Taammiraat Tolaa rikkardii haaraa bakka sanaa galmeessuun Maraatoonii Niiw Yoork mo'ate

Maxxanfame

Atileet Taammiraat Tolaa Maraatoonii Magaalaa Niiw Yoork (NYC Marathon) bara 2023 rikkardii haaraa bakka sanaa galmeessuuninjifate.

Taammiraat Maraatoonii Niiw Yoork kana saatii 2, daqiiqaa 4, sekondii 58 irratti gale.

Atileet Taammiraat rikkardii Maraatoonii NYC waggoota 12f qabamee ture sekondii saddetiin foyyeesse.

Maraatoonii Niiw York Dilbata Sadaasa 05,2023 gaggeeffame kanaan Atileetiin Itoophiyaa biroo Shuraa Qixxaataa saatii 2:07:11 irratti galuun sadaffaa ta’ee xumureera. Atileetiin Keeniyaa Albert Koorir ammoo saatii 2:06:57 irratti galuun lammaffaa qabachuun xumureera. Kana jechuun, Taammiraat booda daqiiqaa lama turee jechuudha.

Maraatoonii Niiw Yoork kan dubartootaan Atileet Lattasambat Giday sekondii ja’a qofaan durfamtee lamaffaa baateetti. Lattasambat saatii 2:27:29 galmeessuun ture kan lamaffaa baate.

Atileetiin Keeniyaa Helen Obirii ammoo saatii 2:27:23 irratti galtee mo’atteetti.

Taammiraat Tolaa Shaampiyoonsii Atileetiksii Addunyaa bara 2022 irrattis mo’achuun biyyaaf warqee argamsiisee ture.

Atleet Taammiraat Maraatoonii Niwu Yoork miillanaa kana tooftaa Shaampiyoonsii Addunyaarratti ittiin fiigee mo’ate fayyadame.

Dorgommii lachuurratti kiiloomeetira 30 booda saffisa dabaluun dorgomtoota harcaasuu jalqabe. Taammiraat gara dhumaatti dadhabaa deema osoo hin taane humna dabalataa deema.

Atileetiin kun Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2022 irratti atileetota kaanirraa 32km irratti adda bahuun sa’aatii 2:05:36’n xumuruun mo’ate.

Fakkeenyaaf, Maraatoonii Niw Yoork irratti gara dhumaa kiiloomeetira 8 ol hunda gatee deemee qofaa bahee fiigaa ture.

Taammiraat Maraatoonii NYC mo’achuu isaatiif dolaara 100,000 argata; rikkardii foyyeessuu isaaf ammoo dabalataan dolaara 50,000 badhaafama.

Warri lamaffaafi sadaffaa bahuun xumuran ammoo duraafi duubaan dolaara 60,000 fi 40,000 argatu.

Taammiraat Tolaa eenyu?

Atileet Taammiraat Tolaa amma ga'eessa ganna 32ti. Chaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Ameerikaa, Origoon magaalaa Yuujiin keessatti 2022 turerratti Itoophiyaaf warqee argamsiisuun oolmaa guddaa biyyasaaf ooleera.

Atileet Taammiraat Olompikii 2016 Riyoo dorgomameerrattimmoo 10,000m’n Itoophiyaaf Nahaasa argamsiiseera.

Atileet Taammiraat fiigichaa dhedheeraan kan beekamu yoo ta’u, fiigicha tiraakiirra, daandiifi qaxxaamura biyyaarratti hirmaachuun beekama.

Taammiraat fiigicha maraatoonii sadarkaa idil-addunyaatti bara 2017 irraa kaasee milkaa’uu jalqabe. Dorgommii maraatoonii bara 2017 Naasa argateera. Maraatooniiwwan Tookiyoo bara 2021 fi Maraatoonii 2023 irrattis sadaffaa ba’uun xumureera.

Haata’u malee, milkaa’inni isaa dorgommii qaxxaamura biyyaa bara 2015 Itoophiyaatti gaggeeffamerratti mo’achuun jalqabe. Kun akka inni dorgommiiwwan sadarkaaidil-addunyaatti filatamuuf karaa saaqeeraaf.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 2022 Ameerikaa, Oregonitti gaggeeffamerratti ammoo rikkardii bakka sanaa foyyeessuun biyyaaf Warqee argamsiisera.

Maraatoonii Magaalaa Niw Yoork 2023 irrattis rikkardii waggoota 12qabamee turefoyyeessuun mo’ateera.

Taammiraat fiigicha maraatoonii walakkaatiinis baayyee beekama. Bara 2013 irraakaasee fiigicha maraatoonii walakkaatiin biyyoota gara garaatti hirmaateera.

Seenaa Maraatoonii Magaalaa Niw Yoork

Maraatooniin Magaalaa Niw Yoork (New York City Marathon-NYCMarathon) dorgommiiwwan maraatonnii magaalota addunyaa keessatti gaggeeffaman keessaa adda-durummaan beekama.

Maraatooniin NYC bara 1970 jalqabe. Sagantaan waggoota 50 oliif waggaa waggaan qophaa'u kun, dorgommii xiqqaa dorgomtootuma qe'eef qophaa'uun jalqabee gara maraatoonii guddicha addunyaatti guddateera.

Maratooniin Niw Yoork jalqabaa Fulbaana 13, 1970 dorgomtoota Niw Yoorkiin qophaa'e. Dorgomicha dolaara tokko kaffaluun irratti hirmaatu ture. DOrgommicha qopheessuuf ammoo dolaara 1,000tu baasii ta'e.

Bara jalqabaa kana namoota 127 irratti hirmaatan keessaa kan xumuruu danda'an namoota 55 ture.

Seenaa Maraatoonii NiwYoork keessatti Afrikaarraa biyyoonni lama -Keeniyaafi Itoophiyaan qabxii bareedaa qabu.

Itoophiyaan Keeniyaatti aantee warqee baayyee dorgommii Maraatoonii NYC kanarraa argatteetti.

Kan atileet Taammiraat Tolaa kan bara 2023 rikkardii foyyeesuun mo'ate kanaan alatti, Lalisaa Deesisaa bara 2018 mo'ateera. Atileet Tasfaayee Jifaar bara 2001, Gabreigzaabeer Gabremedihin ammoo bara 2010 mo'ataniiru

Ji'a tokko dura Atileet Tigist Asaffaa riikardii addunyaa Maaraatoonii Barliinirratti cabsuun mo'atteetti. Dhihoo magaalaa Finfinneetti kan argamtu magaalaa Hoolotaatti dhalattee kan guddatte Atileet Tigist, riikardii bara 2019 atileetiin Keeniyaa Biriijig Kosgeen Maaraatoonii Chikaagootti 2:14:04 galmeessite daqiiqaa lamaa oliin fooyyessite.

Atileetiin fiiguu hin dandeessu jedhamtee ture Tigist, bakka kanarra gahuudhaaf seenaa addaa keessa dabarsite qabdi.