Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siiril Ramaafoosan Pireezidantii Afrikaa Kibbaa ta'uun filataman
Paartileen Afrikaa Kibbaa mootummaa waloo ijaaruf walii galuusaanii hordofee paarlaaman biyyattii Siiril Ramaafoosaa irra deebin pirezidaantii godhee file.
Filannoo torbee lama dura Afrikaa Kibbaatti gaggeeffameen paartin sagalee mootummaa isa taasisu argate hin turre.
Waggoota 30 oliif Afrikaa Kibbaa olaantummaan bulchaa kan ture paartin Neelsan Mandeellaa, ANC filannoo kanarratti sagalee harka shantamaa ol argachuu hin dandeenye.
Paartii ANCtti aanee sagalee guddaa kan argate Dimokiraatik Alliyaans (DA) fi paartiwwan kaan mootummaa waloo ijaaruf walii galuunsaanii akka milkaa'ina guddaatti jajamaa jira.
Pirezidaant Siiril Raamaafoosan filamuusaanii ilaalchisee dubbii taasisaniin mootummaa waloo haaraa hundaa'etti gammaduu ibsuun, "gaggeessitoonni wal-ta'anii fayidaa lammiilee biyyattii hundaaf akka hojjatan uummanni nurraa barbaada" jedhan.
Paartin biyya bulchu Afrikaan Naashinaal Congirees (ANC) waggaa 30 booda sagalee harka 40 qofa argachuusaatin paartilee kam fa'aa wajjin tokkummaa uuma kan jedhu yaaddoo ture.
Keessumaa sagalee harka 30 argachuun lammaffaa kan ta'e DA wajjin ijjannoo siyaasaa faallaa qabaachuusaanin bifa kamiin tokkoomurratti falmiitu ture.
Siiril Raamaafoosan pirezidaantii ta'anii akka itti fufan filamuusaanin hojiin itti aanu kaabineewwan waliin hojjatan muududha.
Kaabineesaanii haaraa muudan ammoo paartilee waliin mootummaa waloo ijaaruf walii galan keessayis kan filatan ta'a jechuudha.
Afrikaan Kibbaa gita bittaa sirna Appaartaayidii jalaa bara 1994 yeroo baatu filannoo dimokiratawaa gaggeessiteen paartin ANC mo'atee Neelsan Mandeellan pirezidantii ta'anii ture.
Ergasii filannoowwan hanga bara kanaa gaggeeffame hundarratti ANC sagalee harak 50 ol argachuun waggoota 30 darbaniif siyaasa Afrikaa Kibbaa qophaasaa to'atee ture.
Haa ta'u garuu malaammaltummaa, hoji dhabdummaafi yakka biyyattii keessatti dagaage dhaabsisuu hin dandeenye kan jedhuun deeggarsi lammiilen biyyattii paartichaaf qaban gaduma bu'aa deemee bara kana olaantummaa dur qabu isa dhabdiise.
Paartin ANCfi DA waggootaf waliiif masaanuu ta'uun wal-falmaa turan. Filannoo baranaan garuu ANCn paartii DAfi kaan waliin mootummaa waloo akka hundeessuf dirqamee jira.
Addumatti ANCfi DAn ijjannoosaanii laaffisanii yeroo gabaabaa kanatti mootummaa waloo hundeessuf walii galuunsaanii akka milkaa'ina guddaatti akka jajaman isaan taasiseera.
Gaggeessummaa Neelsan Mandeellaa jalatti paartiin ANC sirna Appartaayidii falmachuun filannoo bara 1994tti gaggeeffameen mo'atee ture.
Paartin DA ammoo qabeenya Afrikaa Kibbaa warri adii muraasni to'atan akka itti fufuuf qabsaa'a jedhamee komatama. Partichi garuu himannaa kana hin fudhatu.
Gaggeessan paartii DA Joon Istiinhuseen, hundeeffamuu mootummaa waloo ilaalchisuun haasaa taasisaniin, "Guyyaan har'aa biyya keenyaf guyyaa seena qabeessa- biyya keenyaf boqonnaa haaraa kan itti eegalle natti fakkaata" jedhan.
Ammayyuu Afrikaa Kibbaatti olaantummaa warra adiitu jechuun falmuun kan beekamu dursaan paartii Ikonomik Firiidam Faayitars, Juuliyees Maleeman bu'aa filannoo akka fudhatu beeksisus warra adii wajjin walii galuu akka hin feene beeksise.