Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Raashiyaan daa’ima ganna 4 dabalatee namootni 23 du’an
Jiraattonni Viniytisiyaa naannoo waraanni Yuukireen itti cimu irraa baayyee fagaatanii jiraatu. Nageenya isaaniif sababa itti yaadda’an hin qaban ture. Hanga misaa’elli Raashiyaa itti roobetti.
Haleellaa Kamisa raawwateen daa’ima ganna 4 dabaltee yoo xiqqaate namootni 23 du’uuniiru.
Roookkeetiin kun rukutuu isaa dura Lizaan, harmee ishee waliin kutaa wal’aansa odeessu barsiisuu keesa turte.
Haleellaa kanaan harmeen ishee guddaa miidhamte hospitaala keessatti wal’aanamaa jirti.
Dooktaroonni oduun kun ishee ajjeesa sodaa jedhuun, hanga ammaatti du’a daa’imni ishee akka itti hin himne dubbatu.
Raashiyaan haleellaa kana amananis, kan isaan rukutan humna waraanaa ta’u dubbatu.
Lammiin Biriteen finciltoota lixa Yukireeniin qabamee ture du’e
Lammiin Biriteen fincoltoota Raashiyaan deeggaramanii Yuukireen keessa jiraniin qabamee ture, hidhaa keessatti du’uu isaa gabaafame.
Kaaba Ingilaand irraa kan ta’e namichi ganna 45 Pool Ureey, Ebla keessa nama ajjechaaf qacaramtedha himata jedhuun keellaa magaalaa Zaporiziyaatti Ebla keessa to’atame.
Bakka Rippaalika Uummata Donetskii (DPR) jechuun of waaman keessatti nama biraa, Diilan Hiilii jedhamu waliin hidhame.
Dubartii tokkoo fi maatiishee sababa waraanaan danqamanii jiran oolchuuf yaalaa ture jedhame yaadama.
Qondaaltonni DPR Pool kan du’e dhibee fayyaa qabuun akka ta’e himaniiru.
Manneen hidhaa Raashiyaa keessatti lammileen Yuukireen dhibbaa ol ta’an dararamaa jiru.
Olee Palapenkoo, nama siyaasaa Yuukireen kan ta’e, humnoota Raahiyaan ji’a sadiif qabamee ture. Yeroo sanatti irra daddeebiin dararamuu isaa BBC’tti himeera.
“Na reebaniiru, elektiriikiin na gubaniiru akkasumas yeroo bakkeen baayyee qorrutti bishaan qorraa natti naqaniiru,” jechuun himateera.
Mudannoon isaa seenaa lammileen Yuukireen dhibbaan lakkaa’aman kan humnoota Raashiyaan hidhamanii turan himan keessaa tokkodha.
Raashiyaan himata irratti dhiyaatu kanaaf deebii akka kennituuf gaafatamtus deebii hin kennine.
Meesha rookkeetti dhukaasu M270 jedhamu Yuukireen yeroo jalqabaaf argatte
Yuukireen Meesha rookkettii hedduu dhukaasu M270 jedhamu yeroo jalqabaaf argatteetti – kanaanis kuusaa meeshaalee waraanaa fagootti dhukaasan biyyootii Lixaa irraa argattu guddifatteetti.
Biyyittiin hanqina meeshaa waraanaa qabaachuun ishee erga dhaga’amee booda, lixa biyyatti keessatti humnoota Raashiyaa loluuf jecha meeshalee waraanaa akka gumaachaniif biyyootii Lixaa gaafachaa turteetti.
Meeshaan waraana kun biyya kam irraa akka gumaachame ifa miti ta’us garuu UK’n kanaan dura meeshaa waraanaa akkanaa akka gumaachitu beeksifte turte.