Magaalaa Shaggaritti waraabessi lubbuu daa’imaa galaafannaan hawaasni waraabessa adamsuu eegale

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Qabiyyeen odeessa kanaa miira isin jeequu mala.

Uummanni naannoo miidhaan irra qaqqabee waraabessa 14 kan ajjeesan yemmuu ta’u, har’as guyyaa lammaffaaf adamsaa jiru.

Taateen kaleessa ALI Hagayya 19, 2016 Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa aanaa Daalattii keessatti mudate hawaasa naannoo rifaasiseera.

Kaleessa ganama sa’aa 4:30 irratti aanicha keessa iddoo addaa Zoonii Qarsaa jedhamutti daa’imman ollaa shan waliin taphachaa turan.

Iddoon isaan itti taphatanis dhiyeenya iddoo bosonaan uwwifameedha. Iddoon kun iddoo awwaalachaa hordoftoota amantaa Islaamaa yemmuu ta’u, naannoosaa garuu manneen jireenyaa ni argamu.

“Bakkichi naannoo hektaara shanii ta’a. Waraabessi achuma keessatti mandhee godhatee kan galu” jedhan angawaa Aanaa Daalattii kan ta’an Obbo Baacaa Tarrafaa.

“Kana dura darbee darbee mul’achaa ture. Guyyaa kaleessaa garuu ganama keessaa sa’aa 4:30 irratti ijoolleen bahanii taphachaa osoo jiranii kan daa’ima waggaa lamaa fudhate” jechuunis taatee guyyaa kaleessaa uumame ibsan.

Maatiin daa’ima miidhaan irra gahee ollaa bosona kanaatti mana abbaan qabeenyaa ijaaruun akka eegaa keessa jiraataniif heeyyameef keessa kan jiraatan akka ta’es himaniiru.

“Waraabessi kana dura toora sana baay’inaan akka jiraatuufi garuu guyyaa tokkoyyuu abbaas ta’e daa’imatti akka hin dubbanne abbaa daa’imichaarraa hubanneerra” kan jedhan Obbo Baacaan, daa’imman biroon iddichatti taphaaf yemmuu dhufan garuu akka lolu odeeffachuusaanii himan.

Waraabessichi daa’ima waggaa lamaa erga fudhatee booda gara bosonaa seenuu kan himan angawaan kun, daa’imman tapharra turanis daa’imni waraabessaan fudhatamuu haadha daa’imaatti himuu dubbatan. Sana boodas namni iyyee hawaasni birmate jedhan.

Haa ta’u malee lubbuu daa’ima waraabessichaan fudhatamee oolchuun akka hindanda’amne himuun, “hanga namoonni bira gahanitti daa’ima guutumaan guutuutti nyaatee fixeera. Lafee caccabaa xixiqqaatu argame malee daa’ima nyaatee fixeera” jedhan.

Sana boodas hawaasni waraabessa bosonicha keessatti argamurratti tarkaanfii fudhachuu eegale.

“Waraabessa 14 kan ta’u tarkaanfiin irratti fudhatamee du’eera. Kan rukkutamee baqates jira” jedhan.

Lakkoofsi waraabessaa bosona kana keessa jiraatuu naannoo 100 akka ta’u kan himan Obbo Baacaan, gama mootummaatiin tarkaanfii akka fudhatan himaniiru.

“Akka qaama mootummaatti kan yaadne mukkeen xixiqaa ciramanii keessisaa akka qulqullaa’udha.

Lammaffaammoo waraabessicharratti tarkaanfii fudhachuu kan itti fufnufii achi keessaa kan dhabamsiifnu ta’a” jedhan.

Gama biraatiin maatii miidhaan irratti qaqqabeef manni jireenyaa kan gandaa ijaaramaafii akka jirus himaniiru.

Taateen waraabessi namarratti miidhaa geesisuu naannichatti baramaa akka hintaane kan himan Obbo Baacaa Tarrafaa, “waggaa tokko yookiin waggaa lama dura nama machaayee deemu akka nyaatetti kan odeeffamu” jedhan.