'Afgaanistaan dubartootaaf bilisa yoo taate, deebi'een xiyyaara balaliisuu barbaada'

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Afgaanistaan dubartootaaf bilisa yoo taate, deebi'een xiyyaara balaliisuu barbaada'
'Afgaanistaan dubartootaaf bilisa yoo taate, deebi'een xiyyaara balaliisuu barbaada'
Maxxanfame

Mohadese Mirzaee Afgaanistaanitti dubartii balaliistuu xiyyaara imaltootaa ishee jalqabaa tahuun 2020 keessaa seenaa hojjette.

Haatahu malee ganna tokko booda Taalibaan biyyattii ennaa to'atu, biyyashee dhiistee baqachuuf dirqamte.

Kaabul keessaa baatee waggaa tokkoon booda ammoo, irra deebi'uun balaliistuu taatee, Awurooppaa keessa jireenya haaraa jalqabdeetti.