Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootii Haayilasillaasee yaadachuuf magaalaan UK feestivaala qopheessuuf
Yeroo seenaan gurraachota itti leellifamu, Bilaak Histirii Maanzi, kan baranaa wayita qophaa'u magaalan biyya UK tokko mootii Itoophiyaa Hayilasillaasee yaadachuuf feestivaala keesuummeessuufi.
Magaalaan UK, Baaz, wayita mootiin Haayilasillaasee biyyaa bahan magaalaa keessa qubataniidha. Feestivaalli kunis hariiroo magaalittiifi mootii Haayilasillaasee yaadachuuf gaggeefama.
Saganticha kan qopheessu Itoophiyaanotaafi hawaasa Raasfarii yoo ta'an, feestivaalichi waggaa 69ffaa magaalaan Baaz bilisummaa argachuu Haayilasillaaseen itti simataniidha.
Magaalaan Baaz, mootiin Hayilasillaasee biyyisaanii Itoophiyaan wayita Xaaliyaaniin weeraramtu bara 1936 hanga 1941 biyyaa baqatanii magaalaa keessa jiraataa turan.
Qindeessaan Feestivaala kanaa Raas Beenjii ''hariiroo Hayilasillaasee fi magaalaa Baaz waliin qaban irratti hubannoo uumuu feena'' jedhe.
''Achitti kabajuun keenya nuuf hiika guddaa qaba'' jedha Raas Beenjii.
Mootiin Itoophiyaa bara sanii Haayilasillaaseen humni waraanaa Mosoloonii Itoophiyaa qabachuu hordofeeti akka baqataatti gara UK kan godaanan.
Turtiisaanii waggaa shan ta'uu kan dabarsan mana akka masaraa fakkaatu,, 'Fairfield House' jedhamu keessa yoo ta'u, wayita UK gadhiisanii biyyatti deebi'an manni keessa jiraachaa turan bakka jaarroliin itti kunuunfaman akka ta'u dhaamanii ture.
Feestivaala Sanbata dhufu gaggeefamu kanarra nyaatni aadaa, walaloo, sirba hawaasa Raastafarii fi Itoophiyaa bohaarsuufi kaaniin kabajama.
Sagantaan kun hambaa mootii Hayilasillaaseen magaalaa Baaz keessatti dhiisanii deeman, ammallee jiraachuu agarsiisuu fedha jedhu qopheesitootni.
Hariiroo magaalittiifi Itoophiyaa gidduu jirus agarsiisuudha kaayyoon sagantichaa.
Hogganaa itti aanaan mana maree magaalattii Deev Wood, ''Bilaak Histirii Maanz ayyaaneffannaa biyyaalessaa ta'ee, seenaa gurraachotaa naannoo keenyatti beekuufi isaan leellisuuf carraa uuma'' jedhaniiru.
Walqixxummaa sabaa mirkaneessurratti akkauma hojjetan guyyaan seenaa gurraachotaa leellisu ji'a tokko qofatti daanga'uu akka hin qabne dubbatan.