Cirreessa Booranaa bofa namuu arguu sodaatu akka fedhanitti abbooman

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Aadaa Boronaa keessatti Cirreessi bakka guddaa qaba. Cirreessa jechuun namoota qorsa aadaa beekan jechuudha.

Fakkeenyaaf, qorichi yeroo bofti nama hiddu, yeroo sareen maraatuu nama ciniintu wallaansaaf oolu akka qaban himatu. Namoonni lama Kaaba Keeniyaa, Marsaabeet keessatti yoo bofi mana namaa seene manaa namaaf baasu. Yoo barbaadan ammoo bofa lagaa waamaniis ni qabu.

Kana malees, akka bofti nama hin tuqne, ykn akka namni bofa hin tuqne ni abboomu.

Hancufuma isaanii itti tufanii ammoo bofa ajjeesuus kaasuu ni dandeenya jedhu.

Jarri kun hojii isaanii kanaan hawaasa biratti ni beekamu.

Ammoo hawaasni isaan fudhatus, isaan sodaatus hedduudha.

Haata'u malee, gochi dhufaa darbaa hawaasicha keessatti baakamu kun saayinsiin hin mirkanoofne.