Saawudiin mucaa duuti itti murtaa'ee ture hidhaatii gadhiiste

Maxxanfame

Falmitootni mirga namoomaa Saawud Arabiyaan sireeffamaa ijoollee waggaa 13 tahee to’atame gadhiiste jedhan. 

Murtaja Quures fincila diddaa mootummaa biyyattii irratti bahame keessatti hirmaatera jedhamuun hidhamee ture.

Yeroo tokko murteen du’aa irratti darbee ture. Booda gara hidhaa umurii guutuutti jijjiirameef.

Bara 2014 yeroo Warraaqsa Arabaa hiriira mormii mootummaa irratti bahame keessatti hirmaatera jedhamuun hidhame.

Siyaasa keessatti hirmaatera jedhamuun Sawudii keessatti namoota hidhamanii beekan keessaa Murtaajaan isa umurii xiqqaa qabudha. 

Kutaa Baha Saawud Arabiyaa keessa hiriira bahame keessatti ijoollee kaan waliin saayikiliidhaan yeroo bahan viidiyoon tokko agarsiiseera.

Naannichi qe’ee warra mootii hawwaasa musiliimaa Shiyaa [Shia] lakkoofsaan xiqqaa tahanii yoo tahu innis isaanuma keessaa tokko. 

Hawaasni Musiliimaa Shiyaa Sawud Arabiyaa keessaa warra lakkoofsaan hedduu ta'an Suuniidhaan conqurfamaa jirra jechuun bara dheeraaf komataa turan. 

Akka lammii lammaffaatti ilaalamna jedhu.

Kanaaf yeroo warraaqsa Arabaa sana keessa komii isaanii daandiitti bahuun ibsatan.

Mormiin sun humnoota nageenyaa biyyichaan akka dhaabbatu tahee kumaatamni to’annoo jala oolan. Isaan keessaa hedduun isaanii murtoo du’aa irratti darbuun ajjeefamaniiru.

Dhaabbileen Mirga Namoomaaf falman Murtjaan himata malee yeroo dheeraaf hidhame jedhan.

Suuraan isaa duraanii fi ammaa ni hima. Yeroo qabame ijoollee ergasii ammoo areeda baasee argame. 

Himatni yeroo irratti banamu ammoo miseensa garee shororkeessaa keessaati jedhameeti.

Obboleessa isaa buufata poolisiitti boombii peetirooliyeemii irraa qophaa’e darbate waliin deemte jedhamee himatame. 

Abbaan alangaa murtee du’aa akka darbu barbaade. Kanneen mirga namaaf falman ammo ni fannifama jechuun sodaatanii turan.

Dararaa guddaan irra gahaa akka tures himaniiru. Hawaasni idil-adunyaa mucaa kanaaf falmaa turan.

Jalqaba hidhaa wagga 12tti gadi xiqqaate. Sana booda gara wagga saddeetiitti gadi bu’e.

Kana xumurachuun amma hiikamuunsaa gaheera jechuudha.