Jiraattonni Lixa Goojjam Aanaa Buree yaaddoo keessa jiraachuu BBC’tti himan

Waggoota arfan darban kutaalee biyyattii gara garaa keessatti walitti bu’insa humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti taasifamuun lubbuun namoota nagaa darbee, qabeenyi barbadaa’uun, jiraattota qe’eesaaniirraa buqqisuun, waliin jireenya hawaasaa booressuu BBC’n gabaasaa tureera.
Naannoo Oromiyaa godinaalee Wallaggaa keessumaa aanaalee Godinoota Horroo Guduruufi Wallagga Bahaa keessatti raawwateen namoonni dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuufi kuma dhibbatti kan tilmaamaman buqqa’uu BBC’n yeroo gara garaatti gabaasaa ture.
Akka fakkeenyaatti, haleellaa hidhattoonni Naannoo Amaaraa Bitootessa 2022 magaala Agamsaattii raawwataniin namootni 100 caalan du’uu jiraataan naannichaa BBCn dubbise himanii turan.
Ajjeechaa fi hubaatii qaqqabeefis jiraattonni ‘hidhattoota Amaaraa Faannoo’ jedhaman himatanii ture.
Bifa walfakkaatuun Naannoo Amaaraa Godina Lixa Goojjam Aanaa Bureetti haleellaa ‘hidhattoota Faannoo’ jiraattota dhalootaan Oromoo ta’an irratti raawwataniin namoonni yoo ajjeefaman, jiraattonni kuma sadii ta’an Laga Abbayyaa ce’uun Naannoo Oromiyaatti baqatanii akka turan BBCn gabaasee ture.
Jiraattonni sabaan Amaaraa haleellaa yeroo gara garaatti hidhattootaan irra gahu baqachuun gara Naannoo Amaaraatti kan dheessan yoo ta’u, jiraattonni sabaan Oromoo Godina Lixa Goojjam Aanaa Buree irraa buqqa’uun Wallagga Bahaa Amuruutti baqatanii turu kan yaadatamudha.
Haleellaa yeroo gara garaatti qaqqabuun jiraattonni hidhattoota maqaa sabaatiin ijaaraman kan akka Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ‘Shanee’ jechuun waamuu fi hidhattoota Amaaraa kan ‘Faannoo’ jedhamantu himatama.
Aanaaleen akka Kiiramuu, Amuruu, Abee Dongoroo fi Buree (Gojjam Lixaa) bakkee itti waggoottan arfan, sadan darban haleellaan hamaan raawwatedha.
Sodaa nageenyaa jiraattotaa akka haaraatti
Jiraattonni Godina Lixa Goojjam Aanaa Buree addumaan ammoo gandoota Baqqoo Xaaboo fi Sontomaa jedhaman kan dhalattoota Oromootu bal’inaan keessa jiraata jedhaman irraa buqqa’uun Wallagga Bahaa Amuruutti baqatanii turan deeggarsa humna mootummaatiin qe’ee isaaniitti deebi’anii akka turan kan kaasan jirattonni BBC’n dubbise, erga torban lamaatii sodaa keessa jiraachuu himu.
Dhiyeenya kana hidhattoonni ‘Faannoo’ gara naannichaatti babal’achaa dhufuurraan kan ka’e Raayyaan Ittisa Biyyaa bakka duraan ture, Quccii gadhisee akka bahe kan kaasan jiraattonni nageenya isaaniif garmalee yaadda’uu BBC’tti himaniiru.
Aanaa Bureetti gandoonni Sontomaa 01, Faxxaan Sontom fi Baqqoo Xaaboo addatti humnoota hidhataniin xiyyeeffannoo keessa kan seentuuf “eenyummaa [Oromummaa] fi qabeenya]” isaaniitiif akka ta’e kaasu jiraattonni kun.
‘Rakkoo guddaa keessa jirra’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Namni umuriinsaa 120 ta’e funaanamee dhumeera. Ganda sadan kana keessatti namni 350 ol ta’u lubbuutiin badeera. Horiin, qabeenyi baay’een nurraatii saamameera. Hamma har’aattillee kun nurraan hin buqqaane [dhaabbanne]. Waggaa lammataatti nutti deebi’anii nu waraanaa jiru. Ennaa mootummaatti himanne mootummaanis dafee nuuf hin qaqqabne.
''Hamma yoonaatti ganda keenyarra taanee du’aa jirra. Rakkoo guddaa keessa jirra. Oromoo waan taaneef, eenyummaa keenyatti cunqurfamaa waan jirruuf, mootummaan [waraana] nuuf ergee lubbuun keenya akka nuu baraaramu barbaanna” jechuun haala amma keessa jiran dubbatu jiraataan ganda Sontomaa 01, Barihun Aabbaawaa.
Mootummaan akka nageenya isaanii tiksu waadaa galeefii gara qe’eesaaniitti deebisuu kan yaadachiisan jiraataan kun, amma akka haaraatti sodaa nageeyaa keessa galuu akkanaan dubbatu.
