Taphataan 'ajaa'ibaa' Liiverpuul bitate Kiyeezaan maaliif yaaddessaa ta'e?

Federiikooo Kiyeezaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Taphataan sarara fuulduraa Juveentus fi Xaaliyaan Federikoo Kiyeezaan Liiverpuul seeneera.

Gareen leenjisaa Aarnee Siloot taphataa ganna 26 kanaaf kaffaltii paawundii miiliyoona 10 akka kaffalu waliigalaniiru.

Kibxata darbe gaazexeessitootatti kan dubbate Kiyeezaan ''jireenyaa haaraaf qophaa'uu' isaa dubbateera.

Kiyeezaan guyyoota dhufan keessatti qorannoo fayyaa ni taasisa jedhamee kan eegamu yoo ta'u, kilabicha keessatti Slot'f bittaa jalqabaa ta'uu danda'a, kilabichi jalqaba bara dorgommii 2025-26f goolii eegaa Vaaleenshiyaa Joorjii Mammaadashivil Valeenshiyaarraa bitateera.

Ilma taphataa sarara fuulduraa duraanii Xaaliyaanii Enrikoo Kiyeezaan kan ta'e taphatan kun, Seerii A keessatti kilaboota akka Saampidooriyaa, Paarmaa, Fiyoorentiinaa fi Laaziyoof taphoota 380 taphatee galchiiwwan 139 galcheera.

Federeekoon umrii waggaa 10tti yeroo kilabii xiqqaa Seetignaanees jedhamurraa Laa Viyoolaatti makame.

''Kiyeezaan taphataa ajaa'ibaa ture - dandeettii guutuu qabuun baayyee adda ture,'' jechuun gaazexeessaan kilabii Fiorentina BBC Sport'tti himeera. "Dhiibbaa uumuun, ittisuu, fi keessumaa ammoo jifachuun, yeroo baayyee iddoo hin jirree carraa uumaa ture."

Yeroo dheeraaf dinqisiifattoonni Kiyeezaa kan turan Liivarpuul sarara fuulduraa duraanuu Mohaammad Saalaa, Daarwiin Nuunez, Diyoojoo Jootaa, Koodii Gaakpoo fi Luwiis Diyaaz of jajuu dabaluudhaaf taphataa lammii Xaaliyaanii fidaa jiru.

Chiesa taphoota Xaaliyaanii afran Yuuroo 2024 keessaa sadii cinaacha mirgaatiin jalqabe - bakka Saalaa Anfiilditti filate - bara darbe Juuveentus keessatti garuu irra caalaa sarara fuulduraa lammaffaa ta'ee tooftaa 3-5-2 Aleegrii jaallatu keessatti taphata.

Siloot Aanfiilditti Kiyeezaarraa hamma danda'ame fayyadamuuf ofitti amanamummaa qaba- iddoon inni itti hiriirsisee taphachiisu maalis ta'u maal. Haata'u malee wanti yaaddessaan miidhamaaf saaxilamaa ta'uu isaati.

Taphataan kun Adoolessa 2021 irraa eegalee guyyoota 400 ol miidhamaan dabarse liigii ciminni qaamaa barbaachisaa itti ta'e kana keessa fayyaa ta'ee turuu danda'uu fi dhiisuun isaa gaaffii uuma.

''Saffisa sirrii ta'e tokko Liiverpuul keessatti fiduu danda'a, garuu miidhamaaf baay'ee saaxilamaadha,'' jedha Verriin. Cimina kubbaa miilaa Ingiliz sana akka dandamatu mirkanaa'aa miti jechuunis dubbata.

Kiyeezaan ji'oota 12 keessatti kontiraatnisaa waan dhumuuf kilabnisaa Juuveen waggaa eegee bilisaan isa gadhiisuu mannaa gatii rakachaan isa gurgurate.

"Liivarpuuliif gaariidha. Baasiinsaa guddaa miti, garuu tarkaanfii balaa qabudha."