin dhiyaateef ture.