“Duraan utuu hin qixaa’iin, mootummaanis utuu nu hin gargaariin, milishaan keenyas utuu hin qophaa’iin, [hidhattoonni] gandi Baqqoo Xaaboo akka godaanu gootee ji’a afur achi [Amuruu] rakkatee tureera. Mootummaanis achumaan gargaaraa tureera. [Boodarra] mootummaan rakkoon hin jiruu, nan sin gargaaraa, nan sin baraaraa, waraansi sinirra hin gahuu jennaan Xaaboon deebi’ee ganda isaatti galeera'' jechuun dubbatu.
''Sontomni waan xiqqoo tokkodhan kan godaanee ture, isaan dafanii deebi’aniiru. Lafti keenya gara heektara kuma 45 kan ta’u utuu midhaan hin faca’iin, waa tokko utuu oomisha irratti hin godhattin ammayyuu gadhiisneet jirra. Ammammoo lammatuu Hagayya kana keessa nutti galtee, horiin baay’een nurraa saamamaa jira” jechuun itti dabaluun haala keessa turanii fi keessa jiran ibsu jiraataan ganda Sontom 01 kun.
‘Hirriba hin rafnu, halkan guutuu teenyee eeggataa jirra’
Amma hidhattoonni “gara 2,000 ta’an” aanaalee naannichaa afur, shan ta’anirraa walitti qabamaniin miidhaan irra gahaa jiraachuu kan kaasan jiraataan kun, “bishaan guutuudha hin jettu, daggaladha hin jettu, halkanii guyyaa fiigdee nu saamaa, nu rakkisaa jirti” jechuun hidhattoota ibsan irraa “mootummaan nu qaqqabee isa du’arraa hafe kana baraaree akka nu hambisu barbaanna” jechuun deeggarsa gaafatu.
“Waraanni mootummaa kiiloomeetira [40 kan ta’u] nurraa fagaatee jira. [Hidhattoonni] ammoo dhiyaattee kiiloomeetirii torba keessa jirti. Kanaaf, milishaa keenya sirreessinee, ishee qabnuun xiichinee, in duuna malee hin lixxani jennee ofirraa dhaabnee jirra.
''Milishaan keenya ammoo akkichuma bara dheengaddaa nurraa miidhama jennee hirriba hin rafnu. Halkan guutuu teenyee eeggataa jirra. Amma ennaa milishaan keenya dadhabu karaa tokko lixxee akkichuma bardheengaddaa nu balleessiti jennee shakkii guddaa” qabna jechuun yaaddoofi sodaa qaban ibsu.
Sodaa nageenyaa haaraa qaban Aanaa Bureetiifis ta’ee godina Gojjam Lixaatti beeksisuu kan kaasan jiraataan kun “Boru dhufna, iftaan dhufna jedhee nu sossoba malee waan nu gargaare tokko hin jiru,” jechuun dubbatu Obbo Barihuun.
‘Lagumatti lixnee duuna malee lammata dhaqnee uummata Oromiyaa hin rakkisnu’
Sodaa nageenyaa akka haaraatti uumameen, “kanaan dura lubbuun baay’een waa’ee badeef, daariin dadhabaa fakkaatu, daariin dubartii fakkaatu, sooda keessatti godaansarra jira; lagatti naqameera'' jechuun haala dure yaaatu.
''Wallaggatti akka hin ceene, kanaan duras keessummumman mootummaas rakkisneerra; uummannis rakkateera. Lagumatti lixnee duuna malee lammata dhaqnee uummata Oromiyaa hin rakkisnu jedhee laga keessatti beelatti, dheebuutti, busaatti rakkataa jira” jechuun qe’ee isaaniirraa buqqa’uu ibsu jiraataan ganna 55, Obbo Barihuun.
Hundaa’ol eenyummaafi qabeenya isaaniitiif jibbamuu fi xiyyeeffannoo hidhattoota ‘Faannoo’ keessa galuu kan kaasan jiraataan kun, buqaatonni sabaan Amaaraa waggoottan darban Kutaalee Oromiyaa keessumaa Wallaggarraa buqa’an isaan irratti xiyyeeffachuun, “biyyisaanii sanadha achi haa galan [jechuun] qe’ee keenyarraa nu buqqisuu barbaadan” jechuunis dhiibbaa isaan irra gahaa jiru himu namni kun.
Sodaan nageenyaa bifa haaraatiin erga eegalee torban lama lakkoofsisuu kan kaasan jiraataan kun, haleellaa waggaa darbe tureen, “qabeenya keenya saamamneerra; harka qullaa hafneerra” jechuunis yaadachiisu.
“Dadhabaan keenya inni kanaan dura du’e ga’a, daa’imman keenya inni kanaan dura du’e ga’a. Inni lubbuun darbe darbe, ammas lammata lubbuun akka hin darbine, Mootummaan dafee lubbuu keenya akka hambisu barbaanna; humna waraanaa akka nuu ergu barbaanna” jechuun jiraataan gara biraa BBCn dubbise deeggarsa mootummaa gaafatu.
