Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Adamoo irratti namichi 'wakkallee' se’e nama ajjese himatame
Adamoo irratti namichi wakkallee (bineensa illeetti fakkaatu) itti fakkaattee lammii Chaayinaa tokko rasaasaan erga rukutee booda lubbuun isaa darbuu poolisiin hime.
Waang Moojin, erga mataa isaarra rasaasa qawwee qilleensaan (kan rasaasa xiqqoo fayyadamu) rukutamee boodaa bishaan keessatti kufee dhidhimee lubbuun isaa darbeera. Ajjeechaa isaan wal qabatees namootni afur to’annoo jala oolfamaniiru.
Kun kan uumame Jimaata waaree booda yeroo namootni afuur bulchiinsa Jiyaangi, magaalaa Shanshii keessatti adamoof deemanidha.
Chaayinaa keessatti meeshaa waraanaan wal qabatee yakki ykn balaa muraasatu uumama.
Poolisiin akka jedhutti namootni kunneen keessaa tokko marga hallayyaa keessa jiru keessatti sochii yemmu argu dhukaasa bane, bakka sanatti ammo Obbo Waang qurxummii kiyyeessaa ture.
Angaa’onno bakkichatti waamamuun namoota afran, kan gariin isaanii umurii 30’n keessa jedhamanii yaadaman to’annoo jala oolchaniiru. Dhimma kana irratti qorannoon gaggeeffamaa jira.
Qorannoon reeffa Obbo Waang irratti gaggeeffame bishaan keessatti dhidhimee akka du’e mirkaneesseera.
Addunyaa keessatti Chaayinaan seera dhorkii qawwee cimaa ta’e qabdi. Seerri kun meeshalee qawwee fakkataan ykn ashaangulliitiii qawwees of keessatti qabachuu mala.
Balaan kun miidiyaalee hawaasummaa Chaayinaa irratti bal’inaan mari’atamaa jiru.
Weibo irratti namni tokko “akkamiin biyya kana keessatti namootni qawwee qabaachuu danda’ani?” jedhan. Namni biraan ammo “kun oduu Ameerikaa natti fakkaatee ture,” jechuun barreessan.
Adamoodhaan eeyyamni kennamu jira, kanaan achi Chaayinaa keessatti qamooleen qawwee qabaachuu danda’an humna waraanaa, poolisii fi humna nageenyaatti kan murtaa’edha.
Poolisiin Shinshaawoo ibsa baaseen, yakkoota qawwee fi boombiin uumaman irratti tarkaanfii cimaa fudhachuuf akka karoorfatan ibsaniiru. Yeroo ammaatti Chaayinaan yakkoota akka kanaa irratti tarkaanfii fudhachuu erga eegaltee waggootii sadii lakkoofsisteetti.
Qawween qilleensaa rasaasa kan dhukaasu qilleensa ukkamaame fayyadamuun yoo ta’u, yeroo hedduu leenjii dhukaasaaf fayyadamama.
Chaayinaattiwakkalleen bulchiinsa Jiyaanshii keessatti qofa kan argaman yoo ta'u, madda nyaata baramoodha.