'Barsiisaa ta'uukoottin gaabbe' - Rakkoo barsiisota Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Barsiisonni Itoophiyaa kallattii garagaraatiin rakkoo keessa jiran himachaa jiru.
Barsiisonni ji’oota 17 miindaan isaaniif hin kaffalamiin mootummaa himachuun isaanii beekama.
Barsiisonni Itoophiyaa naannolee afur keessaa BBCn dubbise 'miidhamaa jirra' jedhan.
Barsiisonni miindaan jalaa cicciturraa kaasee dirqamaan baasii akka buusan dirqisiifamaa jiraachuu kan dubbatan yoo ta’u, ‘maaliif’ jedhanii warri gaafatan ammoo reebichi, hidhamuufi hiraarfamuun akka isaan mudatu ibsaniiru.
Waldaan Barsiisotaa gamasaatiin gabaasaaleen miindaa waliin walqabatan akka dhiyaataniif eeruun, daafaan isaa dhalootaafi sirna barnootaafillee kan gahudha jedhan.
"Beela'aa hin barsiisu" - Naannoo Sidaamaa aanaa Daraaraa
Naannoo Sidaamaatti barsiisonni ijaarsa gamoo Paartii Badhaadhinaatiif akka buusii goonu dhiibbaan nurra gahaa jira jedhu.
Barsiisonni godina giddu-galeessaa aanaa Daraaraa ijaarsa gamoo waajira Paartii Badhaadhinaatiif miindaasaanii ji'a tokko akka kennan gaafatamanii barsiisonni didan miindaan ji'a Onkoloolessaa akka isaaniif hin kaffalamiin dubbataniiru.
Barsiisonni sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa lamaffaa aanaa Daraaraa 200 miindaa isaanii kennuudhaaf hayamamoo kan hin taaneefi hin mallatteessine miindaan ji'a Onkoloolessaa hin kaffalamneef.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ijaarsa waajira paartichaatiif barsiisota dabalatee hojjetoota mootummaarraa Birrii miiliyoona 16 walitti qabuudhaaf kan karoorfate aanichi, "dirqama misooma keessatti hirmaachuu qabdu" maqaa jedhuun dhiibbaa nurraan geessisaa jiru jedhan.
Ji'a 10 keessatti kaffalamee kan xumuramu miindaa isaanii ji'a tokkoo akka kennaniif kan gaafataman barsiisonni, " nuti waan hojjennurraa gibirri nurraa cita, kun ammoo misoomaaf oola..." jechuun walga'iirratti beeksisuu isaanii BBCtti himaniiru.
Barsiisonni kunneen miseensa Paartii Badhaadhinaa akka hin taaneefi dirqamasaanii akka hin taane ibsuun mallattoo walitti qabuun qaama mootummaa dhimmi ilaallatuuf iyyata dhiyeeffacuusaanii barsiisaan mana-barumsaa sadarkaa lamaffaa tokko dubbateera.
"Waan jedhamtan godhaa, mallatteessaa, akkasumas [miindaan keessan] isiniif kennama," deebiin jedhamu nuuf kenname kan jedhan barsiisonni; "akka haal-dureetti kan kaa'an mallatteessuudha," jechuun miindaan isaanii 'buusii dirqamaatiif' akka jalaa qabame ibsaniiru.
Mootummaan dirqisiisee [maallaqa] fudhachaa jira" kan jedhe barsiisaan biraa; bulchiinsa naannawaa sanaa "eessallee deemtan naanoftanii garuma keenyatti deebiyuun keessan hin hafu jechuun dhaadachaa jiru," jechuun doorsifamaa jiraachuu dubbatu.
"Yoo beela'an, yoo dheebotan dhufuun isaanii hin hafu jechuun dhaadachaa jiru," kan jedhe barsiisaan iraa, barsiisonni matii qaban dirqamanii akka mallatteessan dubbataniiru.
Buusii kennuuf barsiisonni mallatteessan "jaallatanii osoo hin taane hidhaafi doorsisa, akkasumas beela sodaataniidha" kan jedhu barsiisaan kun, "rakkoo keessa jirra" jedhe.
"Kireeffadheen jiraadha, kiraa manaa hin kaffalle. Baasiiwwan biroo nan qaba. Nyaataaf ammoo hiriyyoota koo bakka biraa hojjetanirraa liqeeffadheen jiraachaa jira. Jiraachuuf rakkachaa jirra," jechuun haala keessa jiran dubbata barsiisaan tokko.
"Mana hidhaa kan guutan barsiisotaanidha" - Naannoo Itoophiyaa Kibbaa godina Korree
Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Korree, Aanaa Saarmaaleetti 'kitaaba barattoottaaf maxxansiisuu' jechuudhaan hayyamasaanii malee mindaa barsiiftotaa kutamu dubbatan.
Barsiiftota manneen barnootaa 27 aanichatti argaman keessatti barsiisaan baatii sadiif (Hagayya- Onkololeessaatti) ji'aan mindaasaaniirraa parsantaa 25 kutamu ibsan.
Barsiisaan mana barnootaa Gumiroo Goolbaa tokko waa'ee buusichaa walgahii turerratti dandeettiin barsiisaa murtaa'aa ta'uu fi akka hin dandeenyeen dubbachu kaasuudhaan, ''dirqama gaheen keessan keessa jiraachu qabaata yoo jettan ammoo hanga dandeenye maallaqa callaadhaan haa gargaarruu'' filmaata jedhu dhiyeessanii turan.
Haata'u malee, bulchaan aanichaa osoo barsiiftoonni irratti waliin hin galiinii fi hayyamasaanii malee ji'aan mindaasaanii irraa parsantaa 25 akka citu taasisaniiru jechuun himatan.
''Nuti abbaa qalamaati. Nurraa dirqiidhaan kutamuus, hayyamaan kenninuuf rakkoo hin qabu. Osoo nu hin hayyamsiisiin, osoo nuti walii hin galiin maaliif kutame?'' gaaffiin jedhu ammoo kan barsiiftoota hundaa ta'u barsiisaan gara biraa BBCtti Amaariffaatti himan.
Barsiiftoonni kanaan hin gammadiinis osoo hojiisaanii hin dhaabiin karaa bakka bu'oota isaanitiin iyyata dhiyeessan illeen, bulchaan aanichaa irraa dorsiisa, reebiichaa fi hidhaan irratti raawwatamu dubbatan.
Barsiisaan sadarkaa tokkooffaa aanichaa ''barnoota dhaabna, mindaan keenya nu kanfalamu malee hin barsiifnu'' jechuudhaan iyyata dhiyeessuu kan dubbatan tokko, ''dirqiidhaan barsiiftu'' jechuudhaan bulchaan aanichaatiin reebiichiifi hidhaan irratti raawwatamu ibsan.
Barsiiftoonni waa'ee mirgasaanii gaafatanii fi hidhamuu barsiiftootaa kanneen morman barsiiftoonni 20 ol ALI Sadaasa 10, 2017 irraa eegalee hanga ammaatti mana murtiitti osoo hin dhiyeeffamiin hidhamuu dubbatan.
'Barsiisaa wanti jedhu hin jiru. Mana hidhaa kan guute barsiisaa qofaadha'' kan jedhan barsiisaan kun, barnoonni adda cituus ibsaniiru.'
“Barsiisaan hin jiru, eenyutuu barsiisa?'' jechuun barnoonni adda cituu kan dubbatan barsiisaan gara biraa, ''anis hin barsiisuu'' jechuudhaan nageenyasaaniif yaadda'uun naannicha gadi dhiisanii bahu BBCtti himan.
Barsiiftoonni iyyatasaanii waan dhageessisaniif bulchaan naannichaa ''maqaa na balleessaa jiru'' jechuudhaan, dhiibbaa irraan gahaa akka jiran kan dubbatan barsiisaan gara biraa, ''eessaa haqa arganna laata?'' jechuun gaafatan.
''Ani barsiisaa ta'ee beekumsan qabu kennuu ergan hin dandeenye, carraan dhaloota egeeree maal ta'a? Barsiisaan haala kanaan miidhameera. Akkasiin rakkataa dhaloonni eegeree eessatti kufa?''
“TV koo gurgureera'' Naannoo Amaaraa Godina Gojjaam Lixaa
Naannoo Amaaraa kan walitti bu'insi keessatti argamuutti, Godina Gojjam Lixaa aanaa Quwaaraatti barsiiftoonni mindaan turuusaatti ''rakkoo cimaa'' keessa jirra jedhan.
Barsiiftoonni mindaan Onkololeessaa akka hin kanfalamneef dubbatan.
Bara darbe walitti aansee mindaa baatii sadii osoo hin kanfalamneef turuusaa kan dubbatan barsiisaan kun, kunis itti fufuu mala jechuun yaaddoo keessa galu kaasan.
''Qabeenya keenya gurguraa jirra'' kan jedhan barsiisaan mana barnootaa qophaa'umsaa tokko, haalichii ''rakkiisaadha'' jedhan.
“Qabeenyaa qabnu gurgurreerra. Siree gurgurreerra. Barcuma gurgurreerra, TV gurgurreerra. Hiriyoonni koo qubeellaa gaa'ilaa gurguruurra gahanniiru. Kanarratti qaala'insii jireenyaa jira. Xaafiin kuntaalli tokko birrii kuma 11 galeera. Boqqooloon kuma afur, kuma shaniitti gurgurama'' jechuun ibsa abbaa ijoollee lamaa tokko.
“Filanoonni jiruu gara garaagaraatti baqachuudha'' kan jedhan barsiisaan kun, barsiiftoonni maatiisaanii bulfachuuf meeshaa manaasaanii gurguraa jiraachu BBCtti himan.
“Bariisaa siree gurgurate beeka'' jechuun barsiiftoonni ijoolleesaaniitiif daabboo biruuf jecha qabeenyaa gatii baasan gurguraa jiraachu dubbatu.
Humnootiin mootummaa naannoosaanii gadi dhiisanii baanaan mindaansaanii adda cituu kan dubbatan barsiisaan kun, hojjattoonni mootummaa aanichatti argaman kumaan lakkaa'amaniif mindaan akka hin kanfalamane dubbatan.
Kana malees barsiiftoonni naannichaa addatti dhiibbaan akka irra gahuu dubbatan.
“Barsiisaa ta'ukootti baayyeen gaabbe''- Naannoo Lixa Kibbaa Godina Kafaa
Naannoo Kibba Lixaa Godina Kafaa, aanaa Cataatti misoomaaf jedhamee barsiiftoonni hayyamasaanii malee mindaan baatii tokkoo buusiidhaaf akka irraa kutame ibsan.
Barsiiftoonni ''ijaarsa daandii baadiyaatiif'' oola kan jedhamee fi waggaa tokko keessatti akka muramuuf mindaan baatii tokkoo waliigalteerra osoo hin gahamiin 'jumlaadhaan'' fi ofumaa irraa kutuu dubbatan.
''Hojjattoonni mootummaa parsantaa 50 ol deeggaraniiru jedhamuun jumlaan ni kutama'' jedhamee murtaa'u kan dubbatan barsiisaan sadarkaa tokkooffaa, hayyamnii saaniifi dandeettiinsaanii murticharratti jijjirama akka hin finnee dubbatan.
“Barsiiftoonni misoomarraa hin fayyadaman jechuu osoo hin taanee, kan humni keenya hin dandeenye nu hin gaafatiinaa jechaa jirra'' jechuun barsiisaan tokko BBCtti kan himan.
Buusiin kunis barsiistoota qofaarratti kan xiyyeeffate akka hin taane kan dubbatan barsiisaan gara biraa, ''haala dandeettii keenya hubannoo keessa galcheen haa ta'u'' yaada jedhu akka qaban dubbatan.
''Mindaa kuma afur argadha. Isa sana narraa fudhachuurra maaloo birrii 1,500 harkaatti isinii haa kennuun jedhaan kadhadhe,'' jechuun dubbatan barsiiisaan mana barnootaa sadarkaa lammaaffaa Baashii aanichaa.
“Deeggarsi hin jiru. Gummaachadha. Misoomaaf ashaaraa keessaa kaa'aa jedhama. Namni kan danda'eeniidha... Kan danda'eetuu deeggara'' jechuun dandeettii keenyaan walitti buusuudhaan gaaffii yoo dhiyeessan bulchiitoonni aanichaa garuu ''mindaa baatii tokkoo guutuu yoo hin taanee hin fudhatan'' jedhan.
Barsiisaan mindaan Onkololeessa irraa cite iyyata dhiyeessuuf gara dhaabbata mootummaatti yoo qajeelan, rakkoon irra gahuu barsiisaan tokko yoo dubbatu, barsiisaan gara biraa ammoo, ''poolisiin ukkaamsanii turan'' jedhan.
''Akka nama hatee deemeetti pooliisiidhaan dabalaamanii kan deeman'' jechuun barsiisaan tokko BBCtti himan.
Aanichatti guyyoota lamaaf barnoonni addaan citee akka ture kan dubbatan barsiisaan tokko, bulchaan godinichaa irraa maallaqanisaanii akka deebii'uuf waan itti himameef barsiisuu eegalu dubbatan.
''Barsiisaa ta'uu kootti baayyeen gaabbee. Barsiisaan mindaa ji'aatiin ala kan argatu homtuu hin jiru. Erga naannoo haaraan hundeeffameen booda hanga guyyaa 50tti tureeti mindaan kan nu kanfalame. Kana obsiineerra. Garaafi dugdi waliitti citee, rakkoo agareeti yoo mindaan kun nurraa kutamu. Namuu mirka keenya nu kabachiisuu didnaan... barsiisaa ta'u kootti baayyeen gaabbe'' jechuun gaabbiidhaan haala jiru ibsan.
Waldaan Barsiisotaa maal jedhu?
Waldaan Barsiisotaa Itoophiyaa,keessumaa naannolee haaraa keessatti rakkooleen kaffaltaa miindaa waliin walqabatan akka jiraatan gabaasni akka isa gahu dubbateera.
Pirezidantiin Waldichaa Dr.Yohaannis Bantii “barsiisonni miindaan isaanii yeroosaatti kan hin kaffalamneef taanaa kallattiin barsiisota qofa osoo hin taane baruufi barsiisuu irratti dhiibbaa guddaa uuma. Ijaarsa dhalootaafi sirna barnootaarratti dhiibbaa waan uumuuf furmaanni kennamuu qaba,”jedheera.
“[Barsiisonni] mirgisaanii kabajamuu qaba; miindaan isaanii osoo isaan hin hayyamiin kutamuu hin qabu. Ajandaa kana qabannee Mariyanna; qaamolee dhimmi ilaallatuuf ibsina. Kun rakkoo bulchiinsa gaariidha,” jechuun rakkoo kanaibsan.
Pirezidantichi barsiisota naannoo Sidaamaa Paartii Badhaadhinaatiif buusii hin goonu jedhaniif miindaan kaffalamuu dhabuu gabaasni akka isaani hin qaqqabiin eeruun, dhimmicha akka qulqulleeffatan dubbataniiru.
Buusii dirqamaa barsiisota Itoophiyaa Kibbaa ilaalchisee gabaasni kan isaan gahe pirezidant Dr. Yohaannis dubbatanii, barsiisonni hidhamuus mirkaneeffataniiru.
“Qajeelchi barnootaa [aanichaa] ‘fedhiisaaniitiinidha hin dirqisiifne’ jedha [Naannoon Itoophiyaa Kibbaa]. Waldichi ammoo ‘dirqamaan irraa citaa jira’ [jedha]” jechuun Waldichi akka qulqulleeffatu BBCtti himeera.
“Nut ikan jajjabeessinu [baasiin kun] humna isaaniitiin, fedhiisaaniitiin, hanga danda’an haa ta’u kan jedhudha. Dirqama ta’uu qaba jennee hin amannu,” jechuun ejjennoo Waldaa isaa beeksiseera.
Qaamoleen mootummaa dhimmichi ilaallatus akka beeksisan pirezidantichi dubbataniiru.
Barsiisota naannoo Amaaraa kan ilaallatus Waldichi walga’ii Waldichaarratti miindaan barsiisotaa kaffalamuu akka qabuejjennoo qabaachuu kan dubbatan Pirezidaantichi; Kanas dhaabbilee naannichaa dhimmichi ilaallatu beeksisuu ibsan.
Waldichi mirga barsiisotaa kabachiisuuf gaaffiin alatti seeraan gaafachuudhaaf yaaduu isaa ilaalchisee “Himachuun ni danda’ama; wanti nu dhorku tokkollee hin jiru. [Garuu] waan meeqaaf himanna?... Abokaatoo kana hunda dhaabuu hin dandeenyu. Sadarkaa Federaalaatti abokaatoo tokko qofa qabna. Sadarkaa naannootti warri qaban jiru. Naannoleen sana gochuu[himachuu] ni danda’u. Kan kana godhanis jiru,” jechuun himannaa caalaa waliin dubbachuun furmaata fiduu wayyan jedha.
“Kanaan dura baayyee qabsoofneerra; waliin dubbannee furmaata fidneerra,” jechuun akka fakkeenyaatti miindaan barsiisota Itoophiyaa kibbaa turuu dubbatu.
Dhiyeenya kana yaalii nuti barsiisota naannoo Tigraay miindaan ji’oota 17f hin kaffalamneef hin milkoofne jechuun mootummaa naannoofi Federaalaarratti himata banuun isaanii ni beekama.
_____________
* BBC gabaasa kanaaf naannolee biyyattii keessaa barsiisota sagal dubbiseera. Isaan keessaa torba maqaan isaanii akka hin dha’amne kan gaafatan yoo ta’u, lama ammoo gabaasa kana keessatti maqaan isaanii akka eeramu hayyamanillee BBC sababa naannoo isaaniitti barsiisonni hidhamaa jiraniif balaaf saaxilamu jechuun maqaa isaanii eeruu dhiifneerra.