Magaalaa Qucci jedhamutti, “namni keenya gabaa dhaqee kan booji’ame jira; kan du’e jira; kan saamame jira. Xaa’oon nuuf qixaa’e gara kuntaala kuma sadii nurraa saamameera. Kan [dhalattoota] Amaaraa ta’e tokko qabeenyisaa hin tuqamne. Bardheegaddaas kanuma, baranas kanuma” jechuun haaleellaa akka haaraatti isaan irratti xiyyeeffate ibsu.
Haalli nageenyaa kan ka’e dubartoonni, ijoolleefi maanguddoonni “konkolaataa lama sadiitiin gara [Horroo Guduruu Wallaaggaa], Agamsaatti baqataa” akka jiran dubbata jiraataan ganda Baqqoo Xaaboo, Essuubaalaw Qanuu BBC’tti himeera.
‘Oromoon waan Wallaggarraa nu buqqaaseef isin buqqifna’
Bara darbes duraan qotee bultoota, “teellaa ammoo namoonni hidhatan dabalamanii” haleellaan akka irratti raawwatame kan yaadachiisu Essuubaalaw “Oromoon Wallaggarraa nu buqqaaseera waan ta’eef, isiniin buqqifna addanaa nuun jedhan” jechuun dubbata.
Ammallee namoonni bara darbe gandichaa buqqa’uun Agamsa, Wallaggatti baqatan gariin achi jiraachuu kan kaasan jiraataan kun “waan nyaatamu dhabne, mootummaanis nu ilaaluu dide. Kanaan duuba deebinee dhufne.
''Raayyaan Ittisa Biyyaa dhufe oggaa sanatti. Koottaa deebi’aa gara biyya keessaniitti nuun jedhanii. Nutis deebine. Waan ittiin qotannu hin qabnu. Fayyuma jirra” jechuun ammallee haleellaa bara darbeerraa akka hin dandamanne ibsu.
‘Hin gadhiisnu, asumatti duuna’
Raayyaan Ittisa Biyyaa bakka Qucci jedhamu kan kiiloomeetira 14 isaan irraa fagaatee argamu kan kaasu jiraataan kun, “dhufaaniifaa nu to’atu ture” jedhu.
Raayyaan torban kana bakkicha gadhiisuun akka bahanii fi hidhattoonni Faannoo ammoo garasaaniitti dhiyaachaa jiraachuu kan himan namni kun, ergasii yaaddoo hamaa keessa gala jiraachuus dubbatu.
“Hidhattoonni Oromoo naannoo Amaaraa keessaa balleessuu qabna. Karaa biraatiinis nutti galaa jiru” jedhu. Tilmaamaan “namoota 60 hanga 100 sodaamarraa kan ka’e [qe’eesaanii gadhiisanii bahaniiru], kun kan kaleessaaf dheengaddaati, boris itti fufuu danda’a. Taa’eema ofirratti eegaa jira.
''Naannoo keenya hin gadhiisnu, asumatti duuna jechuudhaan, dargaggeessi taa’eemaa ofuma irratti eegaa jira. An amma ofumakoo gammoojjiin jira; naannoo laga Mormor” kan jedhan jiraataan kun Raayyaan Ittisa Biyyaa “boru dhufa, iftaan dhufa…” jechaa torban lammaffaa sodaa keessa akka jiran dubbata.
Hidhattoonni kun dhufanaan “nu buqqisuu akkasaan danda’an shakkii hin qabu” kan jedhu jiraataan kun, mootummaan hatattamaan humna waraanaa ergee nageenya isaanii akka mirkaneessuuf gaafateera.
Itti gaafatamaa nageenya Aanaa Buree tarkaanfii mootummaan tibba darbe naannoo Amaaraatti fudhachuu eegaleen qaama hidhatee naannicha keessa socho’aa jiru waliin hariiroo qaba jedhamuun namoota shakkamanii to’ataman keessaa tokko ta’uu BBC’n odeeffateera.
Sodaa nageenyaa jiraattonni Aanaa Buree gandoota Sontomaa 01, Faxxaan Sontom fi Baqqoo Xaaboo keessa jira jedhame irratti itti gaafatamaa waajira milishaa Aanichaa Addunyaa Geetinnat irraa qulqulleeffachuuf yaalii BBC’n taasise hin milkoofne.
Ibsa waloo Onkoloolessa 1 mootummaan naannoo Amaaraa, Raayyaan Ittisa Biyyaa waliin miidiyaaleef kennaniin “duula seera kabachiisuu” jechuudhaan ibsan hanga nageenyi deebi’utti cimsanii akka itti fufan himan.
Duula jedhameenis garee hidhattootaa fi geggeessitoota caasaa mootummaa keessa jiran irratti akka xiyyeeffatan ibsa kennaniin ifoomsanii kan turan yoo ta’u, sana hordofee aanga’oonni mootummaa naannichaa keessaa to’atamaa turuu gabaafamaa tureera.